Lola Tigraay: Mootummaan Ertiraa 'lola keessooti, lola kana keessaa qooda hin qabnu' jedhe

Milishoota naannoo Amaaraa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Eertiraa waraana naannoo Tigraay keessatti humnoota federaalaafi mootummaa naannichaa gidduutti adeemu keessatti qooda fudhachaa jira jechuun himanni dhiyaate ''soba'' jedhe.

Mootummaan Naannoo Tigraay waraana humnoonni federaalaa gaggeessaa jiru keessatti, loltootni Eertiraa guyyaa Kibxataa mootummaa federaalaa deeggaruun daangaa cabsaniii seenananiiru jedhe.

Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Tigraay Dabratsiyoon GabraMikaa'el (PhD) ibsa Kibxata kennaniin ''osoo nuti humna federalaa lolaa jirruu, karaa duubaa loltootni mootummaa Eertiraa galuun Humaraatti haleellaa raawwataniiru,'' jedhan.

Himannaa Eertiraan naannoo Tigraayitti ce'uun mootummaa fedeeraal deeggaruun loltoota Tigraay irratti waraana bante jedhu kana mootummaan Eertiraa kijibaa ittiin jedheera.

Ministirri haajaa alaa Eertiraa Osmaan Saaleeh ''Lolli kun waraanaa keessooti. Waraana kana keessaa qooda hin qabnu,'' jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

''Lola kanaan humni federalaa injifatamaa waan jiruuf deeggarsa Ertiraa gaafate,'' kan jedhan Dr. Dabratsiyoon, loltootni Eertiraa Baadimmee irrattis isaan lolaa jiraachuu himanii, daangaa kabachiisuuf ''aarsaa hunda ni kaffalla'' jedhan.

Himannaa BBC'n dhugaa ta'uu isaa qulqulleeffachuu hin dandeenye kana ilaalchisees, Raayyaan Ittisa biyyaa deebii kenneera.

Hoogganaan Indooktirineeshinii Raayyaa ittisa biyyaa Meejara Janaraal Mahaammad Tasammaa ''himatni Dabratsiyoon kijiba'' jedhan.

Humni naannoo Tigraay kun guyyoota darban dhaadachaa turee kan jedhan Janaraalichi ''amma haleellaan jajjabduun irra gahee jennaan fakkarsi hangi sun milkaahuu didnaan, yaada ittiin burjaajessan qabatanii dhufan,'' jechuun loltootni Eertiraa waraana kana keessatti kan hin hirmaanne ta'uu ibsan.

loltoota Itoophiyaa naannoo daangaa Tigraayitti

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbileen idila addunyaa lolli mootummaa federaalaa fi humna naannoo Tigraay bulchu gidduutti adeemaa jiru, biyya gara wal waraansaatti, naannoo gaanfa Afrikaas rakkoo tasgabbii dhabuu jabaatti geessa jechuun waraanni kun akka dhaabatu dhiibbaa gochaa jiru.

Dura ta'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahamaat ibsa guyyaa Kibxataa baasaniin qaamoleen lameen waraana dhaabanii rakkoon jiru mariin akka furamu waamicha godhanii ture.

Mootummaan Federaal MM Abiy Ahimadiin hoogganamu ammoo waraanni naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamu galma ''qaamolee biyya jeeqan'' jedhuun seeratti dhiyeessuun ''olaantummaa seeraa'' kabachiisuu waan qabuuf; oppireeshiniin kun yero gabaabaatti xumurama jechuun yaada mariin rakkoo furuu kufaa gochaa jira.

Kuni hundi akkamiin jalqabe?

Qaamoti lamaan mootummaan naannoo Tigraay fi federaalaa sababii garaagarummaa ilaalcha siyaasaan walitti bu’uun duruma jira ture.

Wayita Paartiin Badhaadhinaa uumamu TPLF itti makamuu diduun hariiroo qaamota lamaanii hammeessuu eegale.

Kana booda weerarri Covid19 dhalate. Mootummaan federaalaa filannoon akka dheeratu murteesse.

TPLF immoo naannoo Tigraayitti filannoo nan adeemsisa jechuun ciche.

HUmni addaa Tigraay kaampii Waraanaa Izii Kaabaatti
Ibsa waa'ee suuraa, HUmni addaa Tigraay kaampii Waraanaa Izii Kaabaatti

Motummaan federaalaa filannoo akka hin gaggeessineef akeekkachiisullee TPLF filannicha akkuma karoorseen raawwate.

Kana booda mootummoonni naannoo fi federaalaa kunneen beekamtii walii kennuu dhaaban.

Agarsiisawwan waraanaa gama lamaaniin mul'ataa turanirraa ka'uun gara lolaatti akka hin sodaa namoota hedduu ture.

Sadaasa 03 haleellaa mootummaan raayyaa ittisa biyyaa izii Kaabaa irratti raawwatame jedheen duuba lolli kallattii qaamolee lamaan jidduutti dhalate.

Mootummaa federaalaa labsii yeroo muddamaa ji’a jahaaf turu naannicharratti labseera. TPLF hanga seeratti dhiyeessutti of duuba hin deebi'u jechas jira.

Mootummaan naannoo Tigraay TPLFn durfamu gama isaan Gamtaan Afrikaa jidduu seenee rakkoon mariin akka furamu gaafateera.

Hawaasni idil-addunyaa namoota nagaaf jecha lolli dhaabbatee wal dhabdeen mariin akka furamu dhiibbaa gochaa jiru.