Lola Tigraay: 'Hidhaan gaazexeessitootaa na yaaddesse' jedhe Komiishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa

Dr Daani'eel Baqqalaa

Madda suuraa, EHRC Facebook page

Lolli mootummaa federaalaa fi mootummaa naannoo Tigraay jidduutti gaggeeffamu cimaa yeroo jirutti gaazexeessitootni hidhamaa jiraachuun isa yaaddessuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Komishinarri Komishiinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa(PhD) tiwiitara gubbaatti odeeffannoo ganama kana maxxansaniin gaazexeessitootni dabalataa afur hidhamuu ibsaniiru.

Gaazexessitootni sadii Ejensii Pireesii Itoophiyaa keessaa kan hojjechaa turan Haftuu Gabragzaabiheer, Tsaggaayee Hadduushii fi Abrahaa Hagoos kan jedhaman akka ta'an himaniiru.

Dabalataaniis gaazexeessaan OMN Udii Musaa galgala kaleessaa qabamuu Dr. Daani'eel ibsaniiru.

Hidhamuun gaazexeessitoota kana yaaddoo itti ta'uu himuun, dhimmi isaanii adeemsa seeraa sirriin akka hordofamuu qabu hubachiisaniiru.

Torbe darbe keessa gaazexeessaan 'Awloo Miidiyaa' Baqaaluu Alaamirrawu fi kan 'Addis Standard' Medihaanee Ikubaamikaa'eel hidhamanii turan.

Ammatti lakkoofsi gaazexeessitoota torbee darbe qofa hidhamanii jaha gaheera.

Sanbata darbe to'annoo jala oolfamee kan ture gulaalaan barruu 'Addis Standard' Medihaanee Ikubaamikaa'eel heera biyyaa diiguuf yaaluu sababa jedhuun hidhamee akka turee fi boodas gadhiifamuu barruun kun maxxansee ture.

Guyyaa kaleessaa garuu gaazexessaa Madihaaneen irra deebiin hidhamuu Addis Standard ibseera.

Gulaaltuu olaantuun Addis Standard Tsadalee Lammaa ''irra deebiin qabamuun isaa qaama nageenya lammiilee eeguuf dirqama qaba jedhamee amanamuun seerri dabaa jiraachuu agarsiiftuudha" jedhaniiru.

Dr. Daani'eel guyyaa kaleessaa ergaa maxxansaniin haala gaazeexessaa Awloo Miidiyaa Baqaaluu Alaamirrawu kan erga to'annoo jala oolee guyyootni lakkaahamaniis hordofaa akka jiran ibsanii turan.

Dhimma hidhamuu gaazexeessitootaa irratti hanga ammaatti mootummaa federaalaa irraa wanti jedhame hin jiru.

Dhaabbatni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ (commitee to protect Journalists) ibsa kaleessa baaseen gaazexeessaa Baqaaluun erga qabamee guyyaa 6 darbus himatni akka irratti hin banamne ibseera.

Himatni seeraan banamuu baatus garuu odeeffannoo tamsaasuun shakkamee qabame ibsameera.

CPJ'n mootummaan gaazexeessaa kana hatattamaan akka gadhiisu gaafateera.

Waggoota lama dura Itoophiyaan tarree biyyoota gaazexeessitoota hidhamuun beekamanii keessaa adda duree turte.

Waggoota lamaan darban gama kanaan fooyya'iinsi argamaa turus yeroo dhiyoo as biyyattiin amala duriitti deebi'aa jirti jechuun dhaabbileen mirga namoomaaf falman yaaddoo isaanii ibsachaa jiruturan.