Qonsilaa Itoophiyaa Jiddaa jiru: ‘Hanga weerarri darbuutti baqattoonni bakkuma jiran haa obsan’

Madda suuraa, LINGO WEYN
Baqattoonni lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman manneen hidhaa Saawud Arabiyaa keessatti rakkinaaf saaxilamaa jiraachuun himame.
Warraabbii viidiyoo baqattoonni kunneen BBC'dhaaf ergan irratti akka mullatuutti, namoonni baayyeen kutaa dhiphoofi baayyee ho'uu keessatti walitti qabamanii jiraatu.
Isaan keessaa dargaggoon maqaan saa akka eeramu hinbarbaadne tokko BBC'tti akka himeetti, baatii sadiin dura Yaman irraa gara Saawudiitti osoo ce'aa jiruu poolisoota Saawudiitiin qabamee mana hidhaa amma keessatti argamuutti geeffamu dubbata.
Mana hidhaa keessatti haala irra jiru wayita ibsuus, ''mana fincaanii keessa jirra. Achumatti nyaanna, manuma fincaanii keessaa dhugaa jirra. Bishaan mataansaa guyyaa sadiitti ala tokkicha dhufti. Bakki keessa jirru keessa buluun hafee ilaaluufillee kan ulfaatuudha, jechuun haala keessa jiran ibsa.
''Lammiilee manneen hidhaa adda addaa keessatti argaman keessaa hanga ammaatti namoonni torba kan du'a yoo ta'u kannen keessaa tokko humna nageenyaa Sawudiitiin ajeeffameera,'' jechuun rakkoo cimaa keessatti akka argaman BBC'tti himeera.
Itti dabaluuniis, ''guyyaa tokkichatti namoonni sadii nu jalaa du'anii namni garagalee nu ilaalee hinturre. Amma mataasa namni baayyee dhukkubsatee du'uuf jiru ni jira. Nama itti iyyannu hinbeeknu. Namoonni kana dhaggeessan maaloo nu gargaaraa,'' jechuun gaafata.
Saawud Arabiyaatti qindeessaa Hawaasa Itoophiyaa kan ta'aniifi BBC'n kan dubbbisee Obbo Mahaarii Balaay akka jedhanitti, guyyaa hidhamtoota doowwachuuf wayita dhaqanitti ammalleen hidhamtoonni haaluma wal fakkaataa keessa jiraachu mirkaneeffachu dubbatu.
''Balfaan mana hidhaa keessa jiruu, beelliifi rakkoolee hunduun beekamaadha,'' kan jedhan Obbo Mahaariin, hidhamtoonni dhukkubsatan wallaansa akka argataniifi loltoonnis miidhaa akka irraan hin geenye waliin dubbatanii deebii'uu himaniiru.

Madda suuraa, LINGO WEYN
"Namoonni kunneen Yaman irraa wayita dhufan uffataafi kophee hinqaban, kan dhufan tishartii takkittiin. Isa uffachuun baatii sadiif mana hidhaa tokko keessa taa'uun, keessattuu ho'aa cimaa amma jiruun walitti dabalamee miidhaa irraan gahuu danda'u tilmaamuun nama hindhibu,'' jechuun ture Obbo Mahaariin BBC'tti kan himan.
Lammiilee Itoophiyaa mana hidhaa keessatti argaman kunneenis nyaataafi bishaan itti dhiqatan bakka hinjirree keessatti haala sukkanneessa ta'een jiraachaa akka jiran himeera.
Hawaasni Itoophiyaa Saawudiitti argamuus lammiilee kanneeniif deeggarsa taasisuuf yaalaa jiraachuus himaniiru.
Kana malees namoonni miillisaanii rasaasaan rukutamee amma sibiilli galeef jiraachu himu Obbo Mahaariin.
Akkasumas lammiilee Magaalaa Jiizaan jedhamu keessatti argaman ammoo dhukkuba daddarbaa haa ta'uu haa dhiisuunsaa hinbeekamnee qaamaafi fuulasaanii irratti wanti dhiita'uu waan baheef hawaasichi maallaqa wallansaaf ta'u walitti qabaaf jiraachu himan.
''Lammiileen kunneen rakkoon keessatti argamu hiikkachu kan danda'u yoo gara biyyasaanii deebii'an qofaadha'' jechuun akka gara biyyaa deebifamaniif haalli akka mijeeffamuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Deebii Qoonitsilaa Itoophiyaa Jiddaa
Guyyoota muraasaan dura Ministeerri Haajaa Alaa baqattoota hidhaarratti argaman gara Itoophiyaatti deebisuuf ykn bakka turmaataa fooyya'aatti dabarsuuf yaalii taasisaan jira jedhee ture.
Haa ta'u malee Qonitsilaan Itoophiyaa Jiddaatti argamu yaaliin lammiilee gara Itoophiyaatti deebisuu akka turu kalleessa beeksiiseera.
Qonitsilaan kun Roobii waaree booda fuula feesbuukii isaarratti ibsa baaseen haala baqattoota kanneen gara biyyaatti deebisuu ilaalchisee Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Afriikaa, hanga weerarri Covid-19 kun furmaata argatutti baqattoonni bakkuma jiran haa turan jechuun qajeelfama labsuu beeksiiseera.
Kana malees, Itoophiyaattis bakkeen namoonni adda baafamuun keessa tursiifaman gahaan waan hinjirreef, sochiin baqattoota Saawudiidhaa baasuu gufachuu isaa ibsuun, lammiileen manneen hidhaa keessatti argamanis obsaan akka eeggataniif Qonitsiilaan kun gaafateera.
Ibsuma Qonistilichaa kanaan mana hidhaa dubartootaa Jiddaa Shiimeesii keessatti walitti bu'iinsa umameen lammiilee hedduun miidhamaaf saaxilamusaanii ibseera.
Taateen sunis yeroo dheeraadhaaf mana hiidhaa keessa tursiifamuu isaanii mormuun mana hidhaatii miliquuf yaalii taasisaniin poolisiin walitti bu'uun kan umameedha jedheera ibsi kun.
Sababa kanaan baqattuu Itoophiyaa tokkorra miidhaan gidduugaleessaa qaqqabuu Waajirri kun beeksiseera.













