'Haalli biyya koo na yaachisa, hammaachaa jira' - Teediros Adihaanom

Dr. Teediroos Adihaanoom

Madda suuraa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adhaanoom haalli nageenya Itoophiyaa ''hammaachaa jira'' jechuun kan isaan yaachisu ta'uu ibsan.

Sadaasa 3 humnoonni TPLF buufata waraanaa raayyaa Ittisa biyyaa kaaba Itoophiyaa haleeluu sababeeffachuun lola naannoo Tigraayitti dhalateen walqabatee mootummaan Itoophiyaa TPLF'f looge jechuun kan isaan himatu Dr. Teedroos, barri 2020 akka dhuunfaattis bara rakkisaa ture jedhan.

Ibsa raawwii hojii bara 2020 Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ilaalchisee, dhimma waliin gahiinsa talaallii, qophii weerara dhibee haaraafi dhimmoota kanaan walqabatan irratti ibsa kenname keessatti, Dr. Teediros bara faranjootaa xumuramaa jiru akka dhuunfaatti akkamiin akka ibsan gaafatmaniiti kana kan dubbatan.

''Barri 2020 hunda keenyaaf bara ulfaataa ture. Gaddisiisaa dhs. Anaaf ammoo akka dhunfaatti Covid qofa miti... Covid'tti dabalataan barri 2020 ulfaataa kan ta'e biyyi koo Itoophiyaan rakkoo keessa waan jirtuufidha'' jedhan.

Miseensa TPLF duraanii kan turan hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr.Teediroos, aangoo isaanii kana qabachuun dura Ministira Haajaa Alaa fi Ministira Fayyaa Itoophiyaa turan.

Dhalataa naannoo Tigraay kan ta'an Dr. Teediroos, lola Mootummaan federalaa oolantummaa seeraa kabaachiisuu jedhee waamuun humnoota TPLF waliin gaggeesseen yaaddahuufi maatii isaanii achi jiran argachuu akka hin dandeenye himan.

''Lolli gaaga'aan sun biyya koo, Kaaba Itoophiyaa naannoo dhaloota koo Tigraayitti gaggeefamaa jira. Obboleessakoo quxusuu dabalatee maatii hedduun achii qaba. Amma bakka isaan jiran hin beeku'' jedhan.

Tajaajilli qunnamtii erga lolli naannicha keessatti gaggeffamuu eegalee hanga yeroo dhiyootti magaala Maqalee dabalatee nannoolee muraasatti deebi'uutti adda citee jira.

Aanga'aan kunis sababa tajaajilli qunnamii adda citee jiruuf maatii isaanii argachuu akka hin dandeenye dubbatan.

''Akka waan Koronaan gahaa hin taaneetti kunis dhukkuba dabalataa natti ta'eera'' jedhan.

Dr. Teediroos ''haalli jiru hamamachaa waan jiruuf waayeen biyya koo guutummaatti na yaachiseera'' jedhan.

Ji'a lama dura akaakayyuu ta'uu isaanii himanii, waan akkasii gaafa ilaalan ammoo rakkoolee gurguddoo lamaan kana keessattillee abdiin abdii horachuu dubbatan.

Tibba lolli mootummaa Federaalaa fi Humnoota TPLF eegale Ajajaan waraana Itoophiyaa Janaraala Birhaanuu Juulaa Dr. Teediroos TPLF'f looguun meeshaa waraanaa akka argataniif yaalii hedduu gochaa turan jechuun himataniiru.

‘’Gama uummata Itoophiyaan goree namoota kunneen akka balaalefatan hin eegnu. Isaaniin gargaaruuf waan hunda gochaa turan. Biyyooti ollaa waraanicha akka balaaleffatan duula gaggeessaa turan,’’ jedhanii turan.

‘’Akka isaan meeshaa waraanaa argatan hojjechaa turan,’’ jedhanii turan qondaalli motummaa kun.

Dr. Teediroos ammoo himannaa isaan irratti dhiyaateef fuula tiwiitaraa irratti deebii kennaniin, gartuu tokko qabatee deeggara jechuun komiin narratti dhiyaate soba jedhanii turan.

Gartuun kiyya yoo jiraate daandii nageenyaati, addunyaan martuu fayyaadhaaf nageenya akkasumas ammoo nageenyaaf fayyaa barbaada jedhan.

Qaamoleen lameenuu waraana qabbaneessuun nageenya buusuu qabu jechuun yaada Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii dhiyeesse akka deggeranis ibsanii ture.

Gama kaaniin baruma xumuramaa jiru kana keessa weerara Covid-19 dafanii addunyaa hin beeksifne jechuun Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp waliin atakaaroo keessa galanii turan.

US deeggarsa dhaabbatichaaf gootu adda kutuufis doorsisftee miseensummaa keessaas baatee ture.