Waraana Federaalaa fi Tigraay gidduutti banamerratti ibsa naannolee

Asxaa mootummaa Naannoo Tigraay

Madda suuraa, TIGRAY COMM. OFFI.

Halkan edaa irraa eegalee kan kanaan dura sodaatamaa ture, mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay gidduutti waraanni banameera.

Mootummaan Federaalaa paartii naannoo Tigraay bulchu TPLF irratti tarkaanfii humnaa akka fudhatu ibseera.

Mootummaan naannoo Tigraayis hangan of kabachiisutti duubatti hin deebi'u jedha.

Naannoo Tigraay dabalatee ibsa naannoleen biyyattii garaagaraa baasan akkanaan qindeessineerra.

Naannoo Tigraay

Mootummaan naannoo Tigraayi atakaaroo waraanaa mootummaa federaalaa waliin keessa seene ilaalchisuun ibsa kenneera.

Mootummaan federaalaa qaama alaa waliin ta'uun dantaa fi birmadummaa biyyaa dabarsee kennaa jiraachuu fi uummata Tigraay jilbeenfachiisuuf akka hojjetaa jiru ibseera naannochi.

Keessattuu dhiyeenya kana naannocha humnaan waraanaan jilbeenfachiisuuf raayyaa ittisa biyyaa kutaalee Itoophiyaa hunda keessa jiran of-eeggannoon akka qophaa'anii fi akka socho'an gochuun Tigraay weeraruuf bobba'aniiru jedha ibsi kun.

Paartii fi mootummaan naannoo Tigraay akkasumas uummanni garaagarummaa siyaasaa jiru karaa nagaa fi ilaa fi ilaameen mari'atamee furamuu qaba jechuun irra deddeebiin waamicha dhiyeessanis deebiin kennameef garuu akka uummataatti adabuudha jedheera ibsichi.

Humni abbaa irree nam-tokkoon durfamu kun osoo biyya gara waraana hamaa fi badiinsatti hin seensisin dura mootummaan Tigraay Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa keessa qondaaltota jiranii fi miseensota waliin walta'uun mootummaa federaalaa mormuu eegaleera jedha ibsichi.

Har'arraa eegalee wantoonni armaan gadii hojiirra oolu jedha:

  • Sochiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Tigraay keessaa fi gara Tigraayitti taasifamu kamiyyuu kan dhorkameedha.
  • Balaliinsi xiyyaaraa gara Tigaayitti hin jiraatu. Kanarra darbuun rakkoon uummataa fi qabeenyasaarra yoo ga'e tarkaanfiitu fudhatama.
  • Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa iddoo biroos akkuma isaan izzii kaabaa keessa jiranii mootummaa abbaa irree nam-tokkeen hoogganamu dhiisanii uummata cinaa akka dhaabbatan fi birmadummaa biyya keessanii eeguun dirqama seenaan isinitti kenne akka baatan ni hubachiifna.
  • Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, eessarraayuu yaa dhufanii, ilmaan Tigraay waan ta'aniif, hanga murteen siyaasaa kennamutti kunuunsi barbaachisaan ni godhamaaf.
  • Tigraay keessatti geejjibi gosa kamiiyyuu hin jiraatu.

Mootummaan Naannoo Tigraay hanga waan fedhu argatutti qabsoosaa cimsee kan itti fufu ta'uus ibseera.

Naannoo Amaaraa

Humni addaafi mlishaan Tigraayi haleellaan naannoo keenyarratti bane qolameera jedhani Obbo Tamasgan

Madda suuraa, AMMA

Ibsa waa'ee suuraa, Humni addaafi mlishaan Tigraayi haleellaan naannoo keenyarratti bane qolameera jedhani Obbo Tamasgan

Kaleessa akka Itoophiyaatti halkan sa’aatii 4:30 irraa kaasee humni addaafi milishaan Naannoo Tigraayi kaampiiwwan raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabaa fi misooma bu’uuraa irratti haleellaa qindaa’e banuu pirezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xurune himani.

Humni addaa Tigraayi ajajdoonni humna ittisaa naannichatti argaman akka hin sochoone dhorkuun haleellaa raawwachuu eegalaniiru jedhani.

Hidhanoo raayyaan qabatee ture saamuuttis ce’amee ture jedhani Obbo Tamasgan.

Itti dabaluunis, gandoota Naannoo Amaaraa Sorooqaafi Qiraaqir jedhamanitti haleellaa raawwachuuf yaalanii humna addaa naannichaatiin qolamuu himani.

Akka ibsa Obbo Tamasgeenitti, naannichatti haleellaan kan biroo taasifamuu akka malan tilmaammiin jira, gama biraatiin milishaa Tigraayiin loltoonni marfamanii turan humna addaa Amaaraatiin baraarmeera jedhu.

Humni addaa kun meeshaalee waraanaa gurguddoo ta’an naannichaa baasuun lolaaf akka qophaa’u taasiseera jechuun ibsaniiru.

Rakkoolee nageenyaa naannolee biyyattii garagaraatti mudatan qarshiifi leenjiin deeggaruurra darbee, warshaa huccuu Almadaatti uffata dambii loltoota Eertiraa fakkaatu omishuun poolisoota naannichaa uffisanii ummanni Ertiraadhaan akka weerarme itti himuuf qophaa’aa jirus jedhani.

Humna kana hanga dhumaatti balleessuuf mootummaa federaalaa waliin akka hojjatanis dabaluun himaniiru.

Humnoonni nageenyaas ajaja kennamu hunda fudhachuun haleellaa dhufu akka qolan ibsuun, dursitoonni paartilee mormituu mootummaa federaalaa cina akka dhaabbataniifi raayyaa ittisaa keessaa sababa gargaraan loltoonni ba’anii turan akka deebiyanis mootummaan naannichaa waamicha dhiyeesseeras jedhani.

Naannoo Oromiyaa...

Waraana TPLF bane dhaabsisuufi garee kana qulleessuuf uummataa fi mootummaa waliin hojjenna jedhan pireezidantiin mootummaan naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

''Gareen TPLF abdii kutachuun kaampii raayyaa ittisa biyyaa haleellaan tarkaanfiin irratti fudhatamaa jira jedhan.

Pireezidantichi ''gareen kun naannolee biyya keenyaa garaagraatti humnoota hidhatan meeshaa fi maallaqaan deeggaruun nagaa booressaa tureera,'' jedhan.

Raayyaa ittisaa birmadummaa eegu irratti haleellaa banuun waraana jalqabuusaa ibsa kennaniiru.

Gareen kun 'ABO shanee' hidhachiisuufi deeggaruun hojii badiinsaa hojjetaa tures jedhaniiru.

Garee leenjisaa tureen namoota nagaa irratti badiinsa raawwachaa tureeras jedhanWaraanni TPLF bane mootummaa federaalaa waliin dhaabbachuun yeroo gabaabaa keessatti qulleessuun nagaa biyyaafi uummataa kabachiisuuf caasaa mootummaa fi uummataa waliin hojjenna jedhan.

Uummanni ergamtoonni garee kanaa abdii kutuun badii akka hin raawwanne caasaa nageenyaa waliin akka hojjetu waamicha godhan

Naannoo Uummattoota Kibbaa

Pirezidaantii Itti Aanaan Naannoo Uummattota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaw gamasaaniin ibsa kennaniin, hawaasni nageenya naannoo isaa eeggachuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qaba''

Itti Aanaan pirezidaantii Naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaw TPLF yeroo biyya kana gaggeessaa turetti siyaasa, dinagdee fi hawwaasummaa biyyaa irratti rakkoon akka uumamu taasisera jedhan.

TPLF waamicha nageenyaa taasiseef gara cinatti dhiisuun kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti jeequmsi akka uumamuuf hojjechaa ture jedhan.

''Itoophiyaaf qofa osoo hin taan eAfrikaaf gaachana kan tahe raayyaa ittisa biyyaa haleellaa raawwachuun biyya diiguun karaa qaxxaamura aangoo qabachuuf yaalii TPLF taasisaa jiru mootummaan to'achaa jira.''

Saba tokko saba biraa waliin walitti buusuun naannichaa gaaffilee ka'an akka dahootti fayyadamuun uummata shororkeessuuf karoorsanii hojjetaa turan jedhan Obbo Ristuun.

Biyyaa fi uummata keenya balaa irraa eeguu irratti xiyyeeffachuu qabnas jedhaniiru.