Lola Tigraay: Pireezidantiin naannoo Tigraay furmaatni siyaasaa akka barbaachisu irra deebiin gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Oduun hidhni madda aanniisaa Elektiriikii Takazee halleellaa humna qilleensaa mootummaan rukutameera jedhu, mootummaan federaalaa dhugaa miti jedhe.
Gidduugalli odeeffannoo labsii yeroo muddamaa mootummaa Itoophiyaa dhiyeenya kana akka jedhetti, inumaayyuu loltoota buufaticha eegan irratti haleellaan baname jedha.
Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Tigraay Dabratsiyoon Gabramkaa'eel (PhD) ibsa Kamisa kennaniin ''Maddi anniisaa Elektiriikaa Takazee Roobii darbe haleellaan qilleensaa irratti raawwatameera,'' jechuun mootummaa himatan.
Pireezidantichi waraanni humna nageenyaa isaaniifi waraana Mootummaa Federaalaa gidduutti gaggeefamu itti fufuu himuun, rakkoo kanaaf furmaanni siyaasaa argamuu qaba jedhan.
Haala waraana naannicha keessaatti adeemaa jiru yoo ibsan; Maqalee, Addigiraatiifi Allaamaaxaatti haleellaan qilleensaa irra deddeebiin raawwatamuu himan.
''Maddi anniisaa Elektiriikaa Takazee Roobii darbe haleellaan qilleensaa irratti raawwatameera, magaalonni Tigraay dukkana keessa akka turan ta'eera'' jechuun dubbatan.
Haleellaa qilleensaan lubbuun namoota nagaa darbuu kan himan Dabratsiyoon, odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Mootummaan Itoophiyaa gamasaatiin Jimaata waan jedhe, humnoonni Poolisii Federaalaa buufaticha eegaa turan humnoota naannichaan haleellaan irratti banamee kan lokkoofsi isaanii ammatti hin ibsamne ajjeefamuu fi 11 kan ta'an imala sa'aa 14 booda Goondar galuu ibseera.
Odeeffannoon mootummaa naannichaan tamsaafames kijiba jedheera.
'Waraanichi reefu eegalaa jira'

Dabratsiyoon (PhD) naannolee waraanni keessatti adeemsifamaa jiru keessatti meeshaalee waraanaa gurguddoon haleellaan raawwatamaa akka jirullee dabalanii himaniiru.
''Ammallee kallattiiwwan adda addaan qophiin waraanaa jira. Waraanichi reefu eegalaa jira,'' jedhan.
Loltootni Mootummaan Federaalaa naannolee Lixa Tigraay bilisoomsaniiru jechuun MM Abiy Ahimad guyyaa Kamisaa ibsaniiru.
Haa ta'uutii Pireezidantiin naannoo Tigraay loltoota Eertiraa mootummaa federaalaa waliin nu waraanaa jiru jedhan dabalatee, loltoota mootummaa hedduu waraana kanaan booji'uu ibsaniiru.
Kanaan duras Dabratsiyoon (PhD) loltootni Eertiraa waraana kana keessatti hirmaachaa jiru jechuun kana himatan yoo ta'u, mootummaan Federaalaafi mootummaan Eertiraa himata kanaan soba jedhaniiru.
''Hanga ammaatti loltoota 10,000 ol boojineerra, kana keessaas loltootni Eertiraa jiru,'' jedhan.
Booji'amtoota waraanaa kana ni agarsiifna jedhan malee, ammatti lakkoofsa hanga kanaa booji'uu isaanii BBC'n maddeen walabaa irraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Mariin furmaata?
BBC waliin gaaffiifi deebii kan taasisan hoogganaan hariiroo alaa dhaaba Badhaadhinaa Biqilaa Hurrisaa (PhD) waggoota sadan darban qaama kana waliin adda addummaa jiru dhiphisuuf yaaliin hedduun godhamee milkaahuu akka hin dandeenye ibsan.
''Rakkoon isaa gareen amma baqarra jiru kun gaaffii rakkoo mariin furuu akka tooftaa waraanaatti kan itti fayyadamu ta'uu isaati,'' jedhan.
Pireezidantiin naannichaa Dabratsiyoon Gabramikaa'el ammoo torban dabre keessa, Gamtaan Afrikaa lola naannichaa fi mootummaa federaalaa jidduu galee araara akka buusu gaafatanii turan.
Dr. Biqilaan yogguu BBCtti dubbatan ''Mariidhaaf fedha qabaachuu agarsiisaa yeroodhuma walfakkaataattimmoo haleellaaf of qopheessa,'' jechuun TPLF himatu.
Sababa kanaatti keessumaa waggoota lamaan dabran qaama ''finxaalessa'' kana amananii waliin hojjechuun rakkisaa ture jedhan.

Ka'umsi lola kanaa maali?
Partiin TPLF kan siyaasa Itoophiyaa keessatti waggoota 27 darbaniif olaantummaa qabaachaa ture, battaluma MM Abiy 2018 keessaa gara aangootti dhufanii kaasee komii eegale.
MM Abiy qondaaltoota TPLF mootummaa duraanii keessatti aangoo olanaa qabaachaa turan malaammaltummaa fi sarbama mirgoota namoomaatiin himachuun kaan yoo hidhan kaan aangoo mootummaa irraa ari'an.
TPLF hogganooti hidhamanii fi hojiirraa ari'aman kunneen dhalattoota Tigraay waan ta'aniif addatti irratti fuulleffatame jechuun komata.
MM Abiy bara darbe paartilee miseensota ADWUI saba bu'urreeffatani ijaaraman walitti baqsuun Paartii Badhaadhiina (PP) hundeessuun tarkaanfii biraa wal-diddaa qaamolee lamaanii hammeessedha.
TPLF adeemsa MM Abiy mormuun paartii haaraa kanatti makamuu dide.
Jalqaa bara kanaa erga mootummaan federaalaa sababa weerara koronaavaayirasiin filannoo biyyaaleessaa marroo 6ffaa dheeressee ammoo wal diddaan caalaa guddate.
Naannoon Tigraay Fulbaana keessaa qofaatti filannoo gaggeeffatus, paarlaamaan federaalaa filannichi ''seeraan alaa fi kan akka raawwatameetti hin lakka'amnee'' jechuun murte dabarse.
Ergasiin booda, mootummoonni lamaan wal waliin ''seeraan alaa fi beekamtii heera kan hin qabne'' waliin jechuutti fufan.
Jalqaba baatii Onkolooleessaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay waliin waliitti dhufeenya akka dhaabu akkasumas deeggarsa bajata naannichaa akka adda kutu manni maree federeeshinii murteesse.
Sana duras ta'e sana booda mootummoonni lamaan agarsiisa humna waraanaa gara garaa taasisaa turan.
Sadaasa 03, 2020 halkan humni addaa naannoo Tigraay buufata waraanaa raayyaa ittisaa achi jiru haleele jechuun MM Abiy tarkaanfiin waraanaa akka fudhatamu kan ajajan.

















