Godaantota: 'Lammiileen Itoophiyaa mana hidhaa Sawudii keessa jiran haala yaaddeessaa keessa jiru'- Aministii Internaashinaalanastii

Baqattoota biyya Arabaatti rakkoo keessa jiran

Madda suuraa, Awwal Saaddoo

Waa'ee godaantota Itoophiyaa mana hidhaa Sa'ud Arabiyaatti argamanii Aministii Intarnaashinaal qorannoo taasiseen odeeffannoo haaraafi sukkaneessaa argachuusaa ibse.

Waggaa darberraa eegalee loltoonni Yaman baqattoota Itoophiyaa biyyattii keessaa baasanii ari'uun gara Sa'ud Arabiyaa galaniiru, achittis haala lubbuusaaniif sodaachisaa ta'e keessa jiraachuusaanii dhaabbanni mirga namummaaf falmu kun ibseera.

Namoonni Aminsitiin dubbise kunneen nama lama ta'anii cancalaan hidhamuu, kutaa hidhaman keessatti akka bobbaaa bahan taasifamuu, sa'aatii 24'f kutaa namootaan guutame keessa akka turan taasifamuu dabalatees manneen hidhaa Sa'udii keessatti jireenya ulfaataa jiraachaa jiraachuu godaantoaa hima ibsi Aministii kun.

Odeeffannoo Aminsitiin argateen mana hidhaa keessatti lubbuun namoota sadii darbeera. Dabalataanis qaama walabaarraa odeeffannoo gahaa ta'e hin arganne jechuunis yoo xiqqaate lubbuun baqattoota Itoophiyaa afur darbeera jedha.

Mana hidhaa keessatti dhukkubni, rakkinna nyaataa fi bishaanii akkasumas tajaajilli fayyaa jiraachuu dhabuusaatiin lakkoofsi namoota du'anii dabaluu akka danda'u gabaasichi ni mul'isa.

"Lammiin Itoophiyaa jireenya fooyya'e barbaacha biyyasaaniitii bahan haala yaaduuf na rakkisu keessa jiru. Isaanis dhukkubaa fi du'aan marfamanii waan jiraniif yoo xiqqaate baqattoonni lama of ajjeesuuf yaalii taasisanii turan" jechuun dhaabbatichatti gorsituu dhimmoota baqattootaa kan ta'an Meerii Firiistiyaar himaniiru.

Dabalataanis haala sukkaneessaa kana keessatti dubartoonni ulfaa, dhalattuu akkasumas daa'imman jiraachuu fi daa'imman du'an jiraachuus akka dhagahan dubbataniiru.

"Mootummaan biyyattii baqattoonni dabalataa du'uusaanii dura haalli mana hidhaa jiru akka fooyya'u taasisuu, akkasumas baqattoota jumlaadhaan hidhamanii argaman saffisaan akka gadhiisuu gaafanna," jedhaniiru.

Aminsitii Intarnaashinaal dabalataanis mootummaan Itoophiyaa bakka mootummaan Sa'udii baqattoonni yeroodhaaf akka turan taasise akka fooyya'uuf dhiibbaa uumuu akkasumas baqattoota gara biyyasaanitti deebi'uuf hayyamamoo ta'an saffisaan gara biyyaa deebisuu fi karaa hawaasatti makaman akka taasisuuf waamicha dhiheesseera.

Aminstii Intarnaashinaal haala baqattoonni Itoophiyaa keessa jiran haalan hubachuuf bara darbe ji'a Waxabajjiirraa hamma Adoolessaatti lammiilee Itoophiyaa 12 mana hidhaa keessa jiran dubbisee odeeffannoo mirkanaa'e sassaabuusaa ibseera.

BBC'n bara darbe ji'a Hagayyaa keessa baqattoota Itoophiyaa dhiiraa fi dubartii ta'anii manneen hidhaa Sa'udii Arabiyaa keessa jiran dubbisee odeeffannoo walfakkaataa gabaasuunsaa ni yaadatama.

Dabalataanis miidiyaalee idil addunyaa biroo haala sukkaneessaa baqattoonni Itoophiyaa keessa jiran erga gaabaasan UN fi dhaabbileen biroo Sa'udiirratti mormiisaanii kaasuunsaanii turan.

Mootummaan dhimmicharratti maal jedhe?

Mootummaan Itoophiyaa dhimma lammilee buufata godaantonni keessa tursiifaman keessa jiranii gabaasaaleen osoo hin ba'iin durarraa kaasee hordofaa jiraachuu De'eetaan Ministira Dhimma Alaa Aadde Tsiyon Takiluu BBCtti himaniiru.

Yeroo gabaasaaleen haala isaan keessa jiran yaaddessaa ta'uu himan ba'anittis dhimmicha aanga'oota Sa'udiitiif beeksisuudhaan akka eegamu gaafachuurraa duubatti deebiyanii akka hin beekne dubbataniiru.

"Lammileen Itoophiyaa buufata godaantonni keessa tursiifaman keessa jiran ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa aanga'oota Sa'udii waliin dubbachaa jira," jedhan Aadde Tsiyon.

Lammileen Itoophiyaa bakkuma jiranittis nageenyi isaanii eegameef akka turaniifi suua suutaan gara biyya isaaniitti akka deebiyan gochuudhaaf hojiin hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Haadholii daa'imman qabaniifi ijoollee umuriin isaanii waggaa 18n gadi ta'aniifi dursa kennuudhaan akka gara biyya isaaniitti deebiyan taasisneerra kan jedhan Aadde Tsiyon, hojiin biyyatti deebisuu kun itti fufa jedhan.