Itiyoo - Ertiraa: Waliigalteen Itoophiyaafi Ertiraa waggaa lama guute maalirra gahe?

Pirezedaant Isaayyaas Af-warqiifi MM Abiy Ahmed

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaafi Ertiraan waldhibdee isaan gidduutti waggoota digdamaaf ture furmaata itti tolchuuf waggaa lamaan har'aa ture waliigaltee kan mallatteesan.

Kun ammoo akka milkaa'u kan ta'e Ministirri Muummee Abiy Ahimad akkuma gara aangootti dhufaniin murtee Komishiniin Daangaa walabaa bara 2002 dabarse fudhatanii hojiirra oolchuu isaaniitiini.

Tarkaanfiin isaan fudhatan kun biyyoota lamaan gidduutti, akkasumas taajjabdoota idil-addunyaa biratti miira gaariitiin simatame.

Fakkeenyaaf, Ameerikaan tarkaanfii Itoophiyaafi Ertiraan wal-dhabdee yeroo dheeraaf giddu isaanii ture furuun gara hariiroo gaarii waliin uumuutti hojachuuf jalqaban akka ishee jajjabeesse ibsitee turte.

Nageenyi waara'aa ta'e argamuun badhaadhinaafi nageenya lammillee biyyoota lamaanii qofaaf osoo hin taane biyyoota ollaa isaanii kan Ameerikaafi kan addunyaatiif bu'aa buusa jechuun ibsitee turte Ameerikaan.

Akkasumas, murannoo pirezidantiin Ertiraa gaafa Tarkaanfii Itoophiyaafi Ertiraan nagaa buusuun hariiroo gaarii gara fuula duraatti tolfachuuf jedhan Gamtaan Awurooppaa akka deeggaru ibsee ture.

Waliigalteen seena qabeessa jedhameefi jaalalaafi obbolummaa biyyoota lamaan gidduutti akka uumamu wabii kenne ammoo Adoolessa 09, 2018 waloon mallattaa'e.

Gadaa nagaafi hiriyyummaa haaraatti ce'uu...

Biyyoonni lameen mallattoo isaaniitiin waliigaltee keewwata torba qabu baasaniin inni jalqabaa: 'Waraanni biyyoota lamaan gidduu jiru dhaabbatee gadaa nagaa, hiriyyummaa haaraafi gara guutummaan guutuutti tumsa waliif gochuutti ce'eera' jedha.

Kanarra darbee, biyyoonni lamaan dhimmoota siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, aadaafi nageenya irratti wal tumsuun milkaa'ina fedhii ummattoota isaaniif akka hojjetan ibsa waliigalteen sun.

Sochiiwwan geejjibaa, daldalaafi komunikeeshiniin akka ulaa walitti banatanis waliigalamee ture.

Kana hordofee daangaan biyyoota lamaan gidduu jiru ulaa gara garaan banamee sochiin daldalliifi ummanni wal keessa deddeebiyuu jalqabus boodarra deebiyee addaan citeera.

Itoophiyaafi Ertiraan daangaa km 1,000 ta'u wal dangeessu qabaniin ulaa bebbeekamoo afur qabu.

Isaanis, Zaalambassaa-Sarhaa, Raamaa-Kisaad Iqqaa, Humaraa-Omahajaar, akkasumas Buree-Dabaay Simaa kanneen jedhan.

Karri banamanii turan hunduu amma deebiyanii cufataniiru. Geejjbni konkolaataan wal keessa deemamuu jalqabames deebiyee dhaabbateera.

Ulaa galaanaa Itoophiyaan akka itti gargaaramtu yaadamee tures hanga himameef itti hin deemamne.

Daangaan banameefi sochiin daldalaa akka deebiyee cufatuuf sababa aanga'oonni gama lamaanuu himan ammoo daldala seeraan alaa saffisaan daangaarratti babal'atetti seera tolchuuf jedhame.

Ammatti hojjetaa kan jiru geejjiba daandii qilleessaati.

Biyyoonni lamaanuu, inni tokko biyya isaa kaaniittis imbaasii ofii banatanii hojii hariiroo dippilomaasii waliin hojjechaa jiru.

Aanga'oonni biyyoota lamaaniis yeroodhaa gara yerootti dhimmoota nageenya waloofi naannichaa irratti waliin hojjenna jechuun walitti ni marmaaru.

Turtii waggoota lamaanii kana keessatti dhimmoonni biyyoota lamaan gidduutti fala itti kennuu feesisan keessaa kan akka beenyaa miidhaa waraanaa lamaan isaanii gidduu tureefi dhimma baqattootaati.

Itoophiyaa keessatti kaampiiwwan baqattootaa garaa garaa keessa baqattoota Eertiraa kuma hedduun lakkaa'amanitu jiru.

Hireen isaanii maal ta'a, nageenya isaanii adeemsa nagaa buusuu biyyoota lameeniin akkamiin yaaddoorra bu'a? kunneen deebii barbaadu.

Waggaa itti aanutti daldalaafi sochiin hawaas-dinagdee daangaa Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru akkuma jedhame seerri itti tolfamee arguun danda'amaa?

Michummaafi walitti marmaaruun sadarkaa aanga'ootaatti jiru ammoo lafa irratti qabatamaan mul'atee ummata biyyoota lamaanii aadaa, seenaafi hiree walfakkaatu qaban akka fayyadu gaaffii namoota hedduudha.