Heenok Gabbisaa: Egeree paartilee siyaasaa Oromoo - 'Diimokiraatiik fi Riippablikaan'

Madda suuraa, Henok G. Gabisa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa tibbana aanga'oota nagenyaa olaanoo miseensa paartii mormituu ta'aniif bifa armaan dura hin baramneen muudama kennee jira.
Birgaader Jeneraal Kamaal Galchuu hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Dhimma Nageenyaa ta'uun yoo muudaman, Kolonel Abbaba Garasuu ammoo Hogganaa Itti aanaa Biirichaa ta'uun muudamaniiru.
Muudamni kun egeree siyaasa paartilee Oromoo kan mul'isu fi paartileen Oromoo bifa haaraan ijaaramaa jiraachuu mul'isa jedhu, Ameerikaa Yuunivarsiitii Washingitan and Lii'tti pirofeesara seeraa kan ta'an Dr. Henook Gabbisaa.
Akka Dr. Heenok jedhanitti paartileen Oromoo akka kan biyya Ameerikaa Yaad-rimee 'Democratic' fi 'Republican' jalatti walitti qabamaa jiru jedhu.
Yeroo ammaatti 'Oromo Democratic Party'n of ijaaree, of gurmeessee as bahee jira jedhu Dr. Heenok.

Madda suuraa, ODP/Facebook
"Kunneen warra lammiilee adda biraa waliin, biyya keessaas biyya alaas warra jiran waliin tokkummaafi jaalalaan garuu ammo diimokiraasii irratti hundaa'ee garee jiraachuu barbaadanidha" jedhu.
Ijaarama paartii kan biyya Ameerikaa waliin wal bira qabuunis gareen kanneen akka paartii 'Democratic' pirezidantiin duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa keessatti miseensa ta'aniin wal fakkeessu Dr Heenok.
Jarreen kun duraan DhDUO kan turaniifi wayita ammaa paartilee siyaasaa biroo dabalachuun wal ijaaranii kan as bahan tahuus dubbatu.
Gama biraan ijaaramanii as hin bahiin malee paartileen Oromoo yaad-rimee 'Republican' qaban jiraachuus Dr Heenok ni dubbatu.
"Akka tilmaama mataa kiyyatti 'Oromo Republican Party' gareen ta'uu danda'u tokko ABO dha. KFO keessallee namooti yaada 'Republican' qaban ni jiru" jedhu.
Akka isaanitti paartileen yaada 'Republican' qaban warra 'qabeenyaafi biyya Oromoo daangessanii addatti' bulchuu barbaadanidha.
'Guddina siyaasaa'
Akka kanaan ijaaramuun paartilee siyaasaa Oromoo, siyaasni Oromoo guddatee sadarkaa olaanaa irra gahuu mul'isa jedhu Dr. Heenok.
Kanas sirna bulchiinsa Ameerikaa akka fakkeenyaatti fudhachuun yoo ibsan, paartiin pireezidant Doonaald Tiraamp wayita ammaa Ameerikaa bulchaa jiru, paartii 'Republican' ta'us, namoonni gulantaa adda addaatti muudamanii jiran kan paartii kana qofa keessaa bahan miti jedhu.
Kana jechuun "dantaan olaanaan sirna siyaasaa sana keessa jiru, dantaa paartii siyaasaa osoo hin taane dantaa uummataa ta'uu agarsiisa" jedhu.
"Dhaabni ykn jaarmayaan siyaasaa tokko mo'ee akka bahu osoo hin taane, fedhiifi dantaan uummataa akka galma gahu barbaadama, kun ammoo guddina siyaasaa agarsiisa" jedhu.
'Dantaa Oromoo'
Itoophiyaa keessatti miseensi paartii moormituu tokko aangoo olaanaa irratti muudamuun waan baratame miti.
Haa ta'u malee, paartiin biyya bulchuufi paartiin mormituu hanga dantaa siyaasaa irratti walii galan qabanitti, mormitoota aangoo olaanaa irratti muuduun adeemsa siyaasaa seera qabeessadha jedhu ogeessi seeraa kuni.
Muudamni tibbana MNO kennes "siyaasni Oromoo sadarkaa dur jaarmayaa, gandaafi amantaan wal qooduu irra darbee, eenyutu dandeetti dantaa Oromoo galmaan gahuu danda'u qaba ulaagaa jedhuun nama muuduu irra gahuu mul'isa" jedhu.
Dantaan olaanaa irratti waliigalamu wayita jiraatu namoonni miseensa paartii hin ta'in illee gara aangootti dhufuu malu kan jedhan Dr. Heenok kanaaf ammoo muudama Direektara Olaanaa OBN Obbo Mohaammad Adamoo akka fakkeenyaatti eeru.
Haala qabatamaa amma "ulaagaan aangoo mootummaa dandeetti dantaa ummatichaa sadarkaa Federaalaatti tiksuu" ta'uu qaba jedhu.















