Manni Maree Federeeshinii naannoo Tigiraayitti bulchiinsi yeroo akka hundaa'u murteesse

Madda suuraa, Feesbuukii Aasxaa Mana Maree Federeshinii Itoophiy
Manni Maree Federeeshinii wal gahii ariifachiisaa har'a taa'een naannoo Tigiraayitti bulchiinsi yeroofi akka hundaa'u murteesse.
Manni Maree Federeeshinii akkaataa aangoo bu'uura heera fi labsii mootummaa labsii 359/1995 irra taa'ee jiruun naannoo Tigiraayitti bulchiinsi yeroofii akka hunda'u murteesse.
Naannon Tigiraay gara sirna heera mootummaatti akka deebi'uuf carraa gahaan kennamuufis waan itti fayyadamuu dideef akkaataa bu'uura heera mootummaa fi labsii 358/1995 baheen naannichatti bulchiinsi yeroo akka hundaa'uufi kannen biroo irratti manni marichaa murtoo dabarseera.
Mootummaan Naannoo Tigiraay Onkoloolessa 24 bara 2013 halkan raayyaa ittisa biyyaa irratti haleellaa nama qanfachiisu raawwatera jedhe odeeffannoon fuula feesbuukii mana marichaa irratti bahe.
Dabalataan naannoo daangaa Mootummaa Nannoo Amaaraatti haleellaa raawwachuun lammilee nagaa fi qabeenya irra miidhaa geessisuun ibsameera.
Akkaataa labsii dhimma bulchiinsa naannoo keessa galuun eeyyamu keewwata 12'n heera mootummaa kabajuu dhiisuun sochii godhamu dhaabsisuuf aangoo akka qabu ibsa.
Akkaataa Kanaan:
• Naannicha keessatti sochii hidhannoon jeequmsa kaasuuf taasifamu
• Naannoo biraa ykn saba fi sab-lammoota naannoo biraa waliin walitti bu'insa uumame karaa nagaa hin taaneen furuuf yoo yaalamu fi
• Sirna tasgabbii fi nagaa mootummaa federaalaa rakkoo irra buusuuf sochiin yoo taasifame
Akkaataa labsii Kanaan haleellaa fi sochii mootummaan naannoo Tigiraay taasise heera mootummaa rakkoo keessa kan galchuufi seeran aladha jedhame.
Manni marichaa wal gahii ariifachiisaa har'a taa'een akkaataa bu'uura heeraa fi labsii mootummaa aangoo isaaf kennu baheen naannoo Tigiraay ilaalchisee furmaata heeraa kennuuf murtowan kanneen dabarse.
Heera mootummaa balaa irra gochaa buuse dhaabsisuuf mootummaan federaalaa akka gidduu seenu ajaja kenneera.
Dabalataan akkaataa labsii 359/95 keewwata 12[2] baheen fi labsii yeroo muddamaa labsameen tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf poolisii federaalaa ykn raayyaa ittisa biyyaa ykn ammoo lamaan isaanii naannicha keessa akka bobbaasaniif ministira muummeef ajajaj kennera.
Mootummaan seeraan ala jedhan kan naannoo Tigiraay fi koreen hojii raawwachiistu ol-aanoon naannichaa hojiirraa dhorkamuun akkaataa bu'uura labsii 359/95 baheen bulchiinsi yeroofii itti waamamni isaa mootummaa federaalaaf tahe akka hundaa'u murteessera.
Bulchiinsi yeroofii hundaa'u :
• Qaama naannichatti hojii raawwachiisu gaggeessa.
• Hoggantoota bulchiinsa yeroofii naannichatti hundaa'u ramadu
• Karaa seera qabeessa taheen haala filannoon itti gaggeeffamu mijeessa
• Baajataa fi karoora naannichaa raggaasisa
• Mootummaa federaalaan hojiilee kennaman kaan raawwachiisaMurteewwan manni marichaa dabarse akkaataa barbaachisummaa isaatti ministerii muummee raawwiin isaa maal akka fakkaatu ji'a sadiin gabaasa akka dhiyeessaniif murteessera.
Mootummaan federaalaa mootummaan naannoo Tigiraay TPLF gaggeeffamu buufata waraanaa ajaja Kaabaa Maqalee jiru irratti haleella raawwate jechuun tarkaanfii fudhataa jiraachuu beeksise.
MM Abiy haleellaan qilleensarraa bakkeewwan adda bahanii humna naannichaa dhukaasa baneen qabaman irratti jiraachuu akka danda'us himaniiru.















