Itoophiyaa: Gabaa gurraacha attamiin irra aanu?

Mootummaan Itoophiyaa gabaa gurracha cufuu fi to'achuun qofaansaa rakkinicha furuu hin danda' u jedhu Ogessi dinagdee Dr. Ayyalee Galaan.
Tibbana mootummaan hanqina doolaaraa biyya keessatti uumame furuuf suuqota gabaa gurracha kana irratti hirmaatu jedhaman cufeera. Namoota hedduus to'annaa jala oolcheera.
Haa tahu malee dhimmi kun furmaata waaraa fiduu hin danda'u jedhu ogeessi dinadgee dubbisne kun.
Itoophiyaa keessatti hanqinni Doolaraa kan uumame dadhabina sirnaa irraa kan ka'edha malee sababa gabaa gurrachaa kanaaf qofa miti jedhu Dr Ayyaleen.
Yeroo hanqinni Doolaaraa biyya keessatti uumamu daldaltoonni fi namootni sharafa barbaadan gabaa gurracha ykn gabaa seeraan alaa kanaatti kan argataa turan.
Sababnisaas Baankii yoo deeman yeroodhaan argatanii meeshaa barbaadan dhiyeessuu waan hin dandeenyeefi jedhu.
Namootni baay'een gara gabaa gurrachaa deemuun doolaara kan bitan yakka hojjechuuf qofa osoo hin taane faayidaa diinagdee waan isaaniif qabuufidha jedhan Dr Ayyaleen.
Akkasumas namootni sharaficha barbaadanis baay'een isaanii meeshaalee barbaachisoo tahan biyya alaarraa bitanii galchuuf malee Doolaara biyyaa baasuuf qofas miti jedhan.
Kanaafuu Gabaan Gurrachi kun gochaa akka diinaatti ilaalamuu qabu qofa miti jedhu.
Kanaafuu furmaata waaraa fiduun kan danda'amu humnaan cufuu osoo hin taane sirna qusannaa biyya keessaa qofa cimsuun Doolarri akka alaa galu gochuudha jedhan.
Mootummaan humnaan yoo itti deeme warri gabaa gurracha kana keessatti hirmaatanis tooftaasaanii jijjiruun akka Doolaariin alatti haftu gochuu danda'u jedhan.
Mootummaan kan to'achuu danda'u Doolara suuqii keessatti gurguramtu qofa dha jedhan.

Yoo kun tahu warri gabaa gurrachaa akka durii Doolara biyya keessa gale Birriitti jijjiruu dhiisuun namoota ala jiran waliin walii galanii biyya keessatti qaama maallaqicha barbaaduuf birrii kennuuf.
Furmaatni maali?
Rakkinichi kan namoota doolaara sharafanii qofa osoo hin taane rakkina biyyatti jedhu.
Rakkinicha kan hammeesse poolisii biyyittiin ittiin gaggefamaa jirtu waan taheef sana jijjiiruun barbaachisaadha jedhu.
Amma biyya keessatti rakkinicha hiikuuf kan ilaalaa turan tokko daangaa hammaa Doolaaraa namni tokko Baankiitti qusachuu danda'u kaasuu kan jedhu dha jedhan.
Namni tokko Doolaraa qusachuu kan danda'u hanga Doolara kuma 50tti qofadha. Kun garuu Doolaara biyya keessa galteyyuu biyyaa baasa malee gara biyyaatti akka galu hin godhu jedhan.
Kanaafuu Baankotni hundinuu lakkoofsa qusannaa isa kaan irraa xiqqoo adda tahe banuu qabu jedhan.
Kun hamma dhalasaa xiqqoo dabalanii akka namootni Doolara erganii qusatan taasisuudha jedhu.
Yeroo kana mootummaanis tahe namootni daldalanis achuma keessaa liqeeffatanii ittiin hojjechuu danda'u jedhan.

Madda suuraa, Education Images
Akka filannoo lammaffattis Doolaara akkuma gabaa gurrachi gatii garaagaraan sharafu guyya guyyaatti jijjiramuu kan danda'u sirna hamma sharafaa adda adda ykn 'multiple exchange rate' hojiirra oolchuudha jedhu.
Sirna kanaan fakkenyaaf namoota meeshaa alaa galchaniifi erganiif sharafa addaa, warra maallaquma erganiif ammoo sharafa addaa qopheessuu dabalata.
Yeroo kana namni hundinuu har'a gabaan Doolaaraa meeqaan oole jechuun gatii barbaadeen jijiirachuuf gaafatee Doolaara gara biyyaatti ofumaan erga jedhan.
Ambaasadaronni biyyoota garaagaratti ergaman dhimma kana irratti hojii gahaa hojjechaa akka hin jirres Dr Ayyaleen kaasaniiru.
Lammiilee Itoophiyaa mana namaas tahu bakka garaagaraa hojjetaniif herregni baankii banamee osoo waan argatan qusachiisan Doolaarri baay'een argamuuu akka danda'us himaniiru.
Gabaa gurrachatti yoo bifa kanaan deemame namootni akka karaa seera qabeessan gara Baankii deemanii argatan gochuun mo'achuun ni danda'ama jedhan.















