Amb. Diinaa Muftii: 'Walitti dhufeenyi hoggantoota gidduu uumamu walitti dhufeenya biyyaaf bu'uura'

Madda suuraa, MFA - Ethiopia
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa walitti dhufeenyi bulchitoota Itoophiyaafi Ertiraa gidduu cimuun isaa walitti dhufeenya biyyaa cimsuuf bu'uura jedhe.
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii tibbana dawwannaa guyyoota sadiif Itoophiyaa keessa turaniin Hidha Haaromsaafi Humna Qilleensaa Itoophiyaa dabalatee kaanis daawwataniiru.
Qeeqxonni hariiroon lamaanii kan bulchitootaati malee kan biyyaa hin fakkaatu jechuun qeequ.
Kanaafis, waligalteen biyyoonni lamaan araara buusuun waggaa lama dura mallatteessan hojiirra hin oolle jechuun kaasu.
Har'a miidiyaaleef ibsa kan kennan Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii garuu walitti dhufeenya hoggantoota lamaa murteessaadha jedhu.
"Walitti dhiyeenyi hooggantoota gidduutti uummamu walitti dhiyeenya biyyoota gidduutti uumamuuf bu'uura kan ta'udha" jechuun dubbatan.
Haa ta'u malee, Ambaasaddar Diinaa, waligalteewwan biyyoota lamaan gidduu jiruufi dhimma daangaa kana dura banamee cufameerratti dubbachuurraa of qusataniiru.
Walitti dhufeenyichi cimaa deema amantaa jedhuun sadarkaa hooggansaatti hojjetamaa akka jirus himan.
Hoggantoonni lamaan biyya walii yeroo daawwatan dhimmoota waloorratti mari'atan jedhurra kan darbe dhimmoonni ijoo marii yeroo hedduu hin ibsaman.
Kana dura Masriifi Keeniyaatti Ambaasaaddara kan turan Diinaan garuu, ''Walitti dhufeenya biyyaalee lamaan gidduu jiru ilaalchisee damee kamiin walin hojjechuu akka danda'an waltajjii kan ta'udha" jedhan.
Lammiilee Sa'uudiiti deebi'an
Ministeerri Dhimma Alaa torbeewwan darban keessa lammiileen Itoophiyaa biyyaalee garaagaraatti haala rakkisaa keessa turan 993 gara biyyaatti akka deebi'an taasifamuu ibseera.
Lammiileen kunneen Saawudi Arabiyaa, Tanzaaniyaa fi Jibuutiidhaa kan deebi'an ta'uu himuun "hojiin lammiileen rakkoo keessa jiran deebisuu itti fufa" jedhan.
Gama kaaniin, lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman manneen hidhaa Sa'uudi Arabiyaa keessa jiran dararaa keessa jiraachuu himu.

Madda suuraa, MFA - Ethiopia
Kanneen du'anillee akka jiran gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal dhihoo ibseera.
Mootummaan Itoophiyaa jala jalaan fiduus ammallee baay'inaan kan hin deebifamne jiru.
"Karoora baheen walqabatee harkifannaan jiraachuu danda'a. Akka fedhii mootummaa keenyaatti garuu lammiilee keenya hunda fidnee osoo dhufnee ni gammadna.
''Haa ta'u malee biyyaalee itti jiranin walqabatee dhimmootni akka eenyummaa isaanii qulqulleessuu fi dhimmi nageenyaa adeemsicha lafarra harkisaniiru" jedhan.
Deeggarsa Sudaaniif
Dhimma hidha Abbayyaarratti Sudaan erga dhihoo as hidha Itoophiyaan ijaaraa jirtuurratti gaaffii kaasaa jirti.
Ganna darbe lagni Abbayyaa qe'ee keessa yaa'e bakkeewwan Sudaan hedduu balaan miidheera.
Mootummaan Itoophiyaas jila gara Sudaan erguun namoota lolaan miidhamanif deeggarsa taasisuu isaa himaniiru Ambaasaaddar Diinaan.
Deeggarsi Itoophiyaan Sudaanif taasiftes kunis angawoota biyyattii biratti miira gaarii kan uume akka ta'e dubbatan.
Gama namoomaa fi siyaasaan tarkaanfii sirrii ta'uus dubbatan.















