Lola Tigraay: Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii 'yakki waraanaa raawwatamuu hin hafne' jedhe

Milishoota naannoo Amaaraa

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ajjeechaan namoota nagaa Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti raawwatamuun gabaafame yoo mirkanaa'e ''yakka waraanaa ta’u mala'' jechuun akeekkachise.

Dhaabbatichatti hoggantuun dhimmoota mirga namoomaa Misheel Bachelet, namoonni dhibbaan lakka’aman waraanamanii ykn mummuramanii, magaalaa tokko keessatti ajjeefaman kan jedhu akka qoratamu waamicha dhiyeessan.

Ajjeechaan ''jumlaa'' kun Wiixata darbe magaalaa xiqqoo Maayikaadiraa jedhamtu keessatti raawwatamuutu gabaafame.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad, ''ajjeechaa jumlaa'' kana raawwachuutti loltoota TPLFtti hidhata qaban himatan.

Aanga’oonni naannoo Tigiraay garuu ajjeechaa kana keessaa qooda hin qabnu jedhanii deebii kennan.

MM Abiy, loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa lixa Tigiraay erga bilisoomsaniii booda, loltoonni TPLF namoota nagaa ''haala sukanneessaan'' magaalaa Maayikaadiraatti ajjeesanii jedhan.

Namoonni ta’ii sana argan humnoota TPLFtti hidhata qabanitu ajjeechaa Wixata darbee raawwate jedhu.

Ajjeechaa kana gartuu mirga namoomaaf dhaabatu Aministii Intarnaashinaaltu jalqabarratti gabaase.

Ajjeechaan kun raawwatamuun yoo mirkanaa’e, erga lolli TPLF fi Raayyaa ittisaa gidduutti torban darbe eegale, ajjeechaa jumlaa namoota nagaarratti raawwatame isa jalqabaa ta'a.

Naannoo Tigraay keessatti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii adda citee waan jiruuf, odeeffannoo dhimma walitti bu’iinsa kanarartti argachuun hedduu rakkisaa ta'eera.

Bachaleet, haalli amma Itoophiyaa keessa jiru ''yaaddeessaadha'' garuu xiyyeeffannoon jalqabaa lola dhaabuuf kennamuu qaba jedhan.

Yeroo dheeraaf muddamni mootummaa Federaalaa fi TPLF giddutti kan ture wayita ta’u, muddamni kun hammaate humnoonni federaalaa tarkaanfii haleellaa xiyyaaras of keessaa qabu raawwachuu hordofuun ture.

Walitti bu’iinsa kanaan namoonni nagaan kumaatamaan lakka’aaman daangaa qaxxaamuruun gara Sudaanitti baqataniiru.

Suudaan namoota garasitti baqatan dawoo baqattummaa keessa akka qubsiiftu beeksifteetti.

Ajjeechaa kanaan kan miidhaman eenyu?

Aminasti Intarnaashinaal akka himetti ajjeechaan kun Sadaasa 9, bara 2020 halkan keessa raawwatame.

Gartuun jaarmiyaalee mirga namoomaaf dhaabatu magaalaa Maayikaadiratti namoonni dhibbaan lakka’aman waraanamuu fi waan qara qabuun mummuramuun ajjeeefamuu mirkaneeffadheera jedha.

Jaarmiyaan kun reeffi namoota haala sukanneessaan magaalicha keessatti kukkufe argamuusaa ragaa viidiyoon fi suuraan argachuu ibseera.

Aminastiin akka jedhutti, namoonni haleellaa kanaan miidhaman, dafqaan bultoota waraana keessatti qooda hin qabneefi eessaa akka iddoo sana dhaqan hin beekamne jedheera.

Namoonni ta’iin kun wayita qaqqabu ijaan argine jedhan, ''haleellaan kun waantota qara qaban kan akka aalbee fi gajaraan raawwatame,'' jedhan.

Namoonni ta’ii kun wayita qaqqabe arguu himan muraasni immoo, humnoota TPLF wajjin hidhata qaban erga Raayyaa ittisaatiin iddoo Lugdii jedhamutti injifatamanii booda haleelaa kana qaqqabsiisanii jedhan.

Wal dura dhaabbannaan mootummaa federaalaa fi naannoo Tigraay hammaachaa dhufuun gara haleellaa waraanaatti ce'eera.

Kana hordofee namootni nagaan kumaatamaan lolicha baqachuun daangaa qaxxaamuruun Sudaan galaniiru.

UN naannoo Tigiraayitti deeggarsa namoomaa akka dhiyeessuu danda'uu fi namoota baqatanii achiii bahaniif hulaan nagaa tahe akka jiraatuuf gaafateera.