Itoophiyaatti gaazexessaan yeroo jalqabaaf labsii oduu sobaa tamsaasuun himatame eenyu?

Madda suuraa, Athorny Generaal FB
Abbaan Alangee Federaalaa gaazexessaa Yaayyasawu Shimallis jedhamu labsii haasaa jibbinsaafi odeeffannoo sobaa tamsaasuun himate.
Seera baatii Guraandhala keessa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’e bahe kanaan namni yeroo himatamu kun kan jalqabaati.
Labsiin kun Guraandhala keessa ragga’us tibbana ture gaazexaa Nagaariit irratti kan bahe.
Abbaan Alangee akka ibsetti gaazexessaa kun kaffaltii wabii birri 15,000 qabsiisuun alatti galmee himannaasaatii akka hordofu murtaa'eera.
Haata’u malee, kana dura si’a lama wabiin akka gadhiifamu Mana Murtii Olaanaa Federaalaan murtaa’uus osoo hin gadhiifamin hafeera.
Maaltu ta’e?
Torban darbe gaafa Roobii Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddacha Araadaatti argamu gaazexessaan kun wabiidhaan akka bahu murteesse.
Garuu, gabaasaaleen akka jedhanitti gaafuma sana waaree booda Komishiniin Poolisii Finfinnee murtee mana murtii kana mormuun Mana Murtii Federaalaatti ol iyyate.
Manni murtii jalqaba wabiin akka gadhiifamu murteesse irra deebiin ol iyyannoo komishinii poolisii kuffisee wabiin akka gadhiifamu murteesse.
Bulee isaa gaafa Kamisaa Poolisiin Federaalaa gaazexessaa Yaayyasaw Shimallis shororkessummaan akka shakkan ibsuun akka hin gadhiifamne gaafate.
Wiixata darbe Manni Murtii himannaa shorokeessummaa poolisii federaalaa jalaa kuffise wabiin yeroo lammaffaaf akka gadhiifamu murteesse.
Ta’us Yaayyasaw osoo hin gadhiifamiin harka poolisii akka turu ta’e.
Ajajani mana murtii Olaanaa Federaalaa akka wabiin bahu osoo hojiirra hin ooliin guyyaa kaleessaa labsii odeeffannoo sobaa tamsaasuun himatame.
Maaliin himatame?
Yaayyesawu baay’ina namoota vaayirasichaan du’aniirratti gabaasa dharaa dhiyeessuun hidhame.
Himannaan isaas waa’ee koronaavaayirasii odeeffannoo sobaa tamsaasuun himatame.
Maayirratti garuu gaazexessaan kuni gabaasakootiin dogoggoreera jedhee dhiifama gaafateera.
Mannii murtii olaanaa Federaalaa dhaddachi Lidataa mirga wabii eegeef kunis ittisa ragaa akka dhiyeeffatuuf beellama kenneefi jira.
Yaayyasaw Eenyu?
Gaazexessaan kuni sagantaa torbanitti guyyaa tokko Televijinii Naannoo Tigraay irratti dhihaatuufi ‘Itiyoo – Fooram’ jedhamu qopheessuun beekama.
Yeroo hedduus qondaaltota paartii Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay [TPLF] dhiheessuun gaafata.
Barruu ‘Fitih’ jedhamurrattis ni barreessa.
Isa dura immoo miidiyaa mootummaatti hidhata qaban kanneen akka EBC, FBC akkasumas boodarra Televijinii cufame, ENN, keessa dalageera.
Gaazexessaan kuni bulchiinsa Muummicha Ministiraa Abiyi Ahmad qeequun beekama.
Yeroo dheeraaf Itoophiyaan gaazexeessitoota hidhuun akkasumas mirga bilisummaan yaada ofii ibsachuu hacuucun himatamti.
Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii booda jijjiiramani guddaan mul’ateera.
Haa ta’u malee, gareen mirga namoomaa jalqabumaa eegalee labsiin mootummaan tibbana oduu sobaa to’achuuf baase jijjiirama dhufe danqa jedhanii yaadda’u ibsaa turan.
Torban darbe CPJ’n Itoophiyaan gaazexessaa kana haaldure tokko malee akka hiiku gaafateera.














