Lola Tigraay: Dhiibbaa waraanni Itoophiyaa ollaarratti qabaatu

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Tigraay egeree biyyattiirratti dhiibbaa hamaa fiduun cinaatti biyyoota ollaa irraanis dhiibbaa yaaddessaa ta'e uumuu danda'a.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii kan sodaa tasgabbiif waamicha dhiyeessa.
Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guteeres, ''Tasgabbiin Itoophiyaa biyyoota gaanfa Afriikaa hundaaf murteessaadha'' jedhan.
Uummata miiliyoona 110 caalan kan qabduu fi Afriikaa keessatti diinagdee saffisaan guddataa jiru qabaachuunshee kan himamu Itoophiyaan, wanti biyyattii keessatti mudatu darbee biyyoota ollaa gaaga'uun mirkana.
Kana ta'ee osoo jiruu, mootummaan federaalaa dhibdee TPLF waliin keessa seene karaa nagaan furuuf dhaamsa isa dhaqqabaa ture hanga yoonaa hin fudhanne.

Madda suuraa, Reuters
''Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuurra'' jiraachuu kan himu mootummaan, dhimmi kun dhimma keessoo isaa ta'uu ibsuun dhaamsa marii araaraa dhiyaatuuf dideera.
Waraanni bu'aa walqoollifannaa federaalaa fi TPLF ta'e kun namoota hedduu baqaaf saaxileera, kumaan kan lakkaa'aman daangaa Sudaan seenaniiru, dhiibbaan lola kanaa Itoophiyaa darbee biyyoota ollaa qaqqabuu eegaleera.
'Miidhaan qaqqabu guddaadha'
"Waraanni kun kan naannawa kanaa ta'eera. Dhiibbaansaa Sudaan qaqqabeera. Yeroo keessa biyyoota kaanis qaqqabuun waan hin oolle. Biyyoota ollaarra darbee biyyoota kaanis qaqqabuu mala. Naannoon kun murteessaa waan ta'eef, dhiibbaan qaqqabu guddaadha'' jedha xiinxalaan gaanfa Afriikaa Rashiid Abdii.
Waraanni kun biyya daangaa waliin qooddatan Eertiraa waliinis ka'uu kan hima xiinxalaan kun.
Eertiraa fi TPLF yeroo dheeraaf hariiroo mishaa qabaachaa hin turre, qondaaltota TPLF waliin jibba hamaa keessa kan jiran Pirezidaantiin Eertiraa Isaayas Afaworqii ammoo michuu Ministira Muummee Abiy Ahmad.

Waraana Kaaba biyyattiitti gaggeeffamaa jiru kanaan qondaaltonni TPLF hidhattoonni Eertiraa mootummaa federaalaa deggeraa jiraachuu himatu, mootummaan Eertiraa kana haaleera.
Ammoo mootummaan federaalaa waraana Tigraay waliinii irratti xiyyeeffachuunsaa, hojii Somaaliyaa keessatti al-Shabaab haleeluuf hojjechaa jiru irratti gufuu guddaa ta'uu danda'a jedhamee sodaatama.
Itoophiyaan hanga ammaatti loltoota 600 Somaaliyaa keessaa baastee biyyattii deebisteetti.
'Itoophiyaa akka biyyaatti?
Namoonni akka Rashiid Abdii, waraanni kun mootummaa Itoophiyaa kan laaffisuu danda'uudha yaada jedhu qabu.
''Yeroo ammaa wanti argaa jirru, naannoleen federaala irraa qoollifataa deemu. Wayita kana federaalli humna dhaba. Of-danda'ee dhaabbachuu dadhaba.'' jechuun yaadasaa BBC'f kenne Rashiid Abdii.

Keeniyaa magaalaa Naayiroobii kan jiru dhaabbata 'think-tank the Horn Institute' jedhamnutti daarekara kan ta'an Hasan Kenenje, ''Ministirri Muummee Abiy Tigraayiin tooratti deebisee waliin dubbachuu qaba, ta'uu bannaan naannolee biroonis fakkeenya kana hordofu'' jedhan.
"Ministirri Muummee Abiy waanti Tigraayitti mudate naanolee biroofillee bu'uura kaa'aa akka jiru hubachuu qabu. Murtee nama tokkoo qofaan deemuun Itoophiyaan akka kutaan qoqqoodamtu gochuutti geessa. Kun ammoo carraa biyyattii 'akka biyyaatti jiraachuuf qabdu' kan gabaabsuudha.'' jechuun BBC'tti himan.
Lammiileen Tigraay deggersa barbaadu
Uummanni Tigraay 600,000 ta'an ammumaan harka namaa eeggachuuf dirqamaniiru, lammiileen kunneen deggersa midhaan nyaataa barbaadu.
Akka biyyattiitti lammiileen miiliyoona torba ta'an hanqina midhaan nyaataaf saaxilamoo ta'uu UN ibseera.
Waraanni kun yoo kan itti fufu ta'e ammoo lammiileen harka namaa eeggatan lakkoofsi isaanii daran dabalaa deema.
Biyyi durumaanuu weerara dhibee Covid-19 fi hoomaa awaannisaan dararamaa jirtuuf waraanni akkanaa balaa guddaa baata jedha UN.
Biyya teessuma lafaa murteessaa keessa jirtu akka Itoophiyaa kana keessatti waanti mudatu achumatti hin hafu, yoo waraana ta'e yoo deggersa namoomaaf saaxilamuu ta'es daafoonsaa ollaatti qaari'ee darbee addunyaa ga'uun waan hin oolle.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad waraanni kun akka waan yeroo gabaabaa fudhatuu fi dhimma Itoophiyaa qofa ta'eetti ofitti amanummaan dubbatu.
Haala kanaan itti fufnaan garuu dhiibbaansaas kana caala, miidhaansaas gara biyyoota birootti ni babal'ata.
















