Waggaa 1ffaa Abiy Ahimad: Erga MM aangootti dhufanii maaltu jijjiirame?

Madda suuraa, Getty Images
MM Abiy Ahimad ministira mummee Itoophiyaa ta'uun erga gara aangootti dhufanii waggaa guutuuf guyyoota muraasa qofatu hafa.
Baatiiwwan darban kanneen keessattis jijjiramooti siyaasaa, hawaasaa fi dinadgee gurguddaan taasifamusaanii kan himan hedduudha.
Gama biraatiin ammoo, lakkii jijjiramni hanga eegamu dhufaa hin jiru kan jedhanis hin dhabaman.
Aangoo erga qabatanii waggaa tokko tahuuf kan jedhu kan ilaalchisee BBC'n yaada hayyoota fi jiraattootaa naannichaa bakkeewwan garaa garaarraa walitti qabeera.
Rifoormii MM Abiy ija hayyootaan
Firdisaa Jabeessaa (PhD) Yunivarsitii Finfinneetti ogeessa qorannoo fi qo'annoo fi barsiisaa dha.
Isaanis ''biyyi tokko akka biyyaatti waliin jiraachuuf bu'uurri isaa sababa sab-lammilee fi saba tokko jidduutti, akkasumas ummataa fi mootummaa jidduutti wal amantaan qabaachudha.
Erga Dr. Abiy gara aangootti dhufanii booda ammoo wal amantaan kun cimeera,'' jedhu.
Duratti poolisiin ummataan baqatamaa ture amma qaama hawaasaa ta'aniiru kan jedhan qo'ataan kun, hanqinootni jiran akkuma jirutti ta'ee namoonni waan itti dhagahame ifatti dubbachuun mirga isaatti fayyadamuu eegaleera jedhu.
Sochiileen mirga dimokraasii fi mirgoota namoomaa kabachisan hedduunis hojjiitti hikamuu eegalaniiru.
Kana malees biyyoota ollaa waggoota dheeraaf biyyattiin walgaarreeffachaa turte waliin nageenyi bu'eera jechuunis dhimma nageenyaa Itiyoo-Eeitiraa caqasaniiru Firdisaan.
Biyyoota akka Keeniyaa, Somaaliyaa, Suudaanii fi Jabuutii waliin walitti dhufeenyi dhiiheenya kana biyyattiin qabdu, bu'aa oggansi haaraan akka ergama nagaatti ilaalaman taasiseeras jedhaniiru.
Wayita Dr Abiy gara aangootti dhufu kaazinaan biyyattii oonee ture kan jedhan hayyuun kun, sochii gama kanaan taasiseen biyyattiin gama diinadgeetiins akka tasgabbooftu taasisaniiru jedhu.
''Biyyattii diigamu irraa hambiseera. Keessumattuu qeerroon buqqa'iinsaa fi dararama uummata Oromoo irra gahaa ture, itti cimnaan bahee lapheessaa rasaasaatti kennuun jijjiramni kun akka dhufu gumaachaniiru.
Qeerroon dhaloota aarsaa olaanaa kanfaluun taankii fi matarayyasii maseenseedha.''
Ergasii naannoolee dabalatee, ummanni wal kabajaan jiraachuu eegaleera, 'garuu dhiiheenya kana keessaa wal shakkii keessa seenamaa jira fakkaata' jechuun haala nageenyaa argame ibsu.
Gama dhimmoota lafa qabachuu qabaatu jedhaniinis, haaluma heera motummaa biyyatti keewwata 49 lakkoofsa 5 irratti kaa'ameen waa'een Afaan oromoo, dhimmi Finfinnee fi federaalaa ilaalatan lafa qabsiisuun dhimma ummanni eeggatuufi kan ummattoota jidduutti wal amante cimsudha jedhu Dr Firdisaan.

Madda suuraa, Getty Images
Kana dura nama waa'ee ofiisaa dubbate kolaafamee mana hidhaatti darbachuun hanga manni hidhaa naannoo ummata ykn saba tokkoo fakkaatutti taasifamee ammaan tana geedarameeras jedhaniiru.
Gama amantaatiin illee kanneen wal baqachuun biyyaa bahan, gara biyyaatti deebiifamunsaanii akka hojjii gaariitti kaasan.
Lammiilee biyyoota garaa garaatti hidhamanii turan hedduunis hiikamuun gara biyya abbaa isaaniitti akka deebii'an taasifameera. Kunis addunyaarratti fakkaattii gaariidha jedhu Barsiisaa Firdiisaa.
'Biyyattiin af-daneessa, sab-daneessa, aad-daneessa taatee osoo jirtuu, kun hundinuu sarbamee ture. Kanaan kan ka'ees namoonni lammiisaanii himachu hanga qaana'uu gahanii ture,'' jechuun waan darbe yaadatu.
Akka Dr Firdisaatti, namni eenyummaansaa, afaansaa, aadaansaa, qabeenyaansaa fi maalummaansaa yoo kabajameef bineensa waliin jiraata waan ta'eef, wal amantaa cimuu qabaata. Haa ta'u malee ammalleen gama wal amataa ijaaruutiin hir'inni jira jedhu.
Tarkaanffiin kanneen heera mootummaa cabsan irratti fudhachu dhibuunis, biyyattii gara hintaaneetti geessaa jiraachuus hin dhoksine. Ummatas shakkii keessa galcheeras jedhu.
Ummanni oromoo nageenya, dinagdee fi tasgabbii biyya kanaaf murteessaadha kan jedhan hayyuun kun, gama bulchiinsaa, tajaajila hawaasummaatiin fi itti fayyadama qabeenyaa Finfinnee keessaa Oromoof lafa qabachu dhabuunsaa ummanni akka shakku taasiseera jedhu.
''Dhimmoota kanneen irratti dhaloota dagachiisuuf ta'e irraanfachisuun hindanda'amu. Yoo immoo kana irra deebiin saboonni bira nu filu jechuun yaadame ta'e kun garaamummaadha.
Ta'u kan malu garuu waan heeraan kaa'ame hojiirra olchaa bulchuudha.''
Walitti bu'insa ummattotaa daangaalee garaa garaa irrratti gaggeeffamu, dhaabilee dorgomtootaa nam-tolchee, hanqina humna raawwachisuu qaamoolee garaa garaa fi tasgabii dhabiinsoota deegaramuun uumata keessa bittinsamuun ummata burjaajjeesan qormaatotaa gurguddoo Ministirra mummee mudataniidha jedhu.
Garaa garummaa sadarkaa jireenyaa shira dinagdee biyyattii keessatti waggoota 27 darbaniif hundee gadi faggeeffanteen wal qabatee umame, waliitti firoomsuun qormaata ministiricha mudatan kan biraati jedhu.
Sababii qaamni hawaasa qarshii tokko baasuun itti cimu fi kanneen miliyoona karaa hannaatiin argate baasuuf itti hin ulfaanne waliin misoomsuun hin danda'amneefu, dhaadannoon waliin misoomna jedhu mataasaa hojiitti hiikuun rakkisaa ta'a jedhu.
Dinagdee namoota miidhamanii irratti xiyyeefachuun hojjachuu fi dhaabbilee sirna duraa waraanuufi du'a baqachuu qabsootti makaman sodaa tokko malee simachuun ofiiti hawwachurratti cimsame hojjatamu qabas jedhaniiru.
Paartiileen dorgomtootaa hoo maal jedhu?
Obbo Mulaatu Gammachuu, barreessa Ittaanaa Kongrasii Federaalistii Oromoo (KFO) rifoormicha ilaalchiisee, ''warri hidhaman hiikamaniiru, kan bakkee jiran galaniiru, namni akka barbaaduutti yaadasaa ibsachuu eegaleera, labisiiwwan daanggeesso ta'an fooyyeessuuf irratti hojjataa jirra kun gaariidha.
Garuu namoota Oromiyaa keessatti daa'ima umurii 12tii hanga jaarsa waggaa 85tti kan ta'an namoonni kuma 5 ol ta'utuu du'e. Kanaaf kan itti gaafatamummaa fudhatu hinjiru. Yakkiiwwan garaa garaa raawwatameef kan seeratti dhiyaate hin jiru. Oromoon kana gaafata jedhaniiru.
Kanaafuu jedhu Obbo Mulaatuun, motummaan waan hunda irraa walaba ta'ee gaaffii ummataatiif debii kennu malee sabni kun gaaffiinsaa bakka hin gahu jedhu.
Akkasumas gaaffiin Finfinnee fi gaaffiin Afaanii ummanni Oromo kaasaa ture bakka hin geenye. Filannoon dhufaan attamiin walaba ta'aa kan jedhu ifatti hin jiru kan jedhan Obbo Mulaatuun, adeemsiiwwan akka labsiiwwan foyyeessuu fi kaan hatattamaan abbaan itti godhamu qaba jedhaniiru.
Ummaticha tasgabbeessuuf ammoo filannoo haaraan gaggeeffamee motummaan sabni kun barbaadu dhaabbachuutu irra jira. ''kun ammoo ta'u kan danda'u seerri lafa qabatee yoo filannoo walabni gaggeeffameedha'' jedhaniiru.
Jiraattoonni maal jedhu?
Jiraattoota magaalaa Adaamaa dhimmuma kanarratti yaadasaanii nu qoodan keessaa tokko Obbo Lagasa Kabbadati. Jijjiramni erga Dr Abiyyi gara angootti dhufee mul'ate kan akka biyyaattuu ilaalamuudha jedhu.
Keessattuu aangootti dhufuun Dr Abiy yaada Oromoon biyya bulchuu hindanda'u jedhu sana faalleessee bira taree addunyaa haala itti dinqisiisaa jiru irra gaheera.
Waanti hundi guyyaa tokkootti geeddaramu waan hin dandeenyeefu haalonni adeemsa keessa hojjatamaa jiraachuus Obbo Laggasaan hin haalle.
Kanaafuu fakkeenya yoo kaasanis, Dr Abiy ummatas ta'e biyya bulchuun jaalalaan mo'achuun akka dand'amu hunda kan itti barsiiseedha jedhaniiru.
Haa ta'u malee, jaalallis daangaa waan qabuuf olaantummaa seeraa irratti hojjachuu qabu. Olaantummaan seeraa yoo kabajame kana caalaa deemuu kan dandeenyu natti fakkaata jedhu.
Dargaggoo Ibsaa Maammoos jiraataadhuma Magaalaa Adaamaa yoo ta'u, Dr Abiy kan bara dheeraa keessatti hojjatamu hindandeenye, waggaa tokko kana keessatti waan raawwateef baayyeen dinqisiifadha jedheera.
Dhimmi biyyummaa, dhimmi sabummaa waan itti dhagahamuuf fiixaan bahuu danda'ee jedhee akka yaaduus himeera daragaggoon kun.
Haa ta'u malee dhmmoota kana booda Ministirri mummee xiyyeefannaan irratti hojjachuu qabu tokko 'dargaggoota dha' jechuun 'dargaggoota bilisummaa kana fidan kunneen galateeffamuun alatti, hojii mataasaanii irratti bobba'anii fuula keenya gara misoomaatti deebiisuun barbaachisaadha,'' jedheera dargaggoo Ibsaan.















