ABO-Tokkoome: 'Daangaa Oromiyaafi Finfinnee kan murteessuu qabu Oromiyaadha'

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kaleessa manneen jireenyaa waliinii lafa qonnaan bulaa irratti ijaaraman dabarsee kennuu hordofee magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti mormiin jalqabeera.
Magaalotni Oromiyaa 10 ol tahan dhaadhannoo garaagaraa qabatanii bahuun hiriira mormii gaggeessaa oolaniiru. Mormii cimaan akkasii erga MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii as isa jalqabaati.
Bara kana miidiyaalee hawwaasaa irrattis gaaffileen abbaa biyyummaa Finfinnee dubbii ijoo tahanii turaniiru. Mormiin maaster pilaanii qindaa'aa waggoota muraasa dura tures lubbuu namootaa fi manca'uu qabeenya hedduuf sababa tahee ture.
Qerroo fi Qarreen magaala shaashamannee har'a ganama irraa kaasuun hiriira irra turan kondominiyeemiin lafa qonnaan bulaa irratti ijaarame gara mootummaa naannoo Oromiyaatti deebi'uun buluu qaba jennee sagalee keenya dhaggessisa jirra jedhan.
Dhaaddannoowwan
''Nuti qerroo fi qarreen Oromoo paartii tokkoof miti kan qabsoofne. Nuti walqixxummaan saba fi sab lammootaa akka kabajamuuf, mirgi abba biyyummaa oromoo akka eegamuuf kan qabsoofne. Daanga fi lafa qotee bulaa oromoo diinaaf hin kenniinu."
''Magaalota kaan keessatti lafti keenya lafee keenya kan jedhuun dargaggoonni hedduun mormii irra oolaniiru.''
Gama biraan ''jaallatanis jibbanis Finfinneen kan uummata Oromooti'' jechuun kan mormii dhaggeesisanis jiru.
Dhimma kana irratti Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaallus hanga ammaatti hin milkoofne.
Ibsa ABO-Tokkoome
Qonnaan bultootni lafa isaanii irraa kaafaman beenyaa xiqqoo argatan yerosuma fixanii waan nyaatanii jiraataniifi ijoollee ittiin guddifatan dhabanii akka rakkataa jiran himaa turan.
Dabarsa manneetii kannenii ilaachisee kantiibaan magaalaa Finfinnee carraa malee akka qonnaan bultoota buqqa'aniif kennamu murtaa'era jedhanis ifatti waanti barame hin jiru.
Kana hordofee ABO-Tokkoome murticha akka mormu ibsa baase. Ibsa kenneen oromoon abbaa biyyummaa fi eenyummaa isaaf qabsoo hadhaa'aa gochaa waan tureef mirga hanquu argachuu hin qabu jedhan.
Oromoon mirga saba kamiyyuu akka sarbamuu hin qabne qabsaa'aas waan tureef eenyummaa sabichaa kan sarbu hundinuu fudhatama hin qabu jechuun ibsan.
Waggoota arfan darbaniif dhimma Finfinnee irratti qabeenyii fi lubbuu hedduun darbeera jechuun ibsanii dhimmichis Oromoo fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa ilaallata jedhan.Kanaaf dhimmicha deebisanii tuttuquun fudhatama hin qabu jedhan.
Manneetii jireenyaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee kaleessa carraan baasee kenne ilaalchisees dhimmichi waan qadaadamee dhume waan taheef manneetii seeraan ala qonnaan bulaa buqqisanii ijaaraman seera qabeessa gochuuf hojjeechuufi carraa itti baasuun seeraan ala jedhan.

Dabalataan bulchiinsi magaalichaa lafa daangaa isaanii ala jiru irratti darbanii kana hojjechuun seera federaalizimii faalleessuu akka tahes ibsa isaanii eessatti eeraniiru.
Finfinneen handhuura Oromiyaa waan taateef akkuma magaalota Oromiyaa keessa jiran kaaniitti daangaa magaalichaa kan murteessuu qabu Naannoo Oromiyaati jedha.
Fedhii addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdi jedhu ilaalchisees qaawwaa baay'ee waan qabuuf sirreeffamuu ykn haqamuu qaba jedhan.
Kondominiyeemiin kaleessa kennames guutummaatti haqamuu qaba jechuun ibsuun nageenya biyyaafis gaarii waan hin taaneef mootummaa cimsinee gaffanna jedhan.
Dhimmoota bulchiinsaa kaanii fi master pilaanii qindaa'aa magaalaa Finfinnee ilaalchisee mormiin akka Oromiyaatti ka'e jijjirama siyaasa biyyittiif bu'uura guddaa ture.

Madda suuraa, Bosonaa Dheeressaa
Haa tahu malee gaaffiin uummatni Oromoo magaalaa Finfinnee irratti ture ammas akkuma jirutti itti fufee jira.
Darbarsa manneetii jireenyaa kaleessa carraan itti bahe hordofees hiriirri mormii magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti gaggeefamaa jira. Rogeesonnii fi xiinxaltootni siyaasaa tokko tokkos dhimmicha akka mormanii fi rakkoo nageenyaa biraa fiduu akka danda'u karaa miidiyaalee hawwaasaa himaa jiru.













