Sochiin dippilomaasii Itoophiyaa maal busaa jira?

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Mummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad Tibba kana biyyota garaa garaa waliin waliigaltee misoomaa fi gargaarsaa garaa garaa rawwataniiru.

Kanneen keessayis waliigalteen dhiheenya kana gamtaa Araboota Imireetis (UAE) walii kallattii invastimantiifi gargaarsaaf galameenis biyyattii Dolaara Ameerikaa biiliyoona sadi (USD 3bln) argachuuf waliingalteen mallattaa'eera.

Kana keessa, dolaarri biliyoonni tokko rakkoo sharafa alaa biyyattiin yeroo ammaa keessatti argamtu yeroof furuuf kan arjoomame yoo ta'u, dolaarri biliyoona lama kaanii ammoo invastimantii maanufaakcheringii, hoteela, hospitaalaa fi giddu-gala gabaa gurguddaa Itoophiyaa ta'uuf jirurra oola jedhameera.

Biyyoonni kunneen lamaan imala viizaa malee biyya walii galuun itti danda'amu, tumsa dinagdeefi tekinikaa baankota biyyoota lamaanii gidduutti akkasumas aadaa fi turiizimii irratti waliin hojjechuuf walii galaniiru.

Deegarsuma Itoophiyaa UAE irraa argattee kana ilaalchisuunis, BBC'n Dura Ta'aa Waldaa Ayyoota Dinagdee fi Misoomaa Oromiyaa kan ta'an Dr. Guutuu Teessoo dubbiseera.

Waliigalteewwan Itoophiyaafi UAE gidduutti uumemeef maal gumaachu

Dr. Guutuunis Milkaa'ina walii galtee Itoophiyaafi UAE tiif dhimmoonni baayyeen gumaachuu akka danda'an ibsuun eegalu.

Dimmi tokkoffaan, walitti dhiyeenyaafi teessumni biyyoonni lamaan qaban walii galtee kanaaf carraa ta'e jedhan. Lammaffaan ammoo, faayidaa biyyoonni kun lamaan waliin argachuu fedhan keessattuu karaa nagaa ilaalchisee waliin hojjechuun barbaachisaa ta'uu isaa irraan kan ka'edha jedhu.

Akkasumas milkaa'ina hariiroo Itoophiyaa fi UAE tiif gumaachee kan biraa ammoo haala tasgabbii yeroo ammaa biyyaa keessatti uumamaa jiruudha jedhaniiru Dr. Guutuun.

Nageenyaafi tasgabbii yeroo dhiyoo kana argamaa jiruun biyyittiin lafa invastimantiifi daldlaa ta'a jechuun qalbii UAE kakaaseera jedhan.

"Isuma kanaan walqabatee hojii Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad karaa dippilomaasii biyyoota gara sana jiran waliin hojjechuurraa kan ka'een carraawwan akka kanaa argamuu jalqabaniiruu," jedhu Dr. Guutuun.

Waliigalteen Itoophiyaafi UAE kun maaliif amma ta'e kan jedhu yeroo ibsanis, biyyoota lamaan giddu kanaan dura walii galteen hinturree ykn abbootiin qabeenyaa UAE kanaan dura Itoophiyaa keessatti hojjechuuf waliigaltee hintaasifne jechuu miti jedhu. Garuu kanaan dura rakkoo baayyeetu ture jedhaniiru ogeessi dinagdee kun.

Hariiroo gaarii biyyoota Gaanfa Afirikaa hunda waliin

Yeroo ammaa hojii dippilomaasii biratti nageenyiifi tasgabbiin amansiisaan dhufuu jalqabeera jedhu. "Baroota darban keessa wantoota xaxaa warri uumaa turan, kiraa sassaabdummaa fi malaamaltummaan turan kun akka hin dhufne balfaa turan."

Hojii amma Itoophiyaan invastimantii hawwachuuf hojjechaa jirtu haalaan akka gumaache heeruun, biyyi keenya biyyoota Gaanfa Afirikaa keessa jiran hunda waliin hariiroo nagaa uumuu jalqabuun ishee, warri biyya keenya keessatti invastimantiitti bobba'an gabaa biyya keenyaa qofaa osoo hin taane gabaa biyyoota ollaa jiraniilleen ni yaadu jedhan Dr. Guutuun.

"Inni kun akka gara biyya keenyaa dhufaniif isaan hawwateera jedhaan yaada gama tokkoon."

Dhaabbileen misoomaa mootummaan gara dhuunfaatti naannessuuf murteesse akkka gara biyya kanaa dhufanii invastimantiifi daldala irratti hojjetaniif kakaaseeraa laata? Gaaffii jedhuuf ammoo waanta kana waliin wal hin qabatu hin jennu jedhaniiru Dr. Guutuun.

Kanaafis sababii yoo eeran, waliigalteen isaan mallatteessanii fi kan isaan hojjechuu barbaadan kan mootummaan tibba kana gara dhuunfaatti naannessuuf barbaade keessa hin jiraane waan ta'eef invastimantii ni jajjabeessa jedhan.

"Mootummaan Itoophiyaan daldala keessaa bahee gabaa bilisaa uumuuf deemuun isaa abdii jaraaf kenna."

Akka Dr. Guutuutti, abbootiin qabeenyaa waan har'a hojjechuuf barbaadan kanaan jalqabuu ykn kallattii kanaan eegalan, gara fuula duraatti dhaabbilee sanattillee akka dhufan abdii kennaaf jedhaniiru. "Kun mallattoo isaaniif kennu qaba. Gara fuula duraatti abdii isaaniif kenna."

UAE'n Itoophiyaaf deegarsa gochuun maal argatti?

UAE'n Itoophiyaaf kana gochuusheerraa maal argatti gaaffii jedhuuf, gargaarsa dolaara biliyoona tokkoo rakkoo sharafa alaa Itoophiyaan qabdu furuuf toluma kan keenname miti jedhan Dr. Guutuun.

"Maallaqni kun gara fuula duraatti kan deebi'u ta'aa ykn gara fuula duraatti invastimantii biyyittiin Itoophiyaa keessatti hojjechuu barbaade irra kan oolu ta'uu danda'a."

Biyyi Itoophiyaa carraa invastimantiidhaaf qabdu yeroo kaasan, biyyoota Afirkaa jiran keessaa gabaa guddaa qabdi jedhan.

Baayyina uummataatiin sadarkaa lammaffaarra jiraachuun carraa gabaaf jiru waan ta'eef hawwata turiizimiif barbaachisuu isaa dubbachuun, giddu-gala ykn teessuma Afirikaa ta'uunis carraa biraa ta'uu himaniiru.

Biyya kana keessa dhaabbileen jaarmiyaalee addunyaa fi dippilomaatota gara garaatu jira kan jedhan Dr . Guutuun, invastimantiin biyyattii keessatti gaggeeffamu uummata Itoophiyaa qofaa osoo hin taane, Afirikaafi hawaasa addunyaarra jiraniirraa carraa gabaa argachuu uuma jedhan.

Hariiroon biyyootaa hanguma walitti dhiyaataa adeemu, waliin dhaabbachuu fi waldhaga'insi ciminaa adeema kan jedhan ogeessi kun, Itoophiyaan biyyoota gara garaa waliin walitti dhufeenya gaarii uummataa jirti. Kanaafuu UAE'tis carraadhun Itoophiyaa kan gara fuula duraa qabdu, tarkaanfiiwwan jijjiramaa fudhatamaa jiruu fi jijjiirrama dhufaa jiru ilaaluun gargaarsa kana taasisan, jedhu.

Kunis ammoo gara fuula duraa gama invastimantiitiin Gaanfa Afirkaafi Baha Giddu-Galeessaa keessatti hojjechuuf kan carraa uumu ta'a jedhaniiru.

Firiin hariiroo kun waa'ee Ministira Muummee Dr. Abiy maal hima?

Waliigalteen Itoophiyaa fi UAE mallatteessan kun waa'ee bulchiinsa Ministira Muummee Dr. Abiy Ahmad kan agarsiisudhas jedhu Dr. Guutuun.

"Kun murannoo Dr. Abiy Ahmad biyyoota garaa garaa waliin walitti dhufeenya uumuuf qabaniif haalli kun fakkeenya gaariidha."

Kun ammoo cimina bulchiinsi Dr. Abiy amma gara aangootti dhufe kun gama hariiroo dippilomaasiitiin qabu agarsiisa jedhu Dr. Guutuun. Baroota darban keessa biyyoota gara garaa waliin hariiroo uumuun akka gara biyya keenyaa dhufanii invasti godhaniif amansiisuun rakkisaa ture jedhu.

"Haalli amma mul'ataa jiru kun garuu Ministirii Muummichaa hangam ciminaan akka irratti hojjechaa jiran kan agarsiisudha. Biyya keessaas nagaafi tasgabbiin akka uumamu, tokkummaafi jaalalli akka jiraatu hojjechaa jiru.''

Akka Gaanfa Afirikaattis hariiroon gaariin akka umamu hojjechuun isaanii biyyoonni gara garaa akka amantaa nurraa qabaatan taasiseera," jedhan Dr. Guutuun.