Lola Tigraay: Rokkeettii Baahirdaar fi Gondaritti dhukaafameen naannoo buufataalee xiyyaaraa miidhan gahe

Dubartii lola adeemaa jiru baqattee gama Sudaan ceete

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii lola adeemaa jiru baqattee gama Sudaan ceete

Rokkeettii gara magaalota gurguddoo naannoo Amaaraa Baahirdaar fi Gondaritti dhukaafameen buufataalee xiyyaaraarra miidhaan gahuu koreen Labsii Yeroo Muddamaa raawwachiisu ibse.

Haleellaan kun Sadaasa 13, 2020 halkan keessaa naannoo sa’aa 5 kan raawwatame ta’uu eeruun 'naannoo buufataaleen xiyyaaraa argamanitti miidhaan gahu korichi ibseera.

Rooyitars aanga'aa mootummaa tokko waabeffachuun akka gabaasetti buufati xiyyaaraa Gondar walakkaan kan barbadaa'e yoo ta'u, haleellaan lammataa buufata xiyyaaraa Baahirdar ala rukute.

Buufataaleen xiyyaaraa kunneen xiyyaarota waraanaafis ta'e kan geejjibaaf tajaajila kan kennanidha.

Mootummaan Naannoo Amaaraa gama isaatiin wanta raawwatame ‘dhohiinsa’ jedhee ibse.

Ibsa TV naannichaatiin dabarseen magaalaa Bahirdaar naannoo Makoodii jedhamu akkasumas Gondar bakka Azazoo jedhamutti sa’aatii wal fakkaataatti 'dhohiinsi jiddugaleessaa' mudateera jedhe.

Mootummaan Naannoo Tigraay buufataalee waraanaa Baahirdaar fi Gondar jiran haleeluu beeksiseera.

Haleellaan kun halkan keessaa tilmaamaan naannoo sa’aa shanii raawwachuu BBC’tti kan hime jiraataan magaalaa Baahirdaar tokko, dhohiinsa gurguddaa lama dhagahuu dubbata.

Sagaleen dhukaasa dhagaahamee guddaa ta’uurraa kan ka’e “hirribaa na dammaqse” jedha jiraataan kun.

Sana hordofuunis yoo xiqqaate daqiiqaa digdamaaf magaalattii keessa dhukaasni dhagaa'amaa akka ture hima.

Presentational grey line

Odeessaalee biroo waa'ee lola Tigraay:

Presentational grey line

Koreen labsii yeroo muddamaas ta’e mootummaan naannoo Amaaraa haleellaa kanaaf TPLF itti gaafatamaa taasisaniiru.

“Juuntaan TPLF meeshaa waraanaa isaan hafte suphanii itti fayyadamaa jiru. Kuni yaalii dhumaa TPLF ‘jira’ jechuuf taasisudha,” jedhe koreen labsii yeroo muddamaa raawwachiisu.

Taateen magaalota lamaan keessatti ta’e qoratamaa akka jiruu fi odeeffannoon dabalataa kan kennamu ta’uus ibsichi eereera.

Mootummaan naannoo Amaaraa gama isaan “diinni humna qabu fayyadamee hojii shororkeessummaatti waan jiruuf, waraana keessa jiraachuun keenya beekamee hawaasni tasgabbaaa’ee ofii fi naannoo isaa akka eegu” jedhee waamicha dabarseera.

Naannoo Tigraay maal jedhe?

Humni mootummaa Naannoo Tigraay buufataalee waraanaa magaalota Naannoo Amaaraa Baahirdaar fi Gondar jiran haleeluu aanga'aan naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa himan.

Haleellaan kun haleellaa qilleensaa mootummaan federaalaa Tigraay keessatti raawwataa jiruuf deebii kenname ta'uus himaniiru.

Aanga'oonni olaanoo TPLF kan ajajni hidhaa itti bahee jiru mootummaan federaalaa haleellaa qilleensaan magaalotaa fi baadiyyaawwan naannichaa reebaa jira jechuun himataa turan.

Amma dura humni naannoo Tigraay xiyyaara waraanaa mootummaa federaalaa tokko rukutee kuffisuu himuun buufataalee xiyyaaraa xiyyaaronni kun irraa ka’ani fi qubatan osoo hin hafiin akka rukutuu malu aanga’aan naannichaa tokko dubbatanii ture.

Raayyaan ittisa biyyaa xiyyaarri tokko rukutamee kufeera kan jedhame soba jechuun ibsa kenneera.

Waraanni humnoota mootummaa federaalaa fi kan naannoo Tigraay jidduutti eegale kun guyyoota 10 ol lakkoofsiseera.

Kaartaa naannolee Amaaraa fi Tigraay

Waraana kanaan loltoota dabalatee lammileen nagaa dhibbaan lakkaa'aman yoo ajjeefaman, kumootaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee irraa buqqa'anii gara Sudaan baqataniiru.

Dhaabbilee fi hogganooti addunyaa lolli dhaabbatee wal-diiddaan jiru mariin karaa nagaa akka furamu gaafatanillee, mootummaan federaalaa hanga hogganooti TPLF seeratti dhiyaataniitti mariin hin jiru jechuun tarkaanfii fudhataa jiru cimseera.

Humni raayyaa ittisa biyyaa kutaalee fi magaalota naannichaa hedduu harkatti galfachuu fi waraanichi yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu mootummaan federaalaa himaa jira.

Mootummaan naannoo Tigraay garuu waraanichi reefu eegale malee xumuramaa hin jiru jedheera.

UN dabalatee dhaabbileen gargaarsaa adda addaa kanneen lola adeemaa jiruunmiidhamaniif deeggarsa namoomaa gochuuf rakkachaa akka jiran himaa jiru.

Ka'umsi lola kanaa maali?

Partiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.

MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.

TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.

MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.

TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.

Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeressee ammoo wal diddaan caalaa guddate.

Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.

Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.

Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.

Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.

Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.