'Haroo Qooqaa Booceen nurraa fudhataa jira jedhan qonnaan bultootni

Aramaa boocee haroo Qooqaa irratti biqile

Qaamni haroo Qooqaa hektaara 1200 hanga 1500 ta'u aramaa booceen weeraramuu ragaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa arganne ni mullisa.

"Namni waan dhugu hin qabu. Horiinis waan dhugu hin qabu. Aramaan kun bishaan gogsaa jira" jedhu qonnaan bulaa Beenyaa Bariisoo miidhaa aramaan boocee haroo Qooqaa irratti qaqqabsiisaa jiru yeroo haasa'an.

Aramaan boocee haroo Qooqaa irratti mul'achuu erga eegalee waggoota heddu lakkoofsisullee hanga ammaatti to'achuun akka hin danda'amne gama biraatin immoo babbal'achaa fi harichaa gogsaa akka jiru jiraattootni godinaalee Shawaa bahaa fi Arsii BBCti himan.

Qonnaan bulaa Beenyaa Bariisoo aramaan boocee oyruu isaanii fi haroo Qooqaa weerare humna qonnaan bultootaatii ol akka ta'e dubbatu.

"Aramaan kun lafa qabannaan salphaatti hin ka'u, rakkisaa dha. Maallaqa guddaa waan barbaaduf qonnaan bulaan hiyyeessi lafa isaatti tajaajilamuu hin dandeenye. Kanaafis lafa keenya booceedhaaf gadhiisnee jirra" jedhu Obbo Beenyan.

Horii aramaa boocee nyaatan

Maddisiisni anniisaa elektriikii Qooqaa maalitti jira?

Piroojektoota aramaan boocee hara Qooqaa weerare kallattiin miidhaa jiru keessaa tokko buufata maddisiisa anniisaa elektriikii Qooqaa akka ta'e ogeeyyiin BBCn haasofsiise dubbatu.

Buufatni maddisiisa anniisaa elektriikii Qooqaa humna elektriikii meegaa waatii 43 ta'u maddisiisu hidha haroo Qooqaa irratti ijaarrame fayyadamuun anniisaa elektriikii biyyattiif gummaacha.

Haa ta'u malee projektiin kun aramaa boocee haroo Qooqaa weerareen irra deddeebiin miidhamaa turuusaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosona fi jijjiirama qilleensaa Oromiyaatti daayrektarri hedduumina lubbu qabeeyyii Obbo Birhaanuu Iddattii BBCti himan.

"Aramaan kun gara jenereetaraa seenuun bo'oo bishaanii keessa seenuu fi jenereetara keessa seenun bishaan akka hin daddabarre dhorkuun dhaabbaticha baasii maallaqaaf saaxilaa jira" jedhan Obbo Birhaanun.

Gaazexeesitootni BBC iddichatti argamanis qarqarri hidhichaa aramaa booceen weeraramee akka jiru ilaalaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Haroo Qooqaa Booceen nurraa fudhataa jira'

Dargaggootaafi Haroo Qooqaa

Haroon Qooqaa dargaggoota waldaalen gurmaa'an fi dhuunfaadhaan hojjetan hedduf madda galii guyyaa guyyaa ta'uun tajaajila.

Dargaggoota bidiruu muka irraa tolfameen qurxummii kiyyeesan, kan qalanii gurguran fi qurxummii waadanii fayyadamtootaaf dhiyeessan maraaf haroon Qooqaa madda galii ijoo dha.

Dargaggoo haroo Qooqaa keessaa qurxumii qabee gurguru

Haa ta'u malee aramaan boocee sochii bidiruu danquufi "qurxummiiwwan ajjeesuu" galii dargaggoota hedduu xiqqeessaa akka jiru, kunneen biroo immoo guutummaatti hojii qurxummii keessaa baasaa akka jiru dhageenye.

Jiraataan aanaa Lumee dargaggoo Bajigaa Miidhagsaa aramaan boocee wagga waggaan ji'oota sadiif aramaan boocee kutaa haroo Qooqaa inni itti jiraatu waan weeraruuf ji'oota waxabajjii hanga haagayyaa jiran keessatti hojii qurxummii kiyyeessuu akka hin hojjenne hima.

"Gar malee sodaachaa jirra. Aramaan kun badaa hin jiru waan ta'eef adeemsa keessa haroo kana guutummaatti fudhachuu danda'a.

Kanaafuu hojii keenyaaf yaaddoo cimaa dha" jedha dargaggoo Bajigaa Miidhagsaa.

Yoo haroon kun goge fi carraa hojii biraa hin argannemmoo dhaloota ammaaf qofa osoo hin taanee dhaloota itti aanuuf rakkoo akka ta'u dargaggoon kun hima.

Boocee maalif balleessuun dadhabame?

Aramaan boocee haroo Qooqaa weerare to'atamuu dhabuu isaatif sababootni garaagaraa akka jiran jiraattootni fi qaamoleen mootummaa sadarkaa garaagaraa BBCti himaniiru.

Jiraataa aanaa Adaamaa kan ta'e dargaggoo Asheetuu Shaalloo gad fageenyi haroo Qooqaa dheeraa ta'uu isaatin aramaa boocee haricha weeraree jiru keessa deemanii buqqisuun qonnaan bultootaaf rakkisaa akka ta'e hima.

Qonnaan bulaa aramaa boocee gubaa jiru

Kana malees aramaan kun lafa jabeessee kan qabatu ta'uu isaatin buqqisuuf humna guddaa fi yeroo baay'ee akka barbaadu kan nutti himan immoo jiraataa aanaa Booraa kan ta'an qonnaan bulaa Beenyaa Bariisooti.

Gabaa humna namaa yeroo ammaa gabaarra jiruunis lafa qarxii tokko irraa aramaa boocee balleessuuf naannoo birrii 1,000 akka fudhatu qonnaan bultootni haasofsiisne nutti himan.

"Aramaa kana humna namaatin balleessuun akka hin danda'amne hubanneerra" kan jedhan daayrektarri hedduumina lubbu qabeeyyii abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosona fi jijjiirama qilleensaa Oromiyaa Obbo Birhaanuu Iddattii maashinii aramaa boocee dhabamsiisuu danda'u bituuf deeggarsa barbaadutti akka jiran himan.