Ibsa ABO: ''Mirgi abbaa biyyummaa bilisummaa dhugaa qofaan kabajama’’

Ijaarsa seeraan alaa manneen jireenyaa Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daangaa Oromiyaa keessatti lafa qonnaan bulaa irratti ijaarsisee dabarsee kenne hordofee, hiriirri mormii kaleessa irraa eegalee Oromiyaa magaalota garaagaraa keessatti babal'achaa jira.
Guyyaa har'aas magaalota Oromiyaa hedduu keessatti mormiin taasifamaa jira.
Qonnaan bultootni lafa isaanii dhaban waggoota muraasaan as rakkoo jireenyaa hamaa keessa akka jiran irra deddebiin dubbataa turan.
Murtoo haaraa darbeen isaan carraa malee jalqaba argatu jedhamus namootni BBC'n dubbise garuu dhimma kana namni waamee kana nu jedhe hin jiru jedhan.
Mormii Magaalaa Awwadaay keessa ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Kana hordofees bulchiinsi magaalaa Finfinnee daangaa Oromiyaa keessa galee mirga mana ijaaree dabarsuu hin qabu akkasumas mannen lafa qonnaan bulaa irratti ijaaraman seeraan ala waan taheef dabarfamee kennamuu hin qabu jechuun mormiin gaggeefamaa ture.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas tarkaanficha akka mormu ibsa baasee ture.
Ibsa ABO
Dhimma kana irratti ABO'n ibsa baaseen ''mirgi abbaa biyyummaa bilisummaa dhugaa qofaan argama,'' jedhe.
Paartichi ibsa isaan tarkaanfiin Bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa naannoo Koyyee Faccee ilaalchisee fudhate, mirga abbaa-biyyummaa uummatni Oromoo fi Oromiyaan akkuma Heera biyyattiittuu qaban kan cabsedha jedhe.

''Hunda caalaa kan nama gaddisiisu ammoo gochaan kun 'Master Plan' Finfinnee kan waggoota afran dabraniif, sabni Oromoo (keessattuu Qeerroon) dura dhaabbatee wareegama ulfaataa itti baasee dhaabsise itti fufsiisuuf kan akeekkate tahuu isaa ti. Kun ammoo wareegama ilmaan Oromoottis qoosuu dha''
Akkasumas qabsoo Bilisummaa fi mirga Abbaa-biyyummaa Ummatni keenya wareegama qaalii itti baasee sadarkaa kana irraan gahe duubatti deebisuuf shira eenyuunuu xaxamu ABOn cimsee balaaleffata.
Dabalataan dhaabotni mirga Saba Oromoo kabajsiisuuf qabsaawan hundis dhimma dantaa waloo Saba keenyaa tuqu kamuu irratti hafuura tokkummaatiin haa qabsoofnu jechuun ibsa isaanii irratti eeraniiru.















