Waa'ee lola mootummaa federaalaa fi Tigraay amma yoonaa maal beekna?

Madda suuraa, EPRDF OFFICIAL
Mootummoota Federaalaa fi kan naannoo Tigraayi gidduu wal-dhabdeen ture halkan kaleessaa [Kibxata] gara waraanaatti geeddarameera.
Halkan kaleessaa gara naannoo sa’aatii shanii irraa kaasee Maqalee fi magaalaa km11 fagaattee argamtu Kuwwihaatti sagaleen dhukaasaa cimaan dhaga’amaa akka ture riipportarri BBC achi jiru gabaaseera.
Dhimmoonni ijoo haga yoonaatti beeknu isaan kanadha.
'Walitti bu'iinsi murna baay'ee xiqqoo biyya tasgabbii dhorku waliini'
Roobii guyyaa keessa Ministirri Muummee I/Aanaa Dammaqaa Mokonniniifi Sekrateriyaatii keenninsa Odeeffannoo Labsii Yeroo Muddamaa Obbo Reediwaan Huseen haala adeemaa jirurratti ibsa kennaniiru.
Mallattoo kabajaa fi birmadummaa keenyaa kan ta'e raayyaan ittisaa biyyaa ergamarra otoo jiruu lammiidhuma isaan haleellaan irratti raawwatame jedhan Obbo Dammaqaa Mokonnon.
Kuni ''dhimma gaaffii hedduu kaasuudha," jedhan. "Kun weerara alagaa caalaa kan hammaatu gantummaadha," jechuunis ibsan.
Obbo Dammaqaan dhaaba naannoo Tigraay bulchu ''Itoophiyaa addaan qooduu waan barbaaduf'' kana raawwate jechuun himataniiru.
Ministir Di'eetaan Ministira Dhimma Alaafi Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Tigraayitti labsame hordofuuf hundaa'e keessaa qooda kan qaban Obbo Reeduwaanis TPLF qeeqaniiru.

Madda suuraa, Demeke Mekonnin/Fb
"Mootummaan Federaalaa itti-gaafatamummaan dachaa akka irra jiru ifa godheera: Inni tokko Heeraafi seera biyyattii kabachiisuudha. Inni kaan ammoo lubbuun badu gadi aanaa akka ta'u mirkaneeffachuudha.
''Ummanni Tigiraay yeroo bilisa of baasuuf [yaalu] akka hin midhamneefi murna shiraa kanaaf ammoo dahoo akka hin taane of eegannoon addaa ni tasifama," jedhan
Ibsa Koreen yeroo muddamaa hundeeffamuun irratti beeksifame kanarratti, "Umamni walitti bu'insa kanaa Tigiraay fi Itoophiyaanota kaan ykn naannoo Tigiraay fi mootummaa Federaalaa miti.
''Walitti bu'insi kun murna baayyee xiqqoo biyya tasgabbii dhokuuf fedhii qabaniifi kana gochuuf ammoo kan isaan hin goone hin jiraanne waliin," jedhan Ambaassaadar Rediwaan Huseen.
Kana malees, poolisoonni humna addaa naannoo Tigiraay, naannoleetti ykn humna ittisaa dhiyoo isaanii jiranitti akka baqataniif mootummaan Federaalaa waamicha dhiyeesseeraaf.
"Warra kana godhaniif ammoo wabiin ni kennamaaf," jedha ibsichi.
Ibsa MM Abiy kennan
"TPLF kaampii raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaa irratti haleellaa banuun saamuuf yaaleera" jedhan.
"Raayyaa ittisa biyyaa keenya akka weerartuu biyya hambaarraa dhufeetti lakkaa’uun haleeluuf yaaleera’’ jechuun TV biyyaalessaarratti ibsa kennan.
Itti dabaluunis, ‘‘Raayyaan ittisaa keenya komaandipoostiin dursamaa biyyasaa oolchuuf ergamasaa akka ba’atuuf ajajni kennameera" jedhan.
"Sararri diimaan irra darbameera, biyyaa fi ummata oolchuuf jecha humni filannoo dhumaa ta’eera,’’ jedhaniiru.
Bilbilli fi intarneetii adda cituu
Kibxata halkan walakkaa irraa eegalee Tigraayitti bilbilli fi intarneetiin adda cituu rippoortarri BBC maqalee jiru gabaaseera.
Bilisummaa intarneetii irratti kan hojjatu dhaabbanni Neet Bilooksi jedhamus intarneetiin adda cituu ibseera.
Dabalataan Roobii ganamarraa eegalee ibsaan guutummaatti naannicha keessaa baduunis himameera.
Waajjiraaleen akka baankii fi Itiyoo-telekoom kan magaalaa maqalee keessa jiran cufamanii jiru.
Geejjibni gosa kamiis naannicha keessa akka hin jiraanne mootummaan naannoo Tigraay labseera.
Qabatamaatti maaltu lafarratti ta'aa akka jiru baruun hin danda'amne.
Haleellaa daangaa Amaaraa fi Tigraay
Kaleessa akka Itoophiyaatti halkan sa’aatii 4:30 irraa kaasee humni addaa fi milishaan Naannoo Tigraay kaampiiwwan raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaa fi misooma bu’uuraa irratti haleellaa qindaa’e banuu pireezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xurune himani.
Humni addaa Tigraay ajajdoonni humna ittisaa naannichatti argaman akka hin sochoone dhorkuun haleellaa raawwachuu eegalaniiru jedhan.
Hidhanoo raayyaan qabatee ture saamuuttis ce’amee ture jedhani Obbo Tamasgan.
Itti dabaluunis, gandoota Naannoo Amaaraa Sorooqaa fi Qiraaqir jedhamanitti haleellaa raawwachuuf yaalanii humna addaa naannichaatiin qolamuu himan.
Akka ibsa Obbo Tamasgeenitti, naannichatti haleellaan kan biroo taasifamuu akka malan tilmaammiin jira, gama biraatiin milishaa Tigraayiin loltoonni marfamanii turan humna addaa Amaaraatiin baraarmeera jedhu.
Pireezidantichi miseensonni humna addaa fi milishoonni naannoo Tigraay yoo baqatanii gara naannoo isaanii dhufan akka simatan himaniiru.
Tigraayitti balaliin xiyyaaraa dhorkamuu
Mootummaan naannoo Tigraayi atakaaroo waraanaa mootummaa federaalaa waliin keessa seene ilaalchisuun ibsa kenneera.
Mootummaan federaalaa qaama alaa waliin ta'uun dantaa fi birmadummaa biyyaa dabarsee kennaa jiraachuu fi uummata Tigraay jilbeenfachiisuuf akka hojjetaa jiru hime.

Keessattuu dhiyeenya kana naannicha humnaan waraanaan jilbeenfachiisuuf raayyaa ittisa biyyaa kutaalee Itoophiyaa hunda keessa jiran of-eeggannoon akka qophaa'anii fi akka socho'an gochuun Tigraay weeraruuf bobba'aniiru jedha ibsi kun.
Har'arraa eegalee wantoonni armaan gadii hojiirra oolus jedheera:
· Sochiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Tigraay keessaa fi gara Tigraayitti taasifamu kamiyyuu kan dhorkameedha.
· Balaliinsi xiyyaaraa gara Tigaayitti hin jiraatu. Kanarra darbuun rakkoon uummataa fi qabeenyasaarra yoo ga'e tarkaanfiitu fudhatama.
· Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa iddoo biroos akkuma isaan Izii Kaabaa keessa jiranii mootummaa abbaa irree nama tokkoon hoogganamu dhiisanii uummata cinaa akka dhaabbatan fi birmadummaa biyya keessanii eeguun dirqama seenaan isinitti kenne akka baatan ni hubachiifna.
· Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, eessarraayuu yaa dhufanii, ilmaan Tigraay waan ta'aniif, hanga murteen siyaasaa kennamutti kunuunsi barbaachisaan ni godhamaaf.
· Tigraay keessatti geejjibi gosa kamiiyyuu hin jiraatu.
Kanaan alattis, Mootummaan Naannoo Tigraay hanga waan fedhu argatutti qabsoosaa cimsee kan itti fufu ta'uus ibseera.
Eeruu Poolisii Federaalaa
Kutaalee bulchiinsaa Finfinnee 10 keessatti sochii addaa kamiyyuu ilaalchisee eeruu kennuu namoota barbaadaniif poolisiin federaalaa lakkoofsota bilbilaa gargaaruu danda’an beeksisee jira.
Wal-dhabdeen mootummoota lameenii daran kan hammaate, naannoon Tigraay ibsa manni maree federeeshinii baase bu'uura seeraa hin qabu jechuun filannoo erga geggeesseen booda yoo ta’u, mootummooni lameenuu seer-maleessa jechuun wal-himataa turani.
Mootummaan federaalaa mootummaan naanichaa ajjeechaawwan fi rakkoolee nageenyaa biyyattii kutaalee adda addaa keessatti uumamu TPLF harka keessaa qaba jechaa ture.
Kana mootummaan naannoo Tigraay ni balaaleffata.
Torbanoota darban Raayyaan Ittisa Biyyaa akka haaraatti caaseffamuu hordofee hoggansi ajaja Kaabaa kan jijjiirame yoo ta'u mootummaan Tigraay caaseffama haaraa kana hin fudhadhu jechuun ajajaa waraanaa garasitti ramadaman of duuba deebisuu himee ture.
Sana hordofee Ministeerri Ittisa Biyyaa ibsa baaseen mootummaa naannoo Tigraay akeekkachiisee ture.













