Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhuguma waa'ee lammummaa isaanii dubbatanii?

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaa Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom kanaan booda lammii Itoophiyaatti akka ofiin hin jenne dubbachusaanii ilaalchisee odeessaaleen miidiyaa hawaasa fi viidiyoowwan tibbana bal'inaan qoodamaa ture.
Viidiyoon YouTube irratti fe'ameefi yeroo kuma 100 ol ilaalamees Hogganaan Olaanaan WHO Dr Teedroos wayita BBC waliin gaaffiifi deebii taasisaniitti kan dubbachuu hima.
Haata'u malee odeessi kun gutummaa guutuun dharadha.
Lammii Itoophiyaa kan ta'an Dr Teedroos waa'ee waraanaa Tigraayiitti gaggeeffamu ilaalchiisuu turtiin dhiheenya kana BBC waliin taasisan hinjiru.
Hakimiin daangaa qaxxaamuruun sababii waraanichaatiif dhuma 2020tti Sudaaniitti baqate tokko, Haamdaayeeti, jidduugala namoonni kumaatamni waraana Tigraay keessaa baqachuun keessa dahatan, irraa gaazexeessaa BBC Andriiw Haarding waliin dubbate ture.
''Waa'ee Itoophiyaa ta'u yaaduun amma darbeera... Kanaafuu, yaandi paasportii wal fakkaataa qabachu darbeera,'' jedhee Teewodroos.
Maqaan baqataa kanaa Teedoroos kunis yeroo tokko tokkoo akka Teedroosiitti barraa'a.
Motummaan Itoophiyaas Hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa nama ta'an kana qeeqa.
Guyyaa Sanbataa miidiyaan motummaa kan ta'e Tajaajilli Oduu Itoophiyaa odeessaa Dr Teedoos ''garee shororkeessaa kan ta'e TPLF kan motummaa federaalaa waliin wal waraanaa jiruuf mormuu'' jedhuun himatu maxxansee ture.
Kana dura qondalali Itoophiyaa Dr Teedroos TPLF'f meeshaa waraanaa bituun deeggaruun himatanii turan. Ta'us deebii isaaniitiin kana hin raawwanne jechuun waakkataniiru.
Ta'us, kana dura haalli Tigraay keessaa 'sukaneessaadha' jedhanii Dr Teedroos ibsanii turan.














