Itiyoo - Ertiraa: Araarri nagaa Itoophiyaafi Ertiraa jidduutti bu'e maal buuse?

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2018 baatii Eblaa keessa gara aangootti kan dhufan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad tarkaanfiiwwan gurguddoo fudhataniiru.
Waldhabdee daangaatiin wal gaareffannaa Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu waggoota 20f ture furuun biyyoota lamaan jidduutti nagaan akka bu'u taasisaniiru.
Murteen komishinii dhimmi daangaa Itiyoo - Ertiraa irratti dabarse haalduree tokko malee fudhachuun waliigalteen nagaa akka raawwatamu taasisan.
Waliigalteen nageenyaa biyyoota lamaan jidduutti bu'eenis kan gammade uummanni Ertiraas, MM Abiy wayita gara Ertiraatti imalaniitti daandiitti bahuun gammachuu guddaan simate.
MM Abiy haasaa affeerraa irbaataa pirezidaantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqee qopheessan irratti taasisaniin ''kanaan booda haadhooliin bohan hinjiraatan.
''Dargaggoonni Ertiraa kanaan booda rakkachuun galaanaa fi gammoojjii qaxxaamuruun hin imalan,'' jechuun dubbatanii turan.
Hawwii isaanii kanas namoonni hedduun kan 'waaqni kadhannaa keenya dhagahuun dibee kaaseedha' hanga jechuu qaqqabuun isaanii ni yaadatama.
Garuu waliigalteen nagaa Itiyoo - Ertiraan maal buusee? Wanti irraa eegameefi haalli ammaa maal fakkaata? Dhimmoota kanneen irratti BBC'n namoota garaagaraa waliin turtii taasiseera.

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad paarlaamaa biyyattiitti dhiyaachuun waliigaltee Aljeersiifi murtee Komishiniin daangaa Itiyoo - Ertiraa murteesse haalduree tokko malee akka fudhatan ibsan.
Yeroo isaan kana jedhaniitti, abdii itti uumuu dubbatu lammiin Ertiraa - Ameerikaafi Rogeessii Mirgoota Namoomaa fi Xinxalaan Dhimmoota Baha Afriikaa Siyyuum Tasfaay.
Akkuma MM Itoophiyaa Abiy biyyasaaniitti raawwatan sana Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqiinis biyyasaaniitti hidhamtoota gadhiisuun akkasumas jijjiramawwan murteessoo ta'an tokko tokko raawwachuun ''carraa sanatti ni fayyadamu laata?'' jechuun hawwiin eegaa akka turan ibsu.
''Bakka MM Abiyyiifi Pirezidantii Isaayyaas argamaniitti wayita daangaan Zaalaambassaa saaqametti, uummanni gamaa fi gamas ture wal hammatee walitti boo'aa gammachuusaa wayita ibsatu yoo argan caalaa kan isaan gammachiisu natti fakkaate ture.
''Abdiin sun hundi badee waraanaafi badiinsi hineegamne hordofeera,'' jechuun haalli eeganii turaniifi kan amma ta'e akka walitti hindhufne himu.
Jiraataa Biriitan kan ta'an hayyuun Siyaasa Dinagdee Obbo Barihee Fisihaayyee gama isaanitiin, ''Waggoota darban dheeraaf bulchiinsa Pirezidant Isaayyaas yeroo qabsoo hidhannootii kaasuun itti dhiheenyaan hordofaa,'' turan.
''Guyyaa waamicha nagaa itti simatee Waxabajjii 20, 2010tti wayita Pirezidant Isaayyaas jecha ''Weyane Game Over'' jedhu fayyadameen akka adeemsa nageenyaatti fayyadamu hindandeenye hubadhe,'' jedhu.
''Michoomni aanga'oota lamaanii oolee bulee qondaaltoota TPLF irrati kan xiyyeeffatu akka ta'u naaf galee ture,'' jechuun kallattii aanga'oota lamaanii jalqabumarraa akka isaan hingammachiifne himu.
Komishiniin Daangaa Itiyoo-Ertiraa haaluma waliigaltee Aljeersiin waggoota 18 dura hundeeffamees, murteewwan dhumaafi murteessoo ta'an dabarseera.
Ta'us, gama TPLF murteewwan sun hojiirra akka oluuf fedhiin osoo hinagarsiisiin sababii turameef, uummanni Ertiraa jireenya nagaa isaarratti xiyyeeffannaa osoo hintaasisiin baayyee miidhamun tureera.
Haalawwan kunneen geeddaramuun MM Abiya murticha ''haalduree tokko malee fudhanneerra'' jechuusaanii hordofees, ''Lafti nuuf murtaa'ee ture humnaan nu jalaa qabameera.
''Gama kibbaatiin yaaddoo walabummaa qabna'' jechuun dargaggoon Ertiraa yeroo seeraan labsame caalaa tajaajila biyyaaleessaa Ertiraa akka tajaajilan ta'eera jedhu.
Waliigalteen nagaa hojiilee misoomaa kana dura harkifatan gara fuula duraatti akka geessu akkasumas keessumaa uummatoota daangaarra jiran irratti abdii waan horeef namoonni daangaa ce'un wal dubbisuufi daldaluu eegalanii turan.
MM Abiy Ahimad waggaa sadii dura gara Asmaraa yeroo qajeelanitti uummanni sirna ho'aan daandiitti bahee simate.
Daandileen aalaabaa biyyoota lamaan faayamee, haadholiin meexxii qabatanii, dargaggoonni tajaajila biyyaalessaa keessa qooda fudhachuuf dirqama qaban gammachuun itti dhagahamee gammachuu ibsaa turan.

Madda suuraa, Yemane G. Meskel
Uummatoonni biyyoota lamaan bilbilaan, miilaan, konkolaataafi xiyyaaraan wal arguu itti fufan. Ta'us, hin turre.
''Uummaticha dhiigaafi dhiiga gidduu arguun baay'ee nama gaddisiisa'' jechuun himu araara bu'e akka carraa guddaatti kan ilaalan Aadde Mabiraat Niguus.
Yeroo daangaan baname uummata biratti miira gammachuu akka itti uume kan yaadatan hayyuun siyaasa - Diinagdee Bariheen, ta'us amala ilaalcha Pirezidant Isaayyaas bu'uura godhachuun shakkiin akka keessasaanii ture himu.
''Pirezidant Isaayyaas bilisummaa biyyattii booda daandii nagaa hordofanii hin beekani,'' jechuun qeequ. Jibuutii, Yaman, Sudaaniifi Itoophiyaa waliin waldhabdee uumuu himan.
''Ammas waraanni Ertiraa lola biyya ollaa isa hin ilaallanne keessa galcheeniira,'' jechuun ibsu.
Waliigalteen biyyoota lamaanii MM Abiy badhaasa Nobeelii itti argatan Gaanfa Afrikaa guddina dinagdee fida jedhamee eegamee ture.
''Ummanni Ertiraa waliigaltee nagaarraa buufate yoo jedhame wanti buufate yeroo jalqaba daangaan banamu maatiifi namoonni walirraa fagaatan walitti dhufuu isaaniiti,'' jedhu Obbo Bariheen.
Kanaan ala garuu diingadeenis ta'e siyaasaan wanti jijjiirame akka hin jirre, dhiibbaan Covid-19 itti hammaate ummatichi nyaata guyyaatti nyaatu argachuullee rakkateera jedhu.
Dabalataan, waliigaltee 2010 booda kaabineen ministiroota Ertiraa walgahee akka hin beekneefi kanaanis qooda waraanni Ertiraa Tigraay keessa gochaa jiru ministiroonni akkasumas ummatichi akka hin beekne dubbatu.
Biyyoonniifi dhaabbileen idil addunyaa waraanni Ertiraa Tigraay gadhiisee akka bahu gaafataa tureera.
Obbo Siyyuum Tasfaay ''Yeroo araarri bu'e haadholiin gammachuu isaanii ibsan amma du'a ijoollee isaaniitti kan gaddan yoon yaadu laphee koorra gaddatu natti dhagahama,'' jechuun himu.
Furmaannihoo?
Bariheen waraanni lubbuu namaa kan galaafatu, maatii gadda keessa kan galchu, hiree dargaggootaa kan balleessu, qabeenya biyyaa kan balleessu ummanni keessa darbe beeka jechuun ibsa.
''Sababa kanaaf namoonni siyaasaa amma aangoorra jiran haaloo dhuunfaafi kaan keessaa bahuun ummata yaadnaafi jedhanirraa lola dhaabuu qabu.
''Ergasii dhimma isaanii mariidhaan furuu qabu,'' jedhu.
Dabalataan, dhaabbileen dhageettii qabaniifi biyyoonni gurguddoo dhiibbaa guddaa uumuu qabu jechuun yaada kennu.
Obbo Siyyuum gama isaaniin ''nagaan yoo hin jiraanne guddinni hin jiru. Guddinni yoo hin jiru ta'emmoo badhaadhinni hin jiru.
''Kanaaf, ummanni Ertiraa duubatti hafummaa, du'aafi dhumaatii hambisuun yoo barbaachise sirna dimookiraasii seeraan hoogganamu dhaabuun barbaachisa,'' jedhu.
Yoo kana gochuun danda'ame lammiileen biyyattii gahee isaanii akka gumaataniifi kanneen baqataniis carraan itti deebi'u danda'an uumuun akka danda'amu himan.


















