Lola Tigraay: Lakkoofsi buqqaatotaa dabale, UN deeggarsa namoomaa kennuuf rakkadhe jedha

Madda suuraa, Reuters
Lakkoofsi namoota waranaa mootummaa federaalaa fi humnoota nannoo Tigraay gidduutti adeemaa jiru dheessuun Sudaanitti baqatanii dabalaa jiraachuu Komishiniin Baqattootaa Sudaan beeksise.
Dhaabbtni Mootummoota Gamtooamnii gama isaan naannoo waraanni keessaatti gaggeefamutti tajaajilli telecomii adda cituunii fi geejibni jiraachuu dhibuun deeggarsa namoomaa kennuuf gufuu ta'uu ibseera.
Komishinarri Komishinii Baqattoota Sudaan Alseer Kaalid BBC waliin gaaffiifi deebii taasisaniin naannoo daangaa Itoophiyaatti bakka argamu buufata baqattootaa Kasalaatti namootni waraana Tigraay dheessanii dhufan kuma shanii ol jiraachuu himan.
Alseer akka jedhanitti namootni kuma shanii ol ta'an kun gara Kasalaa kan dhufaan karaa tokkoon qofa.
Daangaa Sudaan keessa bakka argamtu Loqidee jedhamtus kaleessaafi hara'a qofa baqattootni 1100 ol ta'an dhufuu himaniiru.
''Lakkoofsi baqattootaa kanaa ol ta'a. torban tokko keessatti baqattootni kuma 20 ta'an ni dhufu jennee eegna'' jechuunis himan Komishinarichi.
Laakoofsi dabalaa kan jiru ta'uus nyaatii fi bakka qubannaa gahaan hanqachaa akka jiru himaniiru.
Haala buufata baqattootaa Kasalaa jiru yoo ibsan ''nyaatni fi dahoon gahaan hin jiru. Namoota dhibba sadii qofa keessummeessuu danda'a. kan jiran garuu kuma shanii oli ta'u'' jedhan.
Dhaabbilee naannicha keessatti hojjatan irraas ta'e dhaabbilee miti mootummaarraa deeggarsaaf gaaffii dhiyeessaniif deebii gahaan argamaa akka hin jirrellee himan Komishinar Alseer.
Baqattootni kun naasuu guddoon lafa dheeraa guyyyoota sadii fi afur imalanii dhufanii kan jedhan aanga'aan Sudaan kun, kanneen dhufan keessa ''miseensonni waraanaa fi dhukkubsattootni ni argamuu'' jedhaniiru.
UN Maal jedhe?
Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomaniis waraana dheessuun gara Sudaanitti kanneen baqatan lakkoofsi isaanii dabaluu danda'aa jedheera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirraa Itoophiyaatti qindeessituu deeggrsa namoomaa kan ta'an Kaatriin Sozii(PhD) yaada BBC'f kennaniin naannoo waraanni keessaatti gaggeeffamutti tajaajilli telekoomii adda cituuniifi geejjibni jiraachuu dhibuun deeggarsa namoomaa kennuuf gufuu ta'uu ibsaniiru.
Katriin Naannoo Tigraay keessa namootni deeggarsa namoomaa kennan 800 ol akka jiran himaniiru.
''Tajaajilli telekoomii adda citeera. Hojii keenyaarrtti dhiibbaa uumeera. Hordoffii sochii namootaas rakkisaa godheera. Deeggarsa namoomaa barbaachisu adda baasuunillee rakkisaa ta'eera.''
Hanqinni bu'uuraa akka daakuu nyaataafi boba'aa jiraachuun akka gabaafameef kan himan Dr. Kaatriin, ''baankiiwwan cufaa ta'uun jiraattoota qofa osoo hin taane hojii keenyarrattis danqaa ta'eera'' jedhan.

Jiraattotni Humaraa, Shireefi Shiraaroo naannolee biroo Tigraay keessatti argamanitti baqachuu isaanii gabaasa aragachuus himaniiru.
Namootni kuma torbaa ol ta'an Itoophiyaa keessaa waranaa baqatanii gara Sudaan galuu Dhaabbatni Baqattootaa kan Biyyoota Gamtoomanii Sudaan keessa jiru isaaniif gabaasus Dr. Kaatrin BBC'tti himaniiru.
Durumaanuu Naannoo Tigraay keessa dhaabbiidhaan namootni 600,000 ol ta'an deeggarsa nyaata kan fedhan turanii kan jedhan Dr. Kaatriin, naannicha keessa buufataalee qubannaa jiran afur keessatti ammoo baqattootni Eertiraa 96,000 deeggarsa namoomaa barbaadan jiruu jedhan.
Dhaabbatichi kuusaan deeggarsa nyaataa isaa yeroo gabaabaa keessatti akka dhumuu danda'ullee akeekkachiiseera.
Lola erga eegalee guyyoota saddeet lakkofsise kanaan gama lamaaniinuu loltoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuun gabaafamaa jira.
UN dabalatee dhaabbileen idil-addunyaa kaan lolli dhaabbatee rakkoon jiru mariin karaa nagaa akka furamu dhiibbaa gochaa jiru.
Mootummaan federaalaa garuu hanga 'yakkamtoota' kan ittiin jedhu hogganoonni TOLF seeratti dhiyaataniitti mariin akka hin jirre himeera.













