Lola Tigiraay: Waldaan Fannoo Diimaa Humaraa-Daanshaa irratti anbulaansotni koo haleelaman jedhe

Madda suuraa, Ethiopian Red cross
Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itoophiyaa karaa Humaraa-Daanshaarratti ambulaansota isaa sadiirratti hidhattoonni naannichatti socho'an A.L.I Onkoloolessa 30, bara 2013 dhukaasa banuun miidhaa irra qaqqabsiisu ibse.
Waldaa Qaxxaamura/Fannoo Diimaa Itoophiyaatti dubbi himaa fi itti gaafamaan dhimmoota dippiloomasii namoomaa Dr Salamoon Alii BBCtti akka himanitti, ambulaansiin rasaasan haleelamurra kan darbe, tola ooltotaa fi hojjattoota hojicha irratti hirmaatanirra miidhaan hin qaqqabne.
Karaa kaaba Gondaritti waldichi ambulaansotaa fi namoota wal'aansa lubbuu baraarsa kennan Onkoloolessa 24 irraa jalqabee, ambulaansota 10 wajjin naannichatti erguu Dr Salamoon himaniiru.
Sababii walitti bu'insaan namoota miiidhaman gargaaruuf, tola ooltotni 20 ol ta'aan miidhamtoota gara hosptiaalaatti geessuu fi wal'aansa lubbuu baraarsa kennuuf bobbaafamuu dubbatan.
Ambulaansonni miidhaan irra qaqqabe sadanuu karaa Humaraarraa gara Daanshaatti namoota mada'aan deddeebisaa turan.
Naannichatti lolli Onkoloolessa 24 erga jalqabamee, ambulaansota shan ramaduun, lammilee miidhamaniif deeggarsa lubbuu baraarsaa kennaa, hospitaalota dhiyeenya jiran afuritti akka deddeebisaa turan himaniiru.
Ambulaansonni kun namoota miidhaa cimaan irra qaqqabe gara hospitaaala Gondarittis akka deddeebisanis itti dabalanii dubbataniiru.
Waldaan Qaxxaamura Diimaa akka biyyatti ambulaansota 550 ol akka qaba.
Waldichi Wallo Kaabaa, naannoo Qobbootti dunkaana gurguddaa lama qopheessuun, tola oltoonni ambulaansota shanitti deeggarsa gochaa akka turan himaniiru.
Waldaa qaxxaamura diimaa biiroo eegumsa fayyaa naannoo Tigraayi dabalatee, ambulaansota 100 akka naannicha akka qabu itti dabaluun ibsaniru.
Waajjira Waldichaa naannichiatti argamu wajjin sababa bilbilli addaan citeef walqunnamtii akka hin qabnes ibsaniiru.
Hariiroon mootummaa Federaalaafi Mootummaa Naannoo Tigraay hammaachaa dhufee torbee tokko dura ''humnootni nageenyaa naannichaa buufata raayyaa ittisa biyyaarratti haleellaa banan,'' jedhee erga himatee booda sadarkaa waraanaatti ce'eera.
Mootummaan Federaala oppireeshinii naannicha keessatti gaggeessaa jiruun, olaantummaa seeraa kabachiisuuf akka hojjetu, aanga'oota TPLF badii isaaniif seera dura isaan dhaabuufis kan kaayyeffate ta'uu ibseera.
Mootummaan naannichaa ''mirga ofiin of bulchuu keenya sarbuun humnaan nu jilbeeffachiisuufi'' jedhee himata.














