Yaa'ii ADWUI: Hoggansi haaraan wal amantaan uummata gidduutti akka uumamu taasiseera

Yaa'ii ADWUI 11ffaa magaala Hawaasaatti taasifamaa jiruun har'a mariiwwan garee fi mariin waliigalaa adeemsifamaa ooleera.
Mariin har'a taasifamaa ture fi jiru gabaasawwan dhiyaatan lama irratti kan xiyyeefatu yemmuu ta'u inni tokko haala waqtaawaa biyyattii irratti kan xiyyeefate dha.
Jijjiiramoota erga hooggansi haaraan gara aangootti dhufee booda argaman keessaa tokko tasgabbii siyaasaa fi abdii uummata biratti uummame ta'uunsaa yaa'ichaan gamaggamamee jira jedhan, waajjira ADWUI'tti qindeessaan dame paartiilee siyaasaa, dhaabbilee michuu fi waldaalee siiviilii Obbo Fiqaaduu Tasamma.
Kunis uummata gidduutti wal amantaan akka jiraatu fi biyyattii diigumsa irraa kan hanbise akka ta'e yaa'ichi gamaggameera jedhan.
Gama dirree siyaasaa bal'isuutinis ji'oottan jahan darbanitti hojiin jajjabeessaan hojjetamuusaa kan himan Obbo Fiqaadun, dhaabbileen siyaasaa shororkeessummaan galmaa'anii turan galmicha irraa haqamun, karaa nagaan akka qabsaa'an taasifamuu fi hidhamtootni siyaasaa kumaatamaan lakka'aman hiikkamuunis yaa'ichaan irratti mari'atamuusaa himan.
Miidiyaaleen toora intarneetii 250 ol ugguramanii turan uummata bira akka gahan godhamuun isaa, lammiileen biyyattii biyyyoota ollaa keessatti hidhamanii turan akka hiikkaman gama gochuutin fi walshakkii Gibxii walin laga Abbayyaa irratti ture, gama furuutinis hojiin jajjabeessaa akka hojjetame irratti mari'atamuusaa Obbo Fiqaadun dubbatan.
Gama biraatiin rifoormiin siyaasaa, bulchiinsaa fi seeraa akka barbaachisu yaa'ichi marii bal'aa taasisee jira.
Kana malees ADWUI'n kanaan booda hanna fi saamicha gurmaa'e akkasumas ser-malummaaf obsa akka hin qabaanne yaa'icharratti waliigalameera kan jedhan Obbo Fiqaadun mariin taasifame bilisa, hirmaachisaa fi ifa akka ta'e miidiyaalef himan.
Kallattiileen yaa'ii dhaabbatummaa ADWUI 11ffaa irratti mari'atamaa jirus guyyaa boruu raggaasifamanii hojiirra akka oolan ni taasifamas jedhaniiru.
Yaa'iin dhaabbattumaa ADWUI 11ffaan kun kaleessaa jalqabuun magaalaa Hawwaasaatti gaggeefamaa jira.














