Abdiifi sodaa paartileen siyaasaa filannoo dhufurratti qaban

Pirofesar Mararaa, Dr Dasaalanyi, Obbo Yeshiiwaas, Pirofesar Bayyana, Obbo Andomiifi Obbo Toleeraa

Madda suuraa, Getty Images and Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Pirofesar Mararaa, Dr Dasaalanyi, Obbo Yeshiiwaas, Pirofesar Bayyana, Obbo Andomiifi Obbo Toleeraa

'Filannoo gaggeessuun ala filmaati gaariin biraa waan jiru natti hinfakkaatu'' Piroferar Mararaa Guddinaa

Piroofeesar Mararaan kana kan dubbatan, tibba BBC Afaan Amaaraa bakka bu'oota paartilee siyaasaa biyya keessaa filannoo dhufu ilaalchisuun waan abdataniifi sodaa qaban irratti wayita haasofsiisanitti ture.

Dura taa'aan Kongirasii Fedeeralistii Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa 'qaamolee biyyattiin osoo hin tasgabbaa'iin filannoo gaggeessuun hinbarbaachisu jedhan hubachuun natti ulfaata' jechuun barbaachisummaa filannoo BBC Afaan Amaaraatti himu.

Pirofeesar Mararaan filannoo gaggeessuun seera qabeessummaa hooggansaa cimsa amantaa jedhu qabu.

Yaada isaanii kanas yoo cimsan, ''boordiin filannoo bilisa ta'us ta'uu baatus, ykn haala barbaadnuun adeemuus hafus filannoo gaggeessuun ala filmaanni fooyya'e kan biraa kan jiru natti hinfakkaatu,'' jedhaniiru.

Akka Pirofeesar Mararaan jedhanitti, filannoo gaggeessuun biyyattii kallattii qabsiisuuf barbaachisaadha.

Caasaa filannoos hatattamaan diriirsuun ni danda'ama jedhanii amanu. Kanaan ala, filannoon gaggeefamu hinqabaatu ykn gara filannootti hinseennu jechuun biyyatti gara waan hinmalletti geessa jechuun yaaddoo qaban himu.

Osoo dhimmii biraa hinsirreeffamiin filannoo gaggeessuun maal buusa?

''Filannoowwan badaa lamarraa uummata qabatanii gara filannoo, nagaafi tasgabbiitti seenutu filatama,'' jedhaniiru.

Haa ta'u malee seera filannoo haaraa irratti gaaffii akka qaban hindhoksine. Fakkeenyaafis, akka haaraatti mallattoo miseensa kuma 10 walitti qabaa jedhamuu mormuun boordii filannootti iyyata galfataniiru.

Kana yoo jedhanis akka paartiitti miseensa jedhame dhabanii osoo hintaane, mallaticha walitti qabuun baasii hanga birrii miiliyoona tokkoo gaafachu akka danda'u dubbatu.

''Kana duras seera isa dorgomtoonni mallattoo kuma tokkoo, kuma lama walitti haaqabatan jedhurratti Mallasiifi Barakat fa'i waliin erga marii jabduu taasifnee as akka hafu ta'e ture. Amma maaliif deebiisanii akka nutti fidan hinbeeku'' jedhu.

Akkasumsa keewwata labsichaa hojjataan mootummaa filannoof kan dorgomu yoo ta'e hojii gadhiisa jedhu ''baayyee qaaniidha'' jechuun ibsu.

''Boordii filannoo hanga himmachuu deemuu dandeenya'' Piroofeesar Bayyana Pheexiroos

Dura taa'aan Paartii Dimookraasii Hawaasaa Itophiyaa Pirofeesar Bayyana Pheexiroos filannoon ALI bara 2012tti yoo gaggeeffame gaaffii akka hinqabaannee himu. Kana caalaa kan isaan yaaddeessu dirreen siyaasaa dorgommii filannootiif kan hinmijoofne ta'usaati.

''Qabatamaan akkuma beeknu miseensoonni boordii filannoo shan muudamuun alatti caasaan filannoo hanga gadiitti jiru hingeeddaramne,'' jedhu. ''Raawwachiftoonni filannoo buufataalee sadarkaa naannoo, godinaale, aanaalee miseensa ADWUI duraati. Kunis jijjirama guddaa hinfidu,'' jedhu.

Muuxannoo isaanii kan filannoowwan shan irratti hirmaatanii eeru. Haa ta'u malee guyyoota muraasa dura namoota filannoo naannoo raawwachisuuf ta'an eeraa jechuun xalayaan akka isaan qaqqabe dubbatu. ''Kunis tarkaanffii gaarii ta'u danda'a'' jedhaniiru.

Kana malees, akkuma Piroofeesar Mararaa labsii galmeefi naamusa paartilee siyaasaa dhiheenya mana maree bakka bu'aatiin raggasifame irratti komii qaban dubbatu.

Hirmaannaa paartileen filannoo keessatti taasisan kan booddeetti deebiisuudha jedhu. Paartiin erga kaadhimamaa isaa dhiyeessee as kaadhimamaan yoo xinnaate mallattoo kuma lama walitti qabata jedhamuun sirrii akka hintaane himu Pirofesar Bayyanan.

''Kan duraa mallattoo kuma tokko tare amma kuma lama taasifameera.'' Akkasumas paartilee waggoota digdamaaf ol filannoo keessatti hirmaatan amma mallattoo kuma 10 walitti haa qabatan jedhamuun sirrii miti jechuun mormu.

''Kunis hanga mana murtii nugeessuu danda'a, boordii filannoo himachuu dandeenya. Abukaatoos dubbisaa jirra,'' jedhu.

''ABIN Oromiyaafi Beenshaangulitti akka shororkeessaatti lakkaa'amaan jira'' Dr. Dassaalanyi Caannee

Erga Ministirri Mummee Dr Abiy gara aangootti dhufanii abdii godhachaa turan illeen, haalli dirree siyaasaa amma argaa jiraniin filannoon ittaanu dimookiraatawa ni ta'a jechuuf amantaa isaanii hirrataa dhufu dura taa'aan Sochiin Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) Dr Dasaalanyi Caannee BBC'tti himan.

''Waggaa tokko darbe keessa siyaasni Itoophiyaa bu'aa bahii hedduu keessa darbeera,'' kan jedhan Dr Dasaalanyi keessattu erga taatee Waxabajjii 15 booda dirreen siyaasaa dhiphachaafi cufamaa jira jedhu.

Oromiyaafi Beenshaangul keessa socho'uun rakkisaa akka itti ta'e himuun, ''ABIN bulchiitootaafi jaalleewwan godinaaleefi aanaa ODP fi Paartii Dimookiraatawaa Benshaanguliin akka paartii shororkeessaatti ilaalamaa jira,'' jedhan

''Hanga harraattis aanga'oonni sadarkaa garaagaraatti argamaniifii deegartoonni hedduun Oromiyaa keesstti hidhamanii turan,'' jechuun himata.

Dhimma kan ilaalchisees waajiraalee ministira muummee, ittaanaa MM fi boordii filannootti gabaasa galfachu isaanii Dr Dasaalanyi BBC Afaan Amaaraatti himan.

Aanga'ota Oromiyaa olaanoo waliin mari'achuuf yaaliin taasisan akka hinmilkoofneefis himeera. Gama biraatiin naannoo Amaaraatti taateewwan muraasaan alatti rakkoo malee bilisaan socho'aa jiraachu himu.

Gama labsii filannoo haaraa ilaallatuun paartiin sadarkaa biyyaaleessaatti galmaa'uuf mallattoo kuma 10 gaafatamuun paartiisaanii akka isa hinyaachifne himaniiru

Haa ta'u malee, jalqaba kan irratti waliigalame kuma afur ta'e osoo jiru booda geeddarameera,'' jedhu Dr Dasaalanyi.

Akkuma pirofeesar Mararaa hojjataan mootummaa yoo filannoof dorgomu hojii gadi dhiisa kan jedhu ni mormu.

Akkasumas ''Jijiramoonni jiraatanilleen kaleessa, har'as, borus dorgommiif kan dhiyaatu ADWUItti. Dhaabbanni kun ammoo haala bu'uura ta'een ammallisaa geeddarameera jennee hinyaadnu,'' jedhu Dr Dasaalanyi.

Wayita ammaa kanattis humna guutuun filannoof hojjataa jirra kan jedhan Dr Dasaalanyi, yoo milkaa'an mo'achuun teessuma naannoofi federaalaa qabachuuf, yoo kun hinmilkoofneef ammoo teessuma caalmaa argachuun warra biroo waliin mootummaa gamtaa hundeessu akka yaadan hima.

''Paartileen milishaas midiiyaas qaban jiru'' Yashiwaas Asaffaa

Dura taa'aan paartii Haqa Hawaasummaa Lammilee Itoophiyaatiif (IZEMA) obbo Yashiwaas Asaffaa ''fialnnoon gaggeefamuu hinmorminu garuu dhimmoota ilaalamu qaban jedhee amanne mootummaaf dhiyeessineera,'' jedhu.

Gaaffii boordiin filannoo, manni murtiifi komishiniin mirga namoomaa haala gahaa ta'een qophaa'aadhaa? shakkii jedhu qabnas jedha. Akkasumas paartileen yoo mo'aman tole jedhanii hinfudhannee ni jiraatu jechuun yaaddoo qabu ibsu.

''Paartileen milishaafi miidiyaa mataasaanii qaban jiru. Maallaqa waan qabaniifuu filannoon mo'atamanis tole jedhanii aango waan kennan hinfakkaatan,'' jedhu. Gama isaanitiin filannoon mo'atamnaan fudhachuuf rakkina akka hinqabaanne dubbata.

Yaada seera filannoo haaraan paartileen mallattoo walitti qabu qabaatu jedhu IZEMAn haala addaatii akka deeggaraniifi ''lama ykn sadii ta'uun paartiidha jedhanii of himuun kallattii qabaachu barbaachisaadha. Mallattoon kuma 10 siriiyyuu ni xiqqata,'' jedhu Obbo Yashawaas.

''Filannichi kan bu'uura dimokiraasii buusuu ta'uun yaadni garaagraa dirree siyaasaa keessa jiru paarlaamaa galu qabaata. Xiyyeefannaan keenya qabxii qofa osoo hintaane ademsicharrattis'' jedhaniiru.

''Waadaan filannoo bilisaafi haqa qabeessa ni gaggeessina jedhame raawwatamu qaba,'' Toleeraa Adabaa

Dubbi himaan Adda Bilisummaa Oromo Obbo Toleeraa Adabaa seera duraatiin kan gaafatamu hunda guutuun galmaa'uuf deebii boordii filannoo eeggataa akka jiran dubbatu.

Gabaabina yerootiin sardamni jiraatulleen yeroo kaa'ame keessatti socho'uun filannoon akka mo'atan amantaa qabu.

Haaluma kanaanis naannoolee nagaafi tasgabbiin jiruutti sochiileefi qophii filannoo taasisaa jiraachu dubbatu. '' Naannoolee tokko tokko keessa socho'uuf to'annoo cimaatu jira'' jechuun rakkina isaan mudate himu.

Rakkoolee kanaafi kana fakkaatanii alatti qabxii filannoo fudhachuuf qophaa'oo ta'uu himu.

''Waadaan filannoo bilisaafi haqa qabeessa gaggeessina jedhame sun raawwatamuu qabaata jenna. Nuti filannoon filatamuus ta'e mo'atamu ni simanna'' jechu dubbatu.

''ABUT waan aangosaaf yaadda'uuf nu reebaa, hidhaafi dorsiisaa jira,'' Andoom G/sillaase

Naannoo Tigraayi keessatti paartii mormituu mummee kan ta'e Areenaa keessatti miseensaafi ittigaafatamaa sab-quunnamtii paartichaa kan tahan Obbo Andoom G/sillaase filannoo dhufaa dimokiraatawa taasisuuf gama motummaatiin gufuun kan ta'an jiru jedha.

''Keessattuu Tigraayi keessa dirreen siyaasaa baayyee rakkisaadha. Miseensoonni Areenaa ni hidhamu, ni reebamu, qabeenyaan isaanii ni saamama. Fayyadamni midiyaas hinjiru. Wal gaarreeffannaan paartilee biyya bulchan jidduu jirus filannoof rakkisaadha,'' jedha.

Haa ta'u malee, paartiinsaanii ''Naannoo Tigraayiifi Finfinneetti dorgomuuf qophii barbaachisu taasisaa jirra,'' jedheera.

Akkuma oggansa paartii mormituu kan biraa hojiin bilisuummaa ገለልተኝነትን boordii filannoo mirkanneessuuf hojjatame ganaa gadi hinbuune jedha.

Hojjataan motummaa filannoof yoo dorgomu hojii gadi dhiisa yaada jedhu Aranaan ni morma. Gama biraatiin ammo mallattoo kuma 10 walitti qabachu jedhu paartiilee akka Aranaa bara dheeraaf qabsaa'aa tureef rakkina hinta'u jedha.

Paartiinsaanii naannoo Tigraayi keessatti deeggarsa gaarii akka qabu dubbachuun ''osoo kan hintaanee Aranaan ABUT hinyaadeessu ture. Nutis ABUT aangoosaatiif waan sodaachifnuuf reebicha, hidhaafi dorsiisoo kan nurratti raawwataa jiru,'' jedha obbo Andoom.

Akka obbo Andoomiitti, ABUTn filannoon yoo mo'atame tole jedhee aangoo gad shiisaa kan jedhu osoo hintaane, ''jalqaba filannicha haala sirriin ni gaggeessaa laata? Kan jedhuudha.