''Olaantummaan ABUT kaleessa ture, har'as inuma jira''

Dr. Mararaa Guddinaa

Madda suuraa, CHRIS STEIN

Miseensota paartii biyya bulchaa jiru afur keessaa tokko kan ta'e Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT), walgahii arifachiisaa Maqaleetti guyyoota sadiif gaggeefataa wayita xumuru ibsa baaseen, murteewwan waliin murteesse deebisee mormaa jiraachusaa beeksiseera.

Ibsa addichi dheengadda ifa taasise keessa rakkoo daangaa Itiyoo-Ertiraa ilaalchisuun murtee Aljersi fudhachuun hojiirra olchuuf ADWUI'n dabarfame akka fudhatu beeksisuun isa tokko.

Haa ta'u malee, murtee kana ummatatti beeksisuun gutummaatti dogongora jechuun murtee koree jiddu gala ADWUI kan addichi mataansaa miseensa itti ta'ee jiruu balaaleeffateera. Kanaan walqabatees ibsi kunis ijoo dubbii ta'aa jira.

Keessattuu tarkaanfiiwwan Dura Taa'aa ADWUI fi Ministira Mummee biyyatti Dr. Abiyyi gama aangoo muduutiifi fudhataa jiran kan morman ta'u beeksiseera.

Itti dabaluunis, aangoo miseensoota addichaa duraanitiif beekamtiin akka kennamuuf koreen jiddugala adda bilisa baasaa ummata Tigraay kun murteessu illeen caqaseera.

Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraayi (ABUT), Adda Dimokiraaasawaa Ummata Oromoo, Waraaqsa Dimokiraasawaa Saba Amaaraa fi Waraaqsa Dimokraatawa Ummattoota Kibbaa waliin ta'uun osoo murtee dabarsaa fi biyya bulchaa jiru, amma ejjannoo faallaa mul'achuunsaa jidduu miseensootaatti rakkoon umammuu kan mul'isudha kan jedhanis hindhibne.

Karaa gara biraatiin ammoo, 'murteen daangaa Itoophiyaafi Ertiraa ilaalchisuun dabarfame keessattu gaaffii ummattoonni biyyoota lamaanii waggoota dheeraaf kaasaa turan deebiisuun, obbolummaa ummattoota biyyoota lamaan bakka tureetti kan deebiisuuf kan dhiyaateedha,'' jechuun ibsee ture.

ABUT dhimmoota faallaa fedha ummata Tigraayi ta'an keessa harkasaa akka hingalfanne irra deebiin mirkanneessu barbaada'' jedhee ture.

Xiinxaltoonni siyaasaa maal jedhu?

Dura taa'aan dhaaba Koongireesii Federaalistii Oromoo (KFO) Dr. Mararaa Guddinaa haalli amma ABUT fi dhaabbilee ADWUI biroo keessa jiran dhuguma waldhabaniiti ykn uummata burjaajessuuf kan jedhu adda baasuuf nama rakkisa jedhu.

ADWUI keessatti kana dura olaantummaan ABUT qabaachaa ture ammas jira jedhu Dr. Mararaan.

''Oltaantummaan ABUT kaleessa turee, hara'as hanga kaleessaa ta'u baatulleen ammayyuu olaantummaa qabu'' jedhu.

Akka fakkeenyaattis ''Boorana, Gujii, Cinaaksan fi Baatitti waan ta'aa turee fi ta'aa jiru'' kaasuun iddoo baayyeetti rakkoon jiraachuu eeraniiru.

Namni jijiiramee duwwaadhaaf siyaasni sun jijjiirameera, olaantummaan isaanii baheera ykn haqameera jechuuf yeroon hin geenye jedhaniiru.

Ejjeennoon ABUT ammaa waggoota lamaan darban mormii DHDUO'n ADWUI keessatti taasisaa ture akkeessuu fakkaata jedhu hayyuun saayinsii siyaasaa obbo Moonenus Hundarraa.

''Rigatni dhaabbilee ADWUI afran keessa jiru ifaa ifatti kan saaxilame ta'uu agarsiisaa, keessumaa kan ABUT fi dhaabilee sadeen hafan gidduu jiru'' jedhu obbo Moonenuus.

Fedhiin qeerroo fi fedhiin uummata baldhaa biyyattii faallaa ABUT ta'uunis ejjennoo isaanirraa hubachuun akka danda'an dubbatu.

''Ibsichi ABUT akka Tigraayitis, akka guutuu biyyaattis waan tuffataman waan itti fakkaateef xiyyeefannoo argachuuf kan bahedha'' jedhaniiru.

Ministirri muummee haaraan falaasama gidduugalummaa Demookraatawaa (Democratic centralism) jedhamuu fi qaamota sirna isaanitti danqaa ta'an toftaa garaagaraan ofirraa faccisan waan cabsan fakkaatas jedhu obbo Moonenuus.