ADWUIn Dr. Abiy Dura Taa'aa gochuun irra deebiin filate

Madda suuraa, Fitsum Arega
ADWUI'n yaa'ii isaa 11ffaa guyyaa sadaffaa magaalaa Hawwaasaatti gaggeessaa jiruun Dr Abiy Ahimed irra deebiin dura taa'aa paartichaa gochuun filateera.
Dr Abiy miseensota mana maree ADWUI sagalee kennan 177 keessaa dura taa'ummaaf sagalee 176 argataniiru.
Obbo Dammaqa Mokonnin immoo dura taa'ummaaf sagalee 1 argataniiru.
Akkasumas manni marichaa Obbo Dammaqaa Makonnin Dura Taa'aa Itti aanaa gochuun filateera.
Obbo Dammaqa Mokonnin itti aanaa dura taa'ummaaf sagalee 149 yemmuu argatan Dr Dabratsion immoo sagalee 15 argataniiru.
Haaluma kanaan Dr Abiy Ahimad dura taa'aa , obbo Dammaqa Mokonnin immoo itti aanaa dura taa'aa ta'un filamaniiru.
Kana malees manni marichaa komishinii to'annoo ADWUI hundeessee jira. Haaluma kanaan:
- Obbo Awwaqa Haayilamaaram- paartii dimokraatawaa Amaaraa irraa walitti qabaa,
- Obbo Jamaal Radi- waraaqsa dimokraatawaa ummatoota Kibbaa irrraa itti aanaa walitti qabaa,
- Obbo Birhaanuu Fayyisaa- paartii dimokraatawaa Oromoo irraa bareessaa ta'un filamaniiru,
Yaa'ii 11ffaa ADWUI guyyoota sadiif ture kun magaalaa Hawwaasaatti gaggefamaa jira.















