TPLF: 'ADWUI'n ajandaa walitti baquu mari'atee murteessuuf aangoo seeraafi siyaasaa hin qabu’

Asxaa Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI)

Madda suuraa, EPRDF

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay (TPLF) yaa'ii Manni Maree Addii Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) har'a gaggeessuurratti akka hin hirmaanne beeksiseera.

Koreen Giddu-galeessaa TPLF kun walga'ii magaalaa guddoo naannoo Tigiraay Maqaleetti kaleessa gaggeeffateen, walga'ii manni maree ADWUI har'a (Kamisa) gaggeessuu irratti akka hin hirmaanne beeksiisuu BBC'n waajira TPLF irraa mirkaneeffateera.

TPLF walga'ii isaan boodas maaliif akka hin hirmaanne xalayaa deebii Mana Maree ADWUItiif barreesseen ibseera.

Koreen hoji-raawwachiiftuu Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) ALI Sadaasa 06 bara 2012 maqaa bu'aa qorannoo walitti baquu ADWUI mariyanna jechuun kora taa'ee turuu ibsuun eegala xalayaan kun.

Haata'u malee, ajandaa ta'uu qaburraa maqee aangoo isaaf hin kennamiiniin ADWUIfi paartileen waggoota dheeraa deggertoota ta'anii turaniifi naannolee guddachaa jiran keessaa dhufan akka walitti baqaniif sagalee caalmaadhaan murteesseera jedha.

"Murtee darbe kana waliin walqabatee ajandaa walitti baquu irratti akka murteessuuf Manni Maree ADWUI A L I Sadaasa 12 bara 2012 irratti walga'ii waamameera.

"Waamicha walga'ii nu qaqqabe irraa kahuudhaan marii koree giddu-galeessaa TPLFtiin taasifameen, Manni Maree ADWUI ajandaa walitti baquu mariyatee murteessuudhaaf aangoo seeraafi siyaasaa akka hin qabne murteerra ga'ameera."

Koreen hoji-raawwachiiftuu ADWUI bu'aa qorannoo dhimma walitti baquurratti mana maree Addichaatiin irratti mariyachuuf ajandaa kan qabates ar'attidha.

Haata'u malee, walga'iin koree hoji-raawwachiiftuu ture sun ajandaa qabame kan bu'aa qorannoo walitti baquurratti mariyatamuuf ture dhiisee gara walitti baquutti yaa ceenu jechuudhaan murtee seera qabeessa hin taane dabarseeera jedha xalayichi.

Akka ibsa TPLF kanatti ammas murteen seera qabeessa hin taane koree hoji-raawwachiiftuudhaan darbee ture sun mana maree Addichaarrattis akka murtaa'u gochuu waan ta'eef hin fudhatu.

Dabalataanis jedha xalayaan kun, Koreen Giddu-galeessaa TPLF bu'aa qorannoo walitti baquu sanarratti akka mariyatamuuf murtaa'ee osoo jiruu mariin tokkollee osoo irratti hin taasifamiin ariitiidhaan walga'iin mana maree waamamuun sirrii miti.

"Sababa walitti baquudhaan TPLF diiguudhaaf aangoo seera qabeessa ta'e waan hin qabneef, walga'ii mana maree ADWUI irratti argamnee walitti baquu TPLF murteessuu hin dandeenyu."

Hiree TPLF murteessuu kan danda'u sadarkaa adda addaatti mariin erga irratti gaggeeffameen booda, yaa'ii TPLF irratti qofaa waan ta'eef; walga'ii ammaa kana irratti hirmaachuu kan hin dandeenye ta'uu keenya ni beeksifna jedheera xalayaa kanaan.

TPLF walga'ii koree hojii-raawwachiftuu ADWUI tibbana gaggeefame turerrattis yaada karoora dhaabbaticha baqsuun paartii haaraa ijaaruu irratti mormii dhiyeessunsaa ni yaadatama.

Isaan boodas MM Abiy waliin mariin taasifamee ture hin milkaa'iin hafuusaa gabaasuun keenya ni yaadatama.