Weerara Koronaavaayiras: Baqattootni Itoophiyaa Jibuutii maalitti jiru?

Godaantota Itoophiyaa Jibuutii jiran

Madda suuraa, Solomoon

Jibuutiin torbee darbe keessa guyyoota walitti aananiif lakkoofsa namoota haaraa COVID-19'n qabamanii dhibbaa ol galmeessaa turuun baqattota achi jiran fi naannolee daangaa Itoophiyaarratti yaaddoo uumeera.

Ulaan guddaan Itoophiyaa fi Jibuutii wal qunnamsiisu magaalaan Dirree Dhawaas to’annoo Koronaavaayirsiif jecha daangaa Jibuutii waliin jiru irratti to’annoo cimsuu Hoggantuun Biiroo Fayyaa Bulchiinsa magaalittii aadde Lamlam Bazzaabbii himan.

Hanga har’aatti Itoophiyaa keessatti namoota saamudni isaanii qoratamee Koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa’e 116 keessaa saddeet magalaa Dirree Dhawaa keessatti galmaahe.

Namoota Dirree Dhawaa keessattii Koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaahe sadii kanneen Jibuutiirraa deebi’an 574 ta’an irratti erga qorannoon gaggeefamee ture.

Guyyaa sadii duras akkasuma baqattoota Jibuutirraa deebi’an irratti qorannoo kan biroo gaggeefameen namootni dabalataa sadii Koronaan qabamuun mirkanaa’e.

Lakkooksi namoota Jibuutirraa gara Itoophiyaa galanii itti fufee jiraachuu iyyaafanneerra. Karaa Jibuutii kanneen galaniin dabalataan karaa Affaar lammiilee Itoophiyaa galan keessa 336 kan ta'an dirqamni adda bahanii turuu irra kaahamee 226 kan ta'an Yunivarsiitii Samaraa keessa qubatanii akka jiran Fana broodkaastiing gabaaseera.

Jibuutiin torbee darbe keessa guyyoota walitti aananiif lakkoofsa namoota haaraa COVID-19’n qabamanii dhibbaa ol galmeessaa turuun ishee Vaayirasichi salphaatti Itoophiyaatti hedduuminaan tamsa’uu mala yaaddoo jedhu uumeera.

Hiree godaantota Itoophiyaa Jibuutii jiran

Baqattootni Itoophiyaa Kutaalee biyyattii garaagaraa irraa karaa seeraan alaa gara biyyoota Arabaatti imalaa turan dhibbootaan lakkaawaman Gammoojjii Jibuutii keessatti danqamanii jiru.

Imalli godaantota kanaa dooniirra yabaluun Yaman qubachuu isaan dirqisiisa. Yaman ammoo waraan keessa jirti.

Weerarri Koronaavaayiras ammoo saffisaan tamsa’aa jiraachuun godaantota Itoophiyaa kana rakkoo caalu keessa galchee akka jiru ji’a darbe bakka baqattootni seeraan alaa Yamanitti ce’uuf itti qophaa’an naannoo Obook jedhamu ilaalee kan deebi’e obbo Solomoon BBC'tti himeera.

‘’Ji’a darbe wantii Obook deemee ijaan arge, qaamolee nageenyaa baqattoota seeraan alaa adamsanii qaban gara biyyaatti ergaa akka turaniidha. Kanneen hafan ammo dhokatanii jiru. Warri kun yeroo qaamoleen nageenya bakka sanii sokkan bahanii nyaatafi dhugaatii kadhatu.’’

Ragaa IOM irraa arganne akka mul’isutti ammoo godaantota ji’oota darban muraasa keessa gara biyyoota Arabaa deemuuf Jibuutii keessa bakka Obook jedhamu turan keessaa heddduun isaanii fedhiin gara biyyatti yoo deebi’an gariin ammoo Yamanitti ce’uuniiru. Godaantootni haala amma jiruun gammoojjii Jibuutii keessatti danqamaniis jiru jedhameera.

Jibuutin Haala akkamii keessa jirti?

Jibuutiin hanga ammaatti namoota qoratte 8955 keessaa vaayirasii kanaan kan qabaman 945 gahuu ibsiteetti.

Akka jiraataan Magaalaa Jibuutii Solomoon jedhutti garuu dhorkaan sochii akka biyyaatti labsame hin jiru. Darbee darbee garuu qaamoleen nageenyaa namni karaarraa akka galu dhiibbaa godhuu.

Imbasiin Itoophiiyaa Jibuutii jiru dhalattoota Itoophiyaa achi jiraniif gargaarsa gochuuf socho’aa jira kan jedhu Solomoon, naannoo fagoo lammiileen Itoophiyaa hedduun itti jiraatan akka Balbalaa fi Bikaajuuz jedhamu deeggrsi qaqqabee hin jiruu jedha.

Ulaa guddaa Itoophiyaa fi Jibuutii walqunnamsiisu kan taate magaalaan Dirree Dhawaaas baqattoota Jibuutiirraa dhufan adda baasuun erga tursiiftee booda qorannoon barbaachisu godhamee gara naannolee irraa dhufaniitti akka deebi’an gochuurratti hojjechaa akka jirtu Biroon Fayyaa magaalittii beeksiseera.