Waldhibdee Tigraay: Komishiniin mirga namoomaa nageenyi lammiilee nagaa akka eegamu gaafate

Daani'eel Baqqale

Madda suuraa, EHRC/FB

TPLF buufata waraanaa Izzii [ajaja] kaabaa irratti haleellaa raawwate jechuun MM Itoophiyaa Abiy Ahmad humni waraanaa TPLF irratti tarkaanfii akka fudhatan ajajaniiru.

Kana hordofee naannichi to'annoo humna waraanaa jala kan galu taha. Labsiin yeroo muddamaas naannicharratti labsameera.

Qaamoleen lameen akkuma wal-gaarreffatanitti jiru, sababa kanaanis uummanni yaaddoo keessa galeera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa maal jedhe?

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haala nageenyaa naannoo Tigiraay fi naannolee kaanii akka itti dhiyeenyaan hordofaa jiruufi isa yaaddesse hime.

Komishinarri ol-aanaa Komishinichaa Daani'eel Baqqalaa ''humnootni nageenyaa federaalaa fi naannolee nageenyi lammiilee nagaa fi mirgi namoomaa isaanii yeroo hundaa kabajamuu isaa mirkaneessuu qabu'' jedhan.

Gabaasa Amnastii Intarnaashinaal

Aminestii Internaashinaal kabaji mirga namomaa Itoophiyaa keessaa isa yaadessuu hime.

Madda suuraa, AMINESTII INTERNAASHINAL

Ibsa waa'ee suuraa, Aminestii Internaashinaal kabaji mirga namomaa Itoophiyaa keessaa isa yaadessuu hime.

Dhaabbati mirga namoomaaf falmu Amnastii Intarnaashinaal dhiittaan mirga namoomaa akka hin mudanne waamicha dhiyeessuun ibsa baaseera.

Dhaabbatichatti daarikterri naannoo Bahaa fi Kibba Afrikaa Depiroosee Mucheenaa haala naannicha keessa jiru ilaalchisee akkas jedhan.

''Humna waraanaa erguun wal dhabdee mootummaa federaalaa fi naannoo Tigiraay hammeessuu qofa osoo hin taane, lubbuu namoota baay'ee balaa irra kan buusuu fi sarbama mirga namoomaa Itoophiyaatti raawwatuuf yaaddoo guddaadha.''

Seerotni idil-adunyaa mirga namoomaa naannoo Tigiraayi keessatti akka kabajamaniif qondaalota mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi naannoo Tigiraayiif waamicha taasifna.

Yoo wanti ajjeechaa lubbuuf saaxiluu fi miidhaa qaamaaf saaxiluu hin jiraanne humna akka malee fayyadamuu irraas of qusachuu qabu,'' jedhan.

Dabalataan Amnastii Internaashinaal tajaajilli inteneetii fi bilbilaa naannoo Tigiraayii adda citee ture akka deebi'uuf gaafateera.

''Tajaajilli Interneetii fi bilbilaa naannoo Tigiraayi adda cite deebi'uun namootni wal qunnamuu qabu, kun mirga yaada isaanii bilisaan ibsachuuti, akkasumas haala kabaja mirga namoomaa naannicha keessaa hordofuuf gargaara'' jedhe dhaabbatichi.

Seenaa duubaa waldhibdee

Sadaasa 4 bara 2020 ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad naannoo Tigiraay keessatti oppireeshinii akka gaggeessan humna ittisa biyyaaf ajaja dabarsan.

Kunis TPLF buufata waraanaa ajaja [Izzii] Kaabaa Maqalee keessa jiru haleele jechuuni.

Ministirri Muummee Abiy TPLF ji'ootaaf hookkara fi waraana kaasuuf dhaadachaa ture jechuunis himataniiru.

''Haleellaa ganama kana raawwateen sararri diimaan dhumaa amma darbameera. Kanaaf mootummaan federaalaa tarkaanfii fudhachuuf dirqameera jedhan.'' kaleessa ganama.

Naannoon Tigiraay sochii geejibaa lafarraas tahe qilleensarraa gara naannoo isaaniittis tahe naannichaa bahuuf taasifamu yeroof dhaabuu ibseera.

Manni Maree Ministeerotaas kaleessa wal gahii gaggeessuun naannoon Tigiraay labsii yeroo muddamaa ji'a jahaa jala akka galtuuf murteessaniiru.

Kun humni waraanaa tarkaanfii barbaachisaa tahe bu'uura seeraan akka fudhatuuf isaaf eeyyama jedhame. Tajaajilli Interneetii fi bilbilaas naanoo Tigiraay keessatti adda citee ture.

Hariiroon mootummaa federaalaa fi naannoo Tigiraay hammaachaa dhufuun amma sadarkaa yaadessaa waraanaa kana irra gaheera.