Lola Tigraay፡ Maayikaadiraatti 'lammileen nagaa hedduun' ajjeefaman jedhame

Kaartaa Humaraa, Tigraay

Lixa Tigraay iddoo lolli humnoota mootummaa federaalaa fi kan naannichaa jidduutti adeemaa jirutti, Kibxata [Sadaasa 10, 2020] lammileen nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu dhaabni naannoo Amaaraa bulchaa jiru beeksiseera.

Ajjeechaan kun magaalaa xiqqoo Maayikaadiraa jedhamtu kan Humaraatti dhiyoo jirtu keessatti raawwatame jedhe paartiin Badhaadhinaa damee Amaaraa.

Akka paartichi jedhutti lammileen nagaa ajjeefaman irra hedduun dhalattoota saba Amaaraa yoo ta'an, humna naannoo Tigraayiif loluun ajjeefamani.

Mootummaan naannoo Tigraay haleellaan lammilee nagaa irratti raawwate jedhame "waan hin yaadamnedha" jedha.

Maaltu ta'e?

Ajjeechaan kun akkamiin eessatti raawwate wanti jedhu ifatti wanti barame jiraachuu baatus, magaalaa xiqqoo Maayikaadiraa jedhamtu keessatti namoonni ajjeefamuu marsaalee hawaasaa irratti gabaafamuu kan eegale Kibxata galgala irraa eegaleeti.

Paartiin Badhaadhinaa damee Amaaraa fi paartiin mormituu naannichaa 'ABIN' ibsa Kibxata galgala baasaniin akka jedhanitti: humni naannoo Tigraayif lolu raayyaa ittisa biyyaan rukutamee baqachuuf dirqamnaan, lammilee nagaa magaalattii irratti ajjeechaa kana raawwate.

MM itti aanaa fi ministirri Haajaa Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ajjeechaa raawwatame kan balaaleffatan yoo ta'u, wanti ta'e ''ajjeechaa eenyummaa irratti xiyyeeffate kan daran gaddisiisaa fi amala namaa hin taane'' jedhaniiru.

"Bal'inni isaa mootummaa federaalaan akka himamu eegna, haa ta'u malee garee TPLF irraa bilisa kan baate Maayikaadiraa keessatti dhalattoota Amaaraa irratti gochi [hammeenyaa] raawwateera," jedhe paartiin Badhaadhinaa damee Amaaraa.

Lakkoofsi namoota ajjeefamanii qulqullaa'ee ifa ta'a kan jedhe paartichi, 'gocha mana murtii yakkaa idil-addunyaatiin ilaalamuu' danda'utu raawwatame jedheera.

ABIN gama isaatiin injifatamee baqachaa kan ture humni TPLF, lammilee nagaa eenyummaa isaaniin adda baasee yakka 'hammeenyaa' irratti raawwate jedheera.

Kanneen du'an keessa dubartoonni fi daa'imman akka jiranillee ABIN ibsa baaseen beeksiseera.

Viidiyoo fi suuraaleen namoota ajjeefaman jedhamanii marsaalee hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa jiru.

Naannoon Tigraay maal jedhe?

Hogganaa itti aanaan Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Tigraay Obbo Hadduush Kaasuu BBC'f yaada kennanniin, wanta raawwatame jedhame haalaniiru.

"Humni nageenyaa Tigraay saba adda qoodee tasumaa haleellaa hin raawwatu," jedhu Obbo Hadduush.

"Ummanni Amaaraa fi Tigraay immoo waldhabu jedhanii yaaduun hin ta'u" kan jedhan aanga'aan kun, "ummanni lamaan ummata walkeessa jiraatu, kanaaaf haleellaan raawwatame jedhame waan hin yaadamnedha" jedhan.

Namoonni ajjeefaman lammiilee nagaa osoo hin taane, miseensota milishaa naannoo Amaaraa humna naannoo Tigraay magaalattii buufatee tureen wal lolaa turan ta'uu kanneen marsaalee hawaasaa irratti barreessan jiru.

BBC'n kanneen ajjeefaman namoota nagaa ykn miseensota milishaa ta'uu maddeen walaba ta'an irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Erga waraanni kun eegalee kaasee bilbillii fi intarneetiin adda citee waan jiruuf, wanta uumame ilaalchisee odeeffannoo mirkana ta'e argachuun rakkisaadha.

Lola torbee dabarse kanaan namoonni dhibbaan lakkaa'aman yoo lubbuu dhaban, kumaan kan lakkaa'aman ammoo daangaa qaxxaamuranii gara Sudaan baqataa jiru.

Humna addaa Naannoo Amaaraa magaalaa Daanshaa

Aanga'oonni Sudaan guyyoota itti aanan namooti hanga 200,000 daangaa qaxxaamurani garas baqachuu malu jechuun, kaampii baqattootaa qopheessaa jiraachuu miidiyaan biyyattii SUNA jedhamu gabaaseera.

Mootummaan federaalaa tarkaanfii waraanaa fudhachaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumuree naannicha keessatti nagaa buusuuf hojjetaan jira jedha.

Haa ta'u malee UN dabalatee dhaabbileen deeggarsa namoomaa fi xiinxaltoonni garuu, rakkinichi kan yeroo gabaabaa keessatti xumura godhatu miti jechuun, gaaga'amni lammilee nagaarra gahuu hammaachuu akka danda'u akeeku.

Sadaasa 03 haleellaa mootummaan raayyaa ittisa biyyaa izii Kaabaa irratti raawwatame jedheen duuba, lolli kallattii qaamolee lamaan jidduutti dhalate.

Mootummaan federaalaa mariif qophii akka hin taane himaa turullee, ammatti haal-dureewwan mariif barbaachisu jedhe kaa'eera.

Koree labsii yeroo muddamaa mootummana federalaa Tigraayitti labsameef dubbii himaa kan ta'an Obbo Reedwaan Huseen, mootummaa federaalaa fi aanga'oota naannoo Tigraay gidduutti marii gaggeessuuf haal-dureewwan kaahaniiru.

''Meeshaaleen waraanaa loltootni TPLF saaman yoo mancaafaman, namootni harka loltoota TPLF jiran yoo gadhiifamanii fi kanneen raayyaa ittisa biyyaa haleeluu keessatti qooda qaban seeratti yoo dhiyaatan,'' mariif carraan jiraachuu akka danda'u ibsan.