Lola Tigraay: Hoggantoota TPLF, waraanaafi poolisii 96 irratti ajajni hidhaa bahe

Asxaa Komishinii Poolisii Federaalaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Ethiopian Federal Police Commision

Lola mootummaa federaalaa Itoophiyaafi hooggantoota TPLF gidduutti dhalateen walqabatee, hooggantoota TPLF 64 fi miseensota waraanaa 32 irratti, ajajni Mana Murtii bahuu Poolisiin Federaalaa ibse.

Ibsa Poolisiin Federaalaa Miidiyaaleef erge jedhamee miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan kanaan, miseensonni olaanoo TPLF 64 ta'an ''Rayyaa Ittisa biyyaa Izii Kaabaarratti haleellaa raawwachuun yakka biyya ganuu raawwataniiru,'' jedhameera.

''Gareen badii kun ABO-Shanee fi humnoota badii biroo waliin, kutaalee biyyatti biroorraa kaayyoo biyya diiguu qaban sassaabuun Tigraay keessatti leenjii kennaa turaniis,'' jechuun himateera.

Poolisiin Federaalaa ibsa isaa kanaan hooggantootni TPLF biyyattii keessatti nama ''amantaa fi sabaan walitti buusuun lubbuun namoota nagaa hedduu akka darbu godhaniirus'' jechuun himateera.

Presentational grey line

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Presentational grey line

Himannaa akkasii irra deddeebiin mootummaa Federaalaa irraa dhiyaachaa tureef, hooggantootni TPLF ''harka keessaa hin qabnu'' jechuun deebii kennaa turan.

Inumaayyuu mootummaan federaalaa dantaa siyaasaaf jecha rakkoowwan kana uumaa nutti sababeeffata jechaa turan.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii Kamisa gaggeesseen hooggantoota TPLF miseensa Mana Marichaa 38 irraa mirga himatamuu dhabuu mulquun isaa dhagahameera.

Miseensota Mana Marichaa mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa mulqame dabalatee, hooggantootni addichaa yeroo garaagaraatti sadarkaa hooggansa fedeeraalaa garaagaraarra turan walummatti 64 ta'an irratti kan ajajni hidhaa bahe.

Pireezidantiin naannoo Tigraay Dr. Dabrsatsiyoon Gabaramikaa'eel, Ministira Kominikeeshinii duraanii obbo Getaachaw Raddaa fi Ministirri haajaa alaa duraanii Ambaasaaddar Siyyuum Masfin keessatti argamu.

Dabalataanis hoogganaan addichaa gameessi obbo Sibihaat Naggaa, hoogganaan Korporeeshinii Sukkaaraa duraanii obbo Abbaay Tsahaayyee, Af-Yaa'iin Mana Maree Federeeshinii duraanii aadde Keeriyaa Ibraahiim fa'a keessatti argamu.

Gama kaaniin miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaafi Poolisii Federaalaa hoogganoota TPLF waliin ''yakka biyya ganuu raawwataniifi shira biyya diiguurratti hirmaataniiru'' ittiin jedhe 32 irrattis ajajni hidhaa bahuu Poolisiin Federaalaa ibseera.

Miseensonni waraanaafi Poolisii kuniiin sadarkaa waranaa olaanaarra kan jiraniidha.

Isaanis Leetanant Janaraala tokko, Meejara Janaraalota sagal, Birgaadiyeer Janaraalota 11 of keessaa qaba.

Hooggantoota miseensa Poolisii keessaas sadarkaa Komishinara irraa qabee kanneen hooggansa olaanaarra jiran keessatti argamu.

Hariiroon mootummaa Federaalaafi Mootummaa Naannoo Tigraay hammaachaa dhufee torbee tokko dura ''humnootni nageenyaa naannichaa buufata raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa banan,'' jedhee erga himatee booda sadarkaa waraanaatti ce'eera.

Mootummaan Federaala oppireeshinii naannicha keessatti gaggeessaa jiruun, olaantummaa seeraa kabachiisuuf akka hojjetu, aanga'oota TPLF badii isaaniif seera dura isaan dhaabuufis kan kaayyeffate ta'uu ibseera.

Mootummaan naannichaa ''mirga ofiin of bulchuu keenya sarbuun humnaan nu jilbeeffachiisuufi'' jedhee himata.