Waldhabdeen TPLF fi Mootummaa Federaalaa: Maqaleen amma haala akkamii keessatti argamtii?

Magaalaa Maqalee har'a
Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Maqalee har'a

Haala magaalaan Maqalee keessa jirtu namni qaamaan keessa deemee ilaaluun suuraan akkasiin agarsiiseera. Kan taajjabes dubbateera.

Presentational grey line

Kaleessa guyyaa Kibxataa gara alkan wallaakkaatti ture dhukaasni magaalaa Maqaleetti kan dhagahame.

Jiraattoonni magaalichaatiis haala ta'aa tureen baayyee nahanii ture. Haala kana mirkaneeffachuuf wayitan gara humnootii nageenyaatti bilbileettis, 'amma sitti himuu hin dandeenyu. Baayyee ko'ommaneerra naan jedhan.

Loltoonni konkolaataarratti

'Daqiiqqaawwan muraasaan booda ammmoo sararri bilbilaa adda cite. Bilbilli kiyyas ergaa 'No Service' natti agarsiisuu eegale.

Itti-aansees tajaajilli intarneetii gutummaatti adda cite. Ganama ammoo wayitan ka'u tajaajilli humna annisaa/ibsaan adda cituun hubadhe.

Ibsaan kan badee magaalaa Maqaleetti qofaa osoo hin taane, guutuu naannoo Tigraayiitti akka badee mirkanneeffachuu danda'eera.

Magaalaa Maqalee

Wayitan gara magaaaatti baheettis fuula namootaa irraa miira bitaan itti galuun hubadhe. Namoonni hedduun miilasaaniin imalu ture.

Dameewwan baankii magaalattii keessatti argamanis cufamaniiru. Bulchinsonni baankiiwwanii akka natti himaniitti, tajaajila kan dhaaban waan intarneetiin adda citeef jedhu.

Gara waaree boodaa ammoo hojjattoonni waajjira Itiyoo-Telekom waajirasaanii fulduratti walitti qabamanii dhaabatanii argeera.

Erga takka tureen boodas akkan humnoota nageenyaa irraa odeeffachuu dandee'eetti dhukkaasni kan dhagahame loltoonni naannoo Tigraay dhukkaasa Izzii Kaabaa waliin walitti bananii turaniin akka ta'een hubadhe.

Gara waajiraalee Daandii Qilleensa Itoophiyaafi bakka bu'oota imala kan biraas deemuun akkan hubadheetti, balaliinsi yeroodhaaf gutummaatti adda citeera.

Magaalaa Maqalee har'a

Naannoo waajjiraalee mootummaa magaalaa Maqaleefi hoteelotaatti humna nageenyaa cimaatu mul'ata.

Mootummaan naannichaas sochiin loltummaa kamiyyu naannicha keessatti akka hin taasifamneef dhorkeera.

Tajaajjilli geejibaasa gutuummaatti dhaabbateera.

Qilleensi naannichaatiis balaliinsaan ala akka taa'uuf ajajameera.

Wayita ammaa kanattis magaalaan Maqalee haala nagaa ta'eerratti argamati.