Lola Naannoo Tigraayitti adeemaa jiru irratti oduuwwan sobaa tamsa’aa jiran

Tigray special forces in federal military uniforms

Akeekkachiisa: Odeessi kun suuraalee hordoftoota tokko tokko miira jeequu malu ofkeessaa qaba

Carraa lola naannoo Tigraayitti adeemaa jiru fayyadamuun namoonni oduu sobaa gama onlaayiniin tamsaasan jiru.

Oduun sobaa kunneen kallattiin kan lola kana wajjin wal-qabatan yookiin akka fakkaatuutti kan geeddaramani dha.

Suuraa sirna ittisa waraanaa misaayelii sobaa

Suuraa sirna ittisa waraanaa misaayelii Raashiyaa barreeffama kan itti daddabalame jedhame

Namooti suuraa misaayelii ittisa waraanaa Raashiyaa S-400 haleellaa qilleensaa mootummaa federaalaa deebisuuf naannoo Tigraayitu itti fayyadame jedhan jiru.

Sirni waraanaa Raashiyaa ibidda tufu kun faayidaarra oolerallee jedhaniiru.

Suuraa wajjin barreefamni jiru immoo akkas jedha: ’’Meeshaa waraanaa argaa jirtan Itoophiyaanillee akka biyyaatti hin qabdu.

Warri Tigraay garuu haleellaa samiirraa of eeggachuuf, kana dhuunfataniiru.''

Loltuun suuraarraa mul’atu uffata danbii humna addaa Naannoo Tigraay uffateera.

Haa tahu malee suuraan kun loltuu irraa mul’atu dabalatee fakkeeffameetu dhiyaate.

Waantoota biroo achi jiran waliin birqabaan yoo ilaallu, gaaddidduun isaanii kallattii dogoggoraa irra jira ykn immoo gar-malee dukkanaa’aa dha.

Suuraa isa tokko irratti immoo, loltuun mul’atu waan duubasaa jiru waliin yoo ilaallu rogaa ala jira ykn sirrii irra hin jiru

Sirni onlaayinii iddoon suuraarraa mul’atu tokko eessa akka tahe agarsiisu, suurichi sirna waraanaa Raashiyaa kibbaa, naannoo Astraakaan iddoo shaakala waraanaa tahuu saaxileera.

Misaayeliin S-400 sirna waraanaa Raashiyaa lafarraa qilleensatti haleelu yoo tahu, biyyoota muraasa qofatu Raashiyaarraa bitate.

Itoophiyaan immoo kunneen keessaa tokko miti.

''Itoophiyaan sirna waraanaa S-300 ykn S-400 jedhamu biyyatti galchitee hin beektu. Biyyooti ollaa jiranis hin qaban,’’ jedha Jastiin Biroonk Instiitiyuutii Royaal Yunaaytid Sarviis Landan irraa.

Xiyyaarri waraanaa lafa dhooftees kan Itoophiyaa miti

suuraa xayyaara kufee kan ture

Fayyadamtoonni Feesbuukii dhibbaan lakkaa’aman suuraa xiyyaara waraanaa Itoophiyaa lafatti kuftee boba’aa jirtu qoodaa turan.

Tokko akkana jechuun barreessee ture: ’’Humni addaa Tigraay qilleensarraa haleelaa turan. Xiyyaara waraanaa barbadeessanii, humna waraanaa baayyee immoo ajjeesaniiru.

Lolli ammayyuu akkuma itti fufetti jira.’’

Sirni onlaayinii, suuraan tokko eessatti akka ka’e agarsiisu suuraan kun Itoophiyaa irraa akka hin taane saaxileera.

Suuraa wal-fakkaatu lamatu argame:

· Waxabajjii bara 2018 Pirees TV’n Iraan waa’ee xiyyaara waraana Saa’udii Yamanitti kufe agarsiise.

· Inni kaan Caamsaa 2015 waan Tiwiitarii irratti maxxanfame yoo tahu, xiyyaarri MiG-25 Liibiyaa naannoo magaalaa Zintaanitti kufte dha.

Suuraa xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa akka malee faayidaarra oole

suuraa reeffa namootaa agarsiisu dogoggorsaa

Namoonni muraasni immoo suuraa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa 737 Maaks 8 bara dabre keessa, Finfinneerraa otoo balali’uu kufee caccabuun, namoota hedduu lubbuu obbaase qoodaa turan.

Tokko, suuraa reeffaa pilaastikiin marame loltoota naannoo Amaaraa, Tigiraayitti hafe tahuu dubbatee ture.

Haa tahu malee fayyadamaan miidiyaa hawaasaa biraa suurichi lola amma jiru wajjin akka wal hin qabanne saaxile.

Suuraan gariin amma haqameera.

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa loltoonni maaskii akka keewwatan hin ajajne

Oduu sobaa ministeerri fayyaa jedhan jedhame

Suuraawwan Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasa qajeelfamoota of eeggannoo Covid-19 waraanaaf kennite jechuun itti qoosaa tamsa’aa turan.

Barreeffamni suuraadhaan tamsa’aa ture akkas jedha: ''fageenya ofii eeggachuun, saanitaayizara fayyadamuuniifi maaskii keewwachuun, qaamni ilaallatu marti waraana kana nagaan xumuruuf gaheesaa haa bahu.''

Garuu barreeffamni iskiriinshot tahe sun soba.

Barreeffamichi Tiwiitarii sirrii isheen fayyadamturras hin baane.

Silaammoo ministirittiin yeroo mara bilbila iphone fayyadamuun maxxansiti, barreeffamichi garuu bilbila Android jedhamurraati maxxane.

Yunivarsiitiin Gondar ana fakkeessuun wanti jedhame sobadha jedhe

Iskiriinshoot oduu sobaa maqaa Yunivarsiitii Gondarin bahe

Gama biraan Yunivarsiitiin Gondar Feesbuukii kan dhaabbatichaa fakkeessuun 'footooshop' gochuun oduun sobaa tamsa'aa akka jiru beeksiseera.

Barreefamni akka Yinivarsiitiin Gondar barreessetti maxxanfame:

''Waraana TPLF waliin taasifamaa jiruun miidhaa poolisii humna addaa fi milishoota irra gaheen hospitaalotaa fi wiirtuulee fayyaa keessatti hanqinni ogeessaa waan mudateef…

Barattoonni dhaabota fayyaa gargaraa keessatti shaakala hojiirrra jirtaniifi barattoonni fayyaa dhaabbata keenyaa qaamaan diinii kooleejii biratti dhiyaachuun gabaasuun iddoo ramadamtanitti tajaajila tolaa akka kennitan yaadachiisna.''

Yunivarsitichi maxxansa kanaan namuu akka hin burjaajofne jechuun dhaameera.

Viidiyoon lola Nagornoo-Karabaak dharaan Itoophiyaa keessatti akka gaggeeffameetti maxxanfame

Suuraa waraanni Armeeniyaa qoode

Feesbuukirratti fuulli tarkaanfii waraanaa mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti fudhate deeggaru, viidiyicha akka Itoophiyaa naannoo gaarreen itti heddumatu tokkotti raawwatameetti qoode.

Barreeffamni viidiyoo kana jalatti barreeeffame, humnoonni waraana Itoophiyaa hidhattoota naannoo Tigaayi yeroo haleelan kan agarsiisu jedha.

Viidiyoon maxxanfame kun si'a 1,000 kan qoodameera, garuu Itoophiyaa keessatti kan raawwatame miti.

Viidiyoon kanaan walfakkaatu toora tiwitara Ministeerri ittisaa Armeeniyaarratti hidhata qabuun to'amu Tiwitaraarratti maxxanfamee argameera.

Viidiyoon Armeeniyaatti waraabame kun naannoo Nagornoo Karbaak lola gaggeeffame agarsiisa. Viidiyoon kun Onkoloolessa 4, 2020 otoo lolli naaannoo Tigiraayitti hin jalqabamiin dura kan waraabamedha.

Reality Check branding