Itiyoo-Ertiraa: Gaggeessitoonni lamaan tokko biyya isa kaanii daawwachuu keessaa maaltu argama?

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali
Sababa daangaatin waggoota 20'f wal dhibdeerra kan turan Itoophiyaafi Ertiraan erga araara buusanii booda bulchitoonni biyyoota lamaanii daawwannaa garaa garaa adeemsisaniiru.
MM Abiy Ahimad erga gara aangoo dhufaniifi Ertiraa waliin araarri bu'e booda Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii yoo xiqqaate si'a jahaaf jila isaanii waliin Itoophiyaa daawwataniiru.
Yeroo bulchitoonni biyyoota lamaanii wal argan garuu akkanumaan dhimmoota waloo irratti mari'atu jedhurra kan darbe waan irra gahaniifi mata dureewwan marii maal akka ta'an bal'inaan ibsamaa hin turre.
Pirezidantiin Ertiraa Wiixata ganama daawwannaa hojii guyyoota sadiif Asmaraa irraa Jimmatti kan imalan yoo ta'u, MM Abiy Ahimadis Jimmatti isaan simataniiru.
Daawwannaan Pirezidantii Isaayyaas tibbanaa maal akka akeeku kan gaafataman xiinxalaan siyaasaafi Walitti dhufeenya Idil - addunyaa Obbo Abduraahmaan Abu Hashim ''waan haaraa hin qabu'' jechuun ibsu.
Ameerikaa Bulchiinsa Joorjiyaa Kollejjii Guunetitti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta'an Yohaannis Gadaamu (Dr) gama isaaniin yaada biraa dhiheessu.
''Daawwannaan akkanaa qondaaltota olaanoofi bulchitoota lameen gidduu itti yaadamee kan taasifamedha,'' jechuun yaada isaanii ibsu.
Obbo Abduraahmaan jalqaba biyyoonni lamaan waliigalteerra yeroo gahan, gama lammiilee Ertiraa gaaffiiwwan garaa garaa jiran kaasuun waliigaltichi lammiilee Ertiraaf waan fide hin qabu jechuun himu.
Waliigalteen biyyoota lamaaniin kanneen abdii godhatanii turan abdii irraa dhabuu kan himan Obbo Abduraahmaan, waliigalteen raawwatame kan biyyoota lamaanii osoo hin taane kan michoota lamaanii fakkaata jedhu.
Waliigalteen akkanaa immoo kana durallee Itoophiyaafi Ertiraa gidduu ture jechuun ibsu.
Ta'us, nagaa waaraa fiduu dadhabuu ibsuun, nagaan biyyoota lamaa namoota lama gidduu qofa ta'e jechuun kunis ''sirrii miti, waara'aa ta'uu hin danda'u'' jechuun ibsu.
Kanaanis, Obbo Abduraahmaan ''daawwannaan Pirezidantii Isaayyaas ammaa homaa wanti adda taasisu hin jiru'' jechuun himu.
Yohaannis Gadaamu (Dr) immoo itti yaadamee akka taasifametti ilaalamuu qaba jechuun mormu.
Waliigalteen nagaa biyyoota lamaanii hariiroo diinagdee, daldalaa akkasumas kaanitti guddate mul'atuu baatus, keessoon mariin akka jiraatu akka dhagahamu himu.
Biyyoonni lamaan hariiroo isaanii guddisuuf dura wal amantee ijaarrachuu qabu kan jedhan Yohaannis (Dr), biyyoonni lamaan waggoota 20'f wal dhibdee keessa waan turanif baay'ee mari'atuu akka qaban ibsu.
Daawwannaan irra-deddeebbii gama Ertiraan jijjiirama fide akka hin qabne kan himan Obbo Abduraahmaan. gama isaaniin mootummaan Ertiraa ''ammallee abbaa irree ta'e itti fufeera'' jechuun ibsu.
'Hariiroo namoota dhuunfaa...'

Madda suuraa, PMO
Pirezidant Isaayyaas waggoota 30 darbaniif mormitoota ukkaamsaa akkasumas hidhaa aangoorra turani jechuun ibsanii, Itoophiyaanis daawwannaa akkanaarraa ni buufatti jedhanii akka hin amanne himu.
Hariiroon kun kan paartiidhallee jechuuf ni rakkisa kan jedhan Obbo Abdurahmaan, Ertiraa ammoo paartiin jira jechuunuu ulfaataadha jedhu.
Paartiin Badhaadhinaas Kora Waliigalaa isaa tokkoffaallee akka hin gaggeeffatiin kaasuun, hariiroon kun hariiroo namoota dhuunfaa ta'uu isaa dubbatu.
Yohaannis (Dr) gama isaaniitiin michummaan gam-lamee kun caalaa akka cimuuf, gaggeessitoonni biyyoota lamaanii biyya walii walii isaaniitti argamuun mariyachuu kan filatan fakkaatu jedhu.
Akka Yohaannis (Dr) jedhanitti biyyoonni lamaan aadaafi seenaa waloo kan qaban waan ta'eef, wanti Itoophiyaatti ta'e kamiyyuu Ertiraa keessatti dhiibbaa mataa isa akkuma qabaatu; wanti Ertiraa keessatti ta'es Itoophiyaa keessatti dhiibbaa ni qabaata.
Itoophiyaa keessa rakkoon siyaasaa jiraachuu kaasuun, mootummaan Ertiraa wanta Itoophiyaa keessatti ta'u itti dhiyeenyaan hordofuun nama ajaa'ibuullee akka hin qabaanne eeru.
Ertiraa keessas rakkoon hedduun jiraachuu kan kasan Yohaannis (Dr) muddamni isaa kan mul'atu daayaasporaa birattita'uu ibsu.
Yeroo biyyoonni kunneen lamaan michummaa isaanii haaromsataa jiranitti, muddamni siyaasaa Itoophiyaa dhiibbaa inni naannawaa sana irratti qabaatu ilaalanii faayidaa biyyasaaniis ilaalcha keessa galchuun dhiibbaa yoo uuman waanuma eegamu ta'a jedhu.
Kan gaaffii ta'uu qabu dhimmoota naannawaa sana keessa jiran waliin walqabsiisuun haala bu'aa qabuun hirmaataniiruu? isa jedhudha.
Namoonni waliigalteen nagaa mootummaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru bifa dhaabbatummaa yeroo itti qabaatee beeku dhaga'amee hin beeku jechuun kaasu.
Kanaaf yeroo deebii kennan: "Gaggeessitoonni lamaan harka walfuudhuun mataan isaayyuu bifa dhaabbatummaa qaba," jedhan.
Dhaabbilee yeroo jedhamu wantoota lubbuu hin qabne ijaan argaman akka gamoowwanii ykn sanadoota seera qabeessa ta'an irratti mallatteeffame qofaa miti jedhu.
Walitti dhufeenyi irra-deeddeebiin taasifaman dhaabbilee ijaaraman irratti dhiibbaa mataa isaanii akka qabaatan kaasuun, faayidaan guddaa kanaa ammoo walirratti amantaa qabaachuu cimsa jedhu Yohaannis (Dr).
Hariiroon gaggeessitoota kanaa bifa dhaabbatummaa qabaachaa yeroo dhufutti ammoo, kan uummata biyyoota lamaaniis daran cimaa akka dhufu abdii qaban dubbatu.
Waan dhugaa lafarra jiru, keessumaa ammoo haala Ertiraa keessa jiru kaasuun, yeroo hundeeffamterraa kaasee cufaa ta'uu ishee hubachuun barbaachisaadha jechuun dubbatu.
Dirreen siyaasaa cufaa ture kun waliigaltee kana hordofee gara banamuutti deemuuf ta'a jechuun Ertiraanonnillee yaaddoo keessa akka galan gochuun isaan akka hin oolledha jedhu.
Haala kanaan dhawaata dhawaataan hariiroon dinagdeefi hawaasaa akka itti fufu barbaaduu isaanii kaasuun [sirbaafi dhiichisa] irra darbee, bifa tasgabbaa'een dhimmoota irra deebiyuun qorachuuf fedhuun naannoo isaaniitti mul'achuu ibsan.
Biyyoonni lamaan madaa qabu turan, al takkaatti wallaannatanii dagachuudhaan hariiroo isaanii saffisaan yaa jalqaban jechuun, rakkisaa ta'uu isaa kaasuun, daandiin filatan sirriidha jedhanii akka yaadan Yohaannis Gadaamuu (Dr) ni dubbatu.














