Siyaasa Itoophiyaa: Rakkoon federaalaafi naannoo Tigiraay gidduu jiru maaliif akka sodaa biyya diiguu dorrobe

Miseensooti poolisii addaa naannichaa wayita garsiisa loltummaaf bahaniitti

Waldhabdeen Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi paartii Tigraay bulchaa jiru, TPLF, jidduutti daran hammaachaadhuma deema. Siriiyyuu gara waraanaatti deemamaa laata jechuun sodatamaa jira jedha barreessaan odeessa kanaa Dastaa Gabramadihin BBC Tigrinyaa irraa.

Waldhabdeen naannichaafi mootummaa federaalaa jiduu jiruus caalaa cimaa kan dhufe erga naannoon Tigraay filannoo sadarkaa naannootti gaggeessuuf ejjennoo isaa beeksisee kaaseeti.

Filannoon Roobii dhufaa gaggeefamuuf jiru kunis adeemsa mootummaa federaalaatiin ala tarkaanfachuu naannichaa kan agarsiiseedha.

Haalli siyaasa biyyattii yeroodhaa gara yerootti badaa dhufuunis sababii ajjeechaa Haacaaluutiin wal qabatee hokkora uumameen ammoo namoonni kuma sagal ta'an hidhamuun himameera.

Kanaanis wal qabatee dhaabbileen mirga namoomaaf morman bulchiinsi MM Abiy kan bara 2018 wayita gara aangootti dhufan biyyatti dimokiraatessuuf waadaa galanii turan amma gara abbaa hirrummaatti geeddaramaa jiruu laata jechuun yaaddoosaanii ibsaa jiru.

Maddi wal dhabdee inni guddaa maal?

Paartiin Naannoo Tigraay bulchaa jiru, Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) wayita filannoo sadarkaa naannootti gaggeessuuf akka jiru beeksiiseetti baayyee naasiseera. Kunis faallaa ibsa mootummaa federaalaafi boordiin filannoo biyyaaleessaa filannoo akka dabarfame himamee ture.

Erga sirni Dargii bara 1991tti aangoorraa kaafamee kaasee hanga dhiheenya kanaatti TPLF walta'insa paartilee sabummaa bu'ureeffachuun hundeeffamuun biyya bulchaa turan afur keessa ture. Paartileen kunneenis haaluma sirna federaalaa biyyattiin hordofaa turteetiin naannoosaanii bulchaa turan.

Kanaafuu, TPLF Abiyy waliin walitti mufachuun paartilee biyya bulchan keessaa bahuunsaa tokko jedhee humna biyya bulchu keessatti qaawwa uumuu eegale.

Jiraataa magaalaa Maqalee farda haalluu alaabaa TPLF deebiimuu kabaja ayyaana hundeeffama TPLF 2020 kabajameerratti.

Madda suuraa, Getty Images

Kana malees, TPLF akkuma dhaabbilee siyaasaa mormitootaa kan biraatti aangoon Abiy baatii Fuulbaanaa kanatti dhumachuu qabaata jechuun morma.

Osoo dabarfamuu baatee filannoon biyyaaleessaa Itoophiyaa baatii Hagayyaa keessa gaggeefamuuf ture.

Deeggartoonni MM Abiy garuu filannoon sababii weerara koronaavaayirasitiin dabarfame malee akka paartileen siyaasaa mormitootaa jedhan aangoorra turuu barbaadee miti jedhu.

Haaluma kanaanis manni marii federaalaa waan yeroo turtii isaa baatiiwwan 12 dheereessaniifuu, hoogganaa seera qabeessaadha jedhu. Yoo weerarri vaayirasichaa to'atame filannoon gaggeeffamu ni danda'a jedhu.

Kanaafuu murteen TPLF dhiibbaa hangam qabaataa?

Adeemsa filannoo gaggeessuu TPLF kan hirmaannaa mootummaa federaalaa malee gaggeeffamaa jiru kun tarii bulchiinsa walabaa hundeeffachuuf bu'uura kaa'aa jiruu laata jechuun kanneen yaaddoo qaban ibsanis hin dhabamne.

TPLF garuu gama isaatiin naannichi Itoophiyaadhuma keessa akka turu feedhii akka qaban himu.

Haata'u malee, mirga 'ofiin ofi bulchuu' fi yaalii MM Abiy biyya sab-daneessa' balleessuun walitti makamtee bulchinsa tokko jalatti akka hundooftuuf adeemaa jiru ni mormu.

"Qaama hiree ofii ofiin murteeffachuufi ofiin of bulchuu keenya sarbuuf yaalu kamiifuu hin jilbiiffannu,'' jedheera pirezidaantii Itti-aanaan naannichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'eel baatii darbe keessa.

Miseensoota humna addaa naannichaa dhiheenya kana Maqaleetti agarsiisa waraanaa taasisan.

Haasaan isaa kunis humnootiin nageenyaa naannichaa agarsiisa waraanaa taasisaniin guyyoota muraasaan booda kan dhagahame ture.

Humnootiin waraanaas meeshaalee waraanaa AK-47 fi laawuncharii, rokeettii RPG qabachuun magaaloota gurguddoo naannoo Tigiraay keessatti agarsiisaa turan. Kunis tarii wal waraansi eegaluu danda'aa laata jechuun hedduun akka yaadan taasiseera.

''Nageenya keenyaaf aarsaa barbaachisu hunda kaffaluuf qophaa'oodha,'' jechuun kan waajjirri nageenya naannichaa fuula feesbuuk isaarratti maxxansees guyyaadhuma agarsiisa waraanaa sana ture.

Deebiin mootummaa federaalaa maal ture?

Mootummaan federaalaa filannoon naannoo Tigraay gageessu seeraan ala jechuun filannoo gageessuuf aangoo kan qabu mootummaa federaalaafi bordii filannoo biyyaaleessaa qofa akka ta'e himeera.

Qophii filannoof taasisaa ture keessaa

Haata'u malee, MM Abiy filannicha dhaabuuf garasitti loltuu erguun 'maraachuudha' jedhee ture.

"Mootummaan federaalaa ummata isaa irratti haleellaa gaggeessuuf yaadas ta'e fedhii hin qabu,'' jedhee ture gaafa Adooleessa 25, 2020.

Garuu kanneen yaada MM Abiy deeggaran, Janara waraanaa duranii Kaasaayee Camadaa dabalatee, naannoo Tigiraatti waraanni akka ergamuuf waamicha taasisaniiru.

''Mootummaan haalaan itti qophaa'uun tarkaanffii irratti fudhachu qaba,'' jedhan Janaraalichi gaaffiifi deebii Waaltaa TV waliin taasisanirratti.

Gareen Idil-addunyaa Kiraayisiis Giruup jedhamu gama isaatiin, qondaaltonni federaalaa muraasani akka tarkaanfii 'adabbiitti' mootummaa Tigiraayirratti qoqobbaa bajataa taasifamuu qabaata jechuu akka gaafatan himeera.

Haaluma walfakkaatuunis Manni Maree Federeshinii dhimma Tigraa irratti Sambata kaleessaa walgahii atattamaa waamee mariyateera.

Mootummaa naannichaa garuu deebii waamicha walgahii sanaaf kenneen murteen adeemsa filannichaa dhaabuuf ykn jeequuf taasifamu kamiyyu ''akka waraana labsuutti fudhatama'' jechuun akkeekachiseera.

Miseensoonni mana marichaarraa ta'an walgahicharratti osoo ajandaan marii sanaa dursee nu hin qaqqabiin akka hin argamne ibsanii hin argamiin hafaniiru.

Manni Maree Federeeshiniis kora ariifachiisaa Sambata taa'een, 'filannoon naannoo Tigiraay akka gaggeeffameetti kan hin lakkaa'amne, kan hin raggaasifamneefi hojiira oolmaa hin qabnedha' jechuun murtee sagalee guutuun dabarseera.

Wal dhabdeen maaliif akkas cimee?

Paartiin TPLF erga Dargiin aangoorraa kaafamee booda siyaasa mootummaa federaalaa keessatti bara 1991 hanga 2012tti gahee adda durummaa qabaachaa ture.

Haata'u malee, battala MM Abiy aangootti dhufeetti hanga tokko aangoo mootummaa federaalaa dhaban.

Duula MM mirgoota namoomaafi malaammaltummaa irratti qabsaa'uuf taasisaa turanis akka miseensoota TPLF irratti xiyyeeffateetti fudhachuu eegalan.

Keessattuu, akkuma bara 2018 keessa Abiy aangoo qabateen tarkaanfiin qondaaltota waraanaafi nageenyaa qulleessuu ykn hidhuu taasifamees aanga'oota bulchiinsa duraa biratti mormii hedduu kaasee ture.

Mallas Zenaawii magaalaa guyyoo naannichaa Maqaleetti deegarsa olaanaa qaba ture

Madda suuraa, Getty Images

Qondaalli olaanaa basaasaa duraanii Getaachoo Asaffaa naannoo Tigraayiitti baqachuun hidhaa jalaa bahuutu himama.

Erga Abiy paartiilee siyaasaa hunda walitti baqsuun Paartii Badhaadhinaa hundeessanii booda ammoo dhageettiin TPLF jiddu gala biyyattii keessatti qaba ture caaalummatti akka xiqqaatu taasise.

TPLF ammoo Paartii Badhaadhinaatti makamuu diduu ofuma isaatiin mootummaa federaalaa keessaa bahuusaa beeksise. Abiy ammoo miseensoota kaabinee muraasa yoo hari'atu kaan ammoo ofumaan aangoo gadhiisan.

Sababii kanaanis, TPLF gara waajira muummee naannoo isaa kan Maqaleetti deebi'uu eegaluun, walitti dhufeenyi jiru hirrachaa dhufe.

Akkasumas, tarkaanfii mootummaan federaalaa ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun fudhateen miseensonni muraasni TPLF keessatti argaman akka marfamuutti yaaduu eegalan.

Humnootiin nageenyaa waajiira dhaabbata TV paartii TPLF waliin hidhata qabu 'Dimtsi Wayyaane' kan Finfinneetti argamu cufan.

Akkasumas dhaabbata TV OMN kan hidhamuu hayyuu siyaasaa mormituu Jawaar Mahaammad waliin hidhata qaba jedhames cufan.

Mootummaan federaalaafi Paartiin BadhaadhiinaaTPLF ajjeechaa Haacaaluu keessaa harka qaba, akkasumas ''biyyatti idiiguuf hojjataa jira,'' jechuun himatan.

TPLF ammoo ''bulchiinsa gahumsa hin qabne'' fi ''burjaaja'ina bulchiinsa Abiyiin uumameef kaanitti quba qabuun hin ta'u jechuun deebii kennee ture.

Walbummaa labsuun hangam yaaddeessaadha?

TPLF erga sirni Dargii bara 1991tti aangoorraa ka'ee kaasee heera mootummaa kan garee saba, sablammootaafi ummattoota biyyattiif mirga hiree ofii ofiin murteeffachuufi naannoo ofii ofiin bulchuuf kennee wixinneessuu keessatti gahee olaanaa baheera.

Paartichi naannicha foxoqsuuf fedha qabaachuu ifatti ibsuu baatulleen, mirgi kun kabajamuu akka qabaatu yeroo hunda dubbata.

Hirmaattoota ayyaana hudneeffama dhaabaa Amajjii4, 2020 Magaalaa Maqaleetti gaggeefamee keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Kana malees, paartiin mormituu haaran, Paartiin Walabummaa Tigraay (TIP) filannoo naannoo kana irratti hirmaachuuf ijaarameera. Kaayyoon paartii kanaa inni duraa naannoo Tigraay walaba taate ijaaruudha.

Hayyoonni Tigraay keessaa muraasnis yaada walbummaa kana ni deegaru. Erga bara 1991tii as yaadni akkasii kun yoo ajandaa siyaasa Tigraay ta'u kun kan jalqabaati.

Paartileen filannootti hirmaatan lama, Saalsaay Wayyaanee Tigaayiifi Baaytonaan, naannichi akka afaansaa cimsatuufi dudhaaleesaa eegattuuf daangaaleen isaa akka kabajamuufi ofiin of bulchuuf mirgi naannichaa akka caalaa cimu barbaadu.

Wayita ammaatti mana maree naannichaa keessatti teessumni hundi kan miseensoota TPLFn qabame yoo ta'u, tarii filannoon amma gaggeefamu kun paartileen walabummaa Tigiraay leellisan mo'achuun ajandaasaanii caalaa akka fudhatama argatuuf dhiibbaa akka taasisaniif kan carraa uumuuf ta'uu danda'a.

MM Abiy yeroo hedduu irra deddebiin biyyattiin 'gonkumaa' hin bittinooftu jedhaa, garaa garummaa amantaa, sabaafi walitti bu'insa siyaasaa jiraatulleen biyya akka bakka tokkotti waliin dhaaban amantaa qaban himu.

Haata'u malee, TPLF walitti bu'insi bara aangoo isaa uumameen lammiileen saba Tigree kuma 120 buqa'uu himu.

Yaaliin araaraa gaggeeffame maal fakkaata?

Hagayya 16 dureewwan amantaa, jaarsooliifi namoota bebbeekamoo of keessaa qaban 50 magaalaa guddoo federaalaa irraa gara Maqalee imalanii ture. Kan deemanis waldhabdee ture furuuf jedhameeti. Ta'us garuu bu'aan yaalii kanaa fuulduratti kan mullatu ta'a.

Gareen Kiraasiisi Giruup jedhamus jaarsummaan akka barbaachisu cimsee himee ture.

Kanarraa ka'uunios, ''Dureen Afriikaa beekamoon TPLF fi Abiy waliin walitti dhufeenya qaban gama kanaan gahee olaanaa bahuu danda'u,'' jechuun yaada kaa'ee ture.

Xinxaltoonnis akkasuma naannicha waliin nageenya buusuun murteessaadha jedhu. Walitti dhufeenyi Ertiraa waliin biyyattiin taasiftus tasgabbi Tigraay keessa jiruufi hirmaannaa naannichaarratti hundaa'a jedhu.

Dureen TPLF fi Pirezidaantiin ittaanaan naannoo Tigraayi Dabratsiyoon Gabramikaa'eel Abiy waliin dugdaafi garaa ta'an

Madda suuraa, Getty Images

Naannichi Ertiraan waldaangeessuu isaatiin yeroo waraanni bara 1998tti biyyoota lamaan jidduutti gaggeefametti jiddu gala waraanaa ture.

Waraana Baadimmee deebiiftee naannoo Tigraayirraa fudhachuuf Ertiraan eegalteen gama lamaaniinuu lammiileen kuma hedduutti lakkaa'aman du'aniiru.

MM Abiya garuu akkuma aangootti dhufaniin bara 2018 keessa pirezidaantii Ertiraa Isaayaas Af-warqii waliin waliigaltee nageenyaa waliin mallatteessaniiru. Kunis waldhabdeen biyyoota lamaan jidduu waggoota 20f ture dhuma argatee daangaan akka deebiise saaqamuuf karaa baneera.

Haata'u malee, daangaaleen deebiifamuun cufamaniiru. Sababiinsaa ifa ta'uu baatulleen, mootummaan Itoophiyaa yeroo tokko biyyoonni lamaanuu buufataalee gumurukaa daangaalee irratti hundeessuuf hojjataa akka jiran himee ture.

Haalli Baadimmees waan fala argate miti. Ertiraan Itoophiyaan waliigaltee komishinii daangaa UNn kaa'een magaalaa Baadimmee akka kenniiftuuf barbaaddi. Kun ammoo walta'iinsa mootummaa Tigraay malee hojiirra ooluu hin danda'u.

Kanaafuu, MM Abiy dhimma kanaaf fala waaraa kaa'uuf, dursa garaa garummaa TPLF waliin qaban hiikuun barbaachisaa ta'a.