Siyaasa Itoophiyaa: Filannoorratti ejjannoo TPLF fi deebii Paartii Badhaadhinaa

Hasxaa PBfi TPLF

Madda suuraa, PP/TPLF

Paartii Naannoo Tigraay bulchaa jiru TPLF fi paartii mootummaa federaalaa hogganuu Badhaadhina jidduu jecha walitti darbannaa yeroo garaa garaa taasifamu ammalleen hin dhaabbanne.

Dhiheenya kanas waligahii koreen jiddugaleessaa taa'aa ture wayita xumuratutti TPLF ibsa baaseen filannoo sadarkaa naannoo Tigiraayitti gaggeessuuf akka jiru irra deebiyee cimsee ibseera.

Kana malees, wal diddaa paartichaafi PBadhaadhiinnaa jidduu jirurratti baliinaan ibsa baasee ture.

Haaluma kanaanis Paartii Badhaadhiinaatti sadarkaa Ministiraattti Qindeessaa Damee Dubbi-himaa Idil-addunyaa Jiddugala Ijaarsa Sirna Dimokiraasii kan ta'an Obbo Awwaluu Abdii dhimma kanarratti BBC Amaariffaa waliin dubbataniiru.

Haaluma kanaanis, TPLF dhimma filannoo ''ajandaa uumachuun'' itti fayyadamuu yaalaa jira jechuun ibsaniiru Obbo Awwaluun.

''Filannoo gaggeessuun aangoo mootummaa federaalaa male kan naannoo miti. Boordiin filannoo ammoo aangoo guutuu qaba. Boordichi ammoo filannoo gaggeessuu akka hindandeenye qorannoo gaggeessuun qaamoolee dhimmisaa ilaallatuutti dhiyeessuun mana maree bakka bu'oota ummataatiin fudhatama argateera,'' jechuun Obbo Awwaluun BBC'tti himaniiru.

TPLF ibsa dhuma torban darbee baaseen ammoo, ''Mootummaan Federaalaa bifa abbaa hirrummaatiin" aangoo dhuunfachuun mirgoota sabootaa cabseera jechuun himatee ture.

Dabalataan, "Mirga ofiin of bulchuu hayyama eenyuuyyu itti hin gaaftneefi ummanni keenya haarsaa kaffaleen dhugoomse qabatamaan hojiitti hiikuudhaaf naannoo keenya keessatti filannoon akka gaggeeffamuufi kanas gochuudhaaf qophileen jalqabaman akka itti fufan," murteessuu isaa beeksise ture.

Filannoon biyyaalessaafi kan naannoo, "sagantaa Boordiin Filannoo baasuun gara fuula duraatti kan gaggeeffamudha. Kanaan alatti ni gaggeessina kan jedhamu qoosaadha yaada jedhau qabna nuti gama keenyaan," jedhan Obbo Awwaluun.

Obbo Awwaluun ibsi TPLF baase walumatti qabaatti, "himannaa barameeefi bu'uura kan hin qabnedha," jechuun kan gatii hin qanedha jedhaniiru.

"Naannicha keessatti bulchiinsa gaarii mirkaneessuu dadhabee, gaaffii ummataa seeraan deebisuu yeroo rakkatutti; walumaagalatti dirree siyaasaa naannoo sana jiruufi sochii paartilee morkattootaa humnaan dhorkuudhaaf […] burjaajjii keessa galuun yeroon wanti godhu harkaa babbadutti Paartii Badhaadhinaa' himachuu jalqabe," jechuun BBCtti himan.

TPLF paartiin biyya bulchaa jiru, Paartiin Badhaadhinaa, Heera mootummaa cabseera, dheebuu aangoo daangaa hin qabne qaba waan ta'eef, "Abbaa Hirree Xiqqattii [Gilgal Ambaagannan]" ta'era jechuun ibsa baaserratti himateera.

Obbo Awwaluun ammoo gama isaaniitiin, "Ilaalcha mo'amuutu" itti dhaga'ameeti jechuun himannicha gatii dhowwachuun qeeqni TPLF irraa dhufe Paartii isaanii akka hin yaaddessine dubbataniiru.

Filannoon biyyaalessaa bara kana ni gaggeeffama jedhamee ture sababa weerara koronaavaayirasiitiin akka yeroo biraatti darbu manni maree biyyattii murteessuun isaa ni yaadatama.

Paartiin naannoo Tigiraay bulchaa jiru, TPLF, garuu, "Of-eegannoo barbaachisu taasisaan" filannoo naannoo isaaniitti akka gaggeeffatu beeksiseera.

Haata'u malee, adeemsi filannichaa bifa kamiiniifi to'annaa ol-aantummaa eenyuutiin akka gaggeeffamu, akkasumas akka gaggeeffamu hanga ammaatti wanti beekame hin jiru.