Birmannaa dargaggootaa haroo Xaanaa baraaruuf

Dargaggoota meeshaa qaban baatanii hojiitti yaa'an

Madda suuraa, Kalkidan Tsna/Facebook

Haroo guddicha Itoophiyaa kan ta'e Xaanaa weerara aramaa 'Imbooc' jedhamu irraa baraaruuf dargaggootni tola ooltonni dirmannaan eegalan har'a guyyaa sadaffaarra jira.

Aramaa kana irraa baraaruu qofa osoo hin taane haroo Xaanaa faalama biro irraa ittisuun haroo kana gogiinsa jalaa baraaruun barbaachisaa dha jedhu dargaggootni kunneen.

Balaan haroo kanarra gahaa jiru kan isaan yaaddesse dargaggootni kunneen Waldaa tola ooltummaa kunuunsaa fi eegumsa Haroo Xaanaa jedhamu hundeeffachuun kan hojii eegalan yoo ta'u, tola ooltonni naannawaa magaalaa Bahirdaarii alattis, fageenya dheera imalanii hojii kanarratti qooda fudhachaa akka jiran dura taa'aan waldicha dargaggoo Qaalkiidaan Tsannaa himeera.

Qaalkidaan akka jedhutti kana dura deeggarsi dargaggoonni kunneen qaamolee gara garaa irraa argatan murtaa'aa ta'us, osoo duubatti hin jedhiin meeshalee argataniin hojicha hojjachaa akka jiran himaniiru.

Dargaggoonni kunneen hojii kana tola ooltummaan eegaluun isaani kaka'uumsa gaarii ta'us akkaataa aramaa kana itti dhabamsiisan fi of-eeggannoowwan gama fayyaan taasifamuu qaban irratti hubannoo gahaa qabaachuun barbaachisaa dha jedhu ogeeyyonni.

Akka fakkeenyaattis namootni aramaa kana buqqisan, uffataa fi kophee bishaan hin seensifne uffachuun bilhaarziyaa irraa of-eeguu qabu jedhu.

Haroo Xaanaa aramaa 'Imbooc' jalaa baraaruun addattis kunuunsaa fi eegumsa fuulduraaf barbaachisu gochuuf kutannoon kan hojjetan ta'uu dargaggootni kunneen himaniiru