Tajaajiloonni BBC Gaanfa Afriikaa yeroo jalqabaaf agarsiisa imalaa qopheessan

Waltajjii Marii BBC Afaan Oromoo

Tajaajiloonni BBC Gaanfa Afriikaa yeroo jalqabaaf agarsiisa imalaa qopheessan.

Agarsiisni kun har'a kan eegale yogguu tahu Bitootessa 4 - 16 kan turu ta'a.

Turtii kana keessattis gareen Afaanota BBC sadii - jechuunis BBC Afaan Oromoo, BBC Amaarinyaa fi BBC Tigrinyaa naannoo adda addaatti imaluun hordoftoota isaanii waliin iddoo jiranitti walargu.

Agarsiisni imalaa addaa kun akkuma BBC'ttu kan jalqabaa yommuu tahu, mariiwwanii fi falmiin garagaraa hawaasa hirmaachise ni gaggeeffama. Kanaanis guyya guyyaan sagantaaleen addaa hordoftootaaf dhiyaatu.

Sagantaaleen Afaanota sadii kunniin ALA Fulbaana 2017 ifatti kan jalqaban yommuu tahu, agarsiisa taateewwan seena-qabeessa naannichatti taasifaman gabaasaniiru.

Imalli kun erga MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii waggaan tokko guutuuf guyyoonni muraasni wayita haafanitti taasifamuunis adda taasisa. Kanaanis ganna dabre tokko keessatti milkaa'ina galmaa'an, akkasumas danqaalee isaan mudatan irratti fuulleeffanna.

Kana malees Itoophiyaatti namoota seenaa haaraa hojjetaniifi hoggantoota biroo waliin gaaffiifi deebiin ni taasifama.

Kanneen akka Ma'aazaa Ashannaafii - Pireezidantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa dubartii ishee jalqabaa; akkasumas hooggantuu Boordii Filannoo biyyaalessaa, Birtukaan Miidhagsaa waliin gaaffiifi deebii ni taasifna.

Ibsa waa'ee viidiyoo, BBC Afaan Oromoo dhimmoota adda addaa irratti xiyyeeffachuun hojjeta

Guyyoota 11 kanneen keessatti dhimmoota ijoo hordooftota keenya ilaallatan irratti sagantaawwan garagaraa ni darbu.

Gabaasaaleen addaa gama raadiyoo, marsariitii fi Facebook irratti ni dhiyaatu. Fuulli Facebook keenyas: BBC News Amharic, BBC News Afaan Oromoo, fi BBC News Tigrinya.

Guyyaa xumuraa (Bitootessa 16) imala kanaatiin, afaanonni sadan walitti dacha'uun Yunivarsiitii Finfinneetti, dhimma 'fake news' ykn oduu sobaa irratti marii (waltajjii falmii) qopheessu.

Hoggantuun BBC Afriikaa Bahaa Raahel Akiidii waan jette, "Hojii gaazexeessummaa keenya hordoftoota keenya Itoophiyaa keessa jiraniif beeksisuu feena.

Biyyi kun Afriikaa keessaa lakkoofsa uummataan kan sadarkaa lammaffaarratti argamtu yommuu ta'u, kanneen keessaas harki caalu dargaggoota.

Agarsiisni naannootti deemnee taasifnu kun jijjiirama biyyattiin waggaa tokko dabre keessa tasifte ni agarsiisa jennee abdanna.

Hudhaalee jiranis akkasuma. Dhaggeeffattoonni keenyas Itoophiyaarrati carraa odeeffannoo guutuu dhaggeeffachuu argatu.''

Hashtag'in imala kanaa: #guutummaattihubadhaa #bbchoaontheroad