Imalli BBC Afaan Oromoo Oromiyaa keessa taasise kan torbee duraa maal fakkaata?

Jalqaba torbee kanatti BBC Afaan Oromoo gara keessan dhufaa akka jiru erga isin beeksisnee eegalee, iddoo imalle hundatti odeessaalee naannicha ibsan dalagaa, hordoftoota keenya waliinis walbaraa dabarre.
Agarsiisni imalaa addaa kun akkuma BBC'ttu kan jalqabaa yommuu tahu, mariiwwanii fi falmiin garagaraa hawaasa hirmaachise ni gaggeessaa jirra.
Guyyaa jalqabaa MM Abiy aangootti erga dhufanii maaltu jijjiirame? jennee, yaada namootaa fi ogeeyyii isin biraan geenyeerra. Adaamaarraa waltajjii marii kallattii qopheessine.
Kibxatas achumaAdaamaa turre.
Dhimma Adaamaan jidduugala muuziqaa Oromoo ta’aa jirtii? jedhu xiinxala isin biraan geenye.
Aartistonni Oromoo hedduun hojii muuziqaaf gara magaalaa Adaamaa imalu. Lakkoofsi hojilee muuziqaa magaalattii keessatti omishamaniis daran guddateera.
Waggoota torba dura yeroon hojii pirodaakshinii muuziqaa Oromoo eegalu magaalaa kana keessa namni muuziqaa Oromoo irratti hojjetu hin turre jedha direektaraa fi ogeessi kaameraa Kiing Raagoo Alii fi ogeessota kaan dubbisneerra.
Kana malees jiraattota magaalaa Adaamaa waliin akkasiin dabarsine:
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 1
Guyyaa Roobii
Guyyaa Roobii ammoo Gunfurri Karrayyuu akkatti tolfamu isin barsiisne.
Odeessicha keessaa:
''Aadaa Gunfuraa kana nuti irruma dhufne, nutillee mangudduma jalatti barre. Ammammoo namni hedduun dhiisaa jira,'' jedhan obbo Jiloo Fantaallee, namni dargaggootaaf gunfuraa hojjetan.
Obbo Jiloo Fantaallee aanaa Fantaallee Ganda Haroo Qarsaa jiraatu.
Inni dargaggoota Karrayyuutiif rifeensa warra dhiiraa kan Gunfura jedhamee waamamuu bareecha. Karrayyuun rifeensa Gunfuraa kanaan ittiin beekamu.
Akkaataa itti tolfannaa isaaniitis rifeensa dheereffatan filaa qopheeffatanii ittiin filaa bareechatu.
Filaan warri Karrayyuu ittiin gunfura bareechatan kunis muka agamsaa, gaanfa loonii fi gaanfa saalaa irraa tolfama.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 2
Kamisa
Gaafa Kamisaa ammoo dhimma yaachisaa boocee (imbocci) Haroo Qooqaa isan biraan geenye 'Haroo Qooqaa Booceen nurraa fudhataa jira'
Qaamni haroo Qooqaa hektaara 1200 hanga 1500 ta'u aramaa booceen weeraramuu ragaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa arganne ni mullisa.
"Namni waan dhugu hin qabu. Horiinis waan dhugu hin qabu. Aramaan kun bishaan gogsaa jira" jedhu qonnaan bulaa Beenyaa Bariisoo miidhaa aramaan boocee haroo Qooqaa irratti qaqqabsiisaa jiru yeroo haasa'an.
Aramaan boocee haroo Qooqaa irratti mul'achuu erga eegalee waggoota heddu lakkoofsisullee hanga ammaatti to'achuun akka hin danda'amne gama biraatin immoo babbal'achaa fi harichaa gogsaa akka jiru jiraattootni godinaalee Shawaa bahaa fi Arsii BBCti himan.
Dhimma mormii lafa Finfinneen walqabatees odeessaalee garagaraa miidhaassineerra.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 3
Jimaata
Guyyaa Jimaataa ammoo akka addunyaatti Guyyaa Dubartootaa kabajamu ilaalchisuun, gaaffiifi deebii addaa Ministira Ministeera Galiiwwanii Itoophiyaa Adaanach Abeebee waliin taasisneerra.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook, 4
Imalli keenya ammas itti fufa. Nu hordofaa. Dhiyaadhaa.
Haashatagonni imala kanaan fayyadamaa jirrus #guutummaattihubadhaa #BBCHoAontheRoad #BBCNewsAfaanOromoo


















