Itoophiyaaa: Paartileen mormitootaa Tigraay keessa socho'an mootummaa naannichaa qeeqan

Asxaa paartilee siyaasaa

Madda suuraa, FB PAGE OF THE PARTIES

Naannoon Tigraay koronaavaayirasii ittisaa filannoo sadarkaa naannootti gaggeeffachuuf qophii taasiisuuf murteessuusaa torbaan darbe beeksisee ture.

Ejjannoo naannichaa kanarratti yaadawwan adda aadaa qaamoolee gargaaraatiin ka'aa jira.

Kanneen ejjannoo mootummaa naannoo Tigraay qeeqan keessaa paartiileen moormiitootaa sadii naannoo Tigraayiitti argamaniidha.

Paartiileen mormitootaa sadan Paartii Baayitonaa Tigraay, Saalisaay Wayyaaneefi Paartii Bilisummaa Tigiraay jedhaman, mootummaan naannichaa qophii filannoo gaggeessuuf isa dandeessisu taasisaa hinjiru jechuun dubbatan.

Paartiiilee kunneen, ''Paartiin naannicha bulchaa jiru TPLF 'geeraraan alatti' filannoo dimokraatawaafi haqa qabeessa ta'e naannichatti gaggeessuuf eejjaanno ifaafi kan burjaajiin ala ta'e hinqabannee,'' jechuun himatu.

Ibsa waliin baasaniin paartiilee mormiitootaa kunneen akka jedhaniitti, ''haalli siyaasaa haqa qabeessaafi dimokiraatawaa naannichatti filannoo gaggeessuuf mijataa ta'e hin jiru,'' jedhaniiru.

Haa ta'u malee, filannoon barana gaggeefamuu qabu yoo hingaggeeffamne ammoo naannichatti dhaabbanni siyaasaa seera qabeessa ta'e kan hinjirre ta'u kan ibsan paartilee kunneen, filannichi yeroodhuma isaatti akka gaggeefamuuf gaafataniiru.

Heerri Itoophiyaa waggaa shaniin filannoon biyyaaleessaa akka gaggeefamu kaa'ulleen dhaabbanni filannicha akka gaggeessuuf itti gaafatamummaa qabu boordiin filannoo garuu sababii koronaavaayirasitiin yeroo qabameetti gaggeessuu akka hin dandeenye ibseera.

Kanaan walqabatee ammoo manni marii bakka bu'oota ummataas yeroo filannoo dheereessuuf manni maree federeshiinii hiikaa heera mootummaa naaf haa kennu jechuun gaafachuunsaa ni yaadatama.

TPLF garuu filannoo dheereessuuf koronaavaayirasiin sababa gahaa waan hin taaneef sadarkaa naannootti gaggeefachuuf qophiin taasisa jechuun ibsee ture.

Boodriin filannoo ammoo gaaffiin sadarkaa naannoo Tigraay karaa seera qabeessa ta'een dhiyaateef akka hin jirre himuun, hayyama boordichaa malees filannoo gaggeessuu akka hin dandeenye beeksiiseera.

Filannoo biyyaaleessaa Itoophiyaa baatii Hagayya keessa yeroo jahaffaaf gaggeeffamuuf turees sababii koronaavaayirasitiin yeroo hinbeekamnetti akka dheerreeffamu ta'eera.