Manni Maree Diyaaspooraa Tirast Fand Itoophiyaa ifatti hojii jalqabe

Abiy Ahimad fi dolaara Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Waamicha 'Doolaara 1' MM Dr. Abiy Ahimad taasisan bu'uura godhachuun kan hundeeffamme Manni Maree Tirast Fand Diyaaspooraa kaleessa ifatti galii walitti qabuu jalqabeera.

Lammiileen Itoophiyaa biyya hambaa jiran hundi irratti ni hirmaatu jedhamee kan yaadame karoorri kun, galiifi baasiin isaa kan boordiidhaan sirriitti hordofamu ta'ee akka diyaasporaan guyyaa guyyaan Dolaara tokko kan itti gumaachanidha.

Marsariitii mana maree kana ethiopiatrustfund.org irratti namuu deemuun gumaachuu danda'a.

Ifatti banamuu Tirast Fandii kana waliin walqabatee xalayaa waajira Ministera Muummeetiin ba'een Dr. Abiy Ahimad milkaa'ina manni marichaa Tirast Fandii kana milkeessuuf hojjetan ergaa baga gammadanii dhaamanii hawwaasni diyaasporaa guutummaa addunyaarra jiru akkuma waadaa seenaniin akka itti fufanii gumaacha taasisan irra deebiyanii waamicha dhiyeessaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Hammi walitti qabameefi maqaan namoota gumaachanii marsariitii kanarraa haala ifa taheen kan argamu wayita tahu, hanga odeessa kana qindeessinutti sa'aatii 24 keessatti Doolaarri Ameerikaa 45,000 caalu walitti qabameera. Kunis Birrii miiliyoona 1 fi kuma 200 ol kan tahudha.

Namoota bebbekamoo Obaang Meetoo, Taammaany Bayyanaa, Tashitaa Tufaa, Yaadasaa Booji'aa fi kanneen biroos irratti hirmaataniiru.

Namoota gumacahan keessaa muraasa

Madda suuraa, EDTF

Ibsa waa'ee suuraa, 'Qonnaan bulaa har'a akka gahuuf gumaacheef deebiseen kaffala' jedha namoota gumaachan keessaa tokko Tammiraat Baqqalaa jedhamu

Isa kana maaltu adda taasisa?

''Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimadin hundaa'uun isaa adda isa taasisa,'' kan jedhan miseensa koree Mana Maree kana keessaa tokko kan tahan Obbo Roobsana Ittaanaa,

Kana malees manni maree kun namoota adunyaaratti gama diinagdeefi daldalaan bebbeekamoo tahan kan of keessatti hammate ta'uunsaa, biyyattii keessatti jijjiirama ni fida jedhaniiru.

Maal milkeessuuf karoorfame?

Kana

Madda suuraa, EDTF

Akka odeeffannoo marsariitii mana maree kanarraa argametti, xiyyeeffannoon fandii kanaan itti milkeessuuf yaadame: qonna, barnoota, fayyaa, dubartoota, kalaqa hojii maallaqaan deeggaruu, teekinooloojii, bishaaniifi qulqullinaa fi dargaggoota tahuu eera.

Kanas Obbo Roobsan wayita ibsan, ''Dubartoonni har'a biyya keenya keessa garaatti baatan lafa itti yaalaman dhabanii kan du'an baayyeetu jiru,'' jedhu.

Kana malees, ''Qonnaan bultoonnis har'a akka barbaachisutti qotuu hin dandeenye. Rakkoo Bishaan qulqulluu biyyattii keessa jiru furuufis fandiin kun akka hojiirra oola, '' jedhan.

Walumaagalatti ''Jijjiirama dhufaa jiru kana karaa diingadee jabeessuuf,'' kan kaayyeeffatedha jedhaniiru Obbo Roobsan.

'Karaa isa sirriiti'

Amma dura gama adda addaatiin namoonni gurmaa'uun maallaqa guraa turan kan eeran Obbo Roobsan, ''Maallaqa sassaabame kana akkamitti gara tokkotti fiduu akka dandeenyu jaraa wajjin mar'ichaa jirra,'' jedhu.

'ETHIOPIA DIASPORA TRUST FUND' karaa seeraan kan dhaabbatedha. Akka seera biyya Ameerikaattis 501(c)(3) kan hundaa'e tahuu kan himan obbo Roobsan kunis akka dhaabbata mit-mootummaan hojjetu (NGO) tahuusaa mirkaneessa jedhaniiru.

Yeroo dhiyoottis boordiin maallaqa kana hojiirra oolchu biyya keessatti ni hundeeffamas jedhaniiru.

Yoom hojiirra oola?

''Kana kan murteessu namoota biyya alaa keessa jiraatan yookaan diyaaspooraadha. Yeroosaa murteessinee beekuu baannus yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oola jedheen yaada,'' jedhaniiru Obbo Roobsan.

Presentational grey line

'Tirasti Fandiin' maalidha?

'Tirasti Fandi' jechuun qaama seera qabeessa namootaaf, gureef ykn dhaabbileef maallaqa callaa ykn meeshaa kan to'atudha jechuudha.

Akaakuun 'Tirasti Fandii' gara garaa jiraatanillee hundi isaanii garuu waan bu'uuraa sadii walfakkaatu qabu. Isaanis, maallaqa callaa ykn meeshaan kan arjoomu, to'atuufi fayyadamtoota fadichaati.

Akka yaada Minisitira Muummichaatti 'Tirasti Fandiin' kun Itoophiyaa keessatti ykn biyyoota Itoophiyaan ala ta'anitti hundaa'uu ni danda'a. Haala kanaan hawwaasni Diyaasporaa fedha isaaniitiin garaa garummaa yeroo ta'e gidduutti buusii 'Tirasti Fandii' kanatti ergu.

Guyoota muraasa dura lakkoofsi herregaa 'Tirasti Fandii' kanaa kan beeksifame yommuu ta'u hawwaasni Diyaasporaa marsariitii 'Tirasti Fandii' yeroo dhiyoo keessatti labsamuun ykn dhaabbileen 22 ta'an maallaqa akka addunyaatti daddabarsan fayyadamuu akka danda'an Itti Gaafatamaan Waajira Ministirri Muummee Obbo Fitsumma Araggaa beeksisaniiru.

Ministirri Muummichaa yeroo kana beeksisanitti, 'Diyaasporaan makkiyaatoo tokkoof Dolaara 5 baasu. Baasii makkiyaatoo isaaniirraa biyya isaaniif Dolaara tokko osoo baasanii ji'atti Itoophiyaan Dolaara miliyoona 30 akka argattu taasisa jechuudha," jedhan.

Presentational grey line