Gaazexessaa Yaayyasaw Shimallis wabiin akka gadhiifamu 'murtaa'e'

Gaazexessaa Yaayyasaw Shimallis Tv Tigraay irratti sagantaa dhiheessuun beekama

Madda suuraa, Addis Standard

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexessaa Yaayyasaw Shimallis Tv Tigraay irratti sagantaa dhiheessuun beekama

Gaazexeessaa Yaayyashaw Shimallis kan miidiyaa hawaasummaa gubbaa ‘oduu sobaa olola oofuun’ himatame wabiin gaadhiifamun himame.

Abuukaatoon gaazexessichaa Obbo Taaddalaa G/Madin BBC’tti akka dubbatanitti wabii birrii 25,000’n akka gadhiifamu manni murtii murtesseera.

Abukaatoon isaa akka jedhanitti himatni Yaayyasaw irratti dhihaate ‘’Oduu sobaa tamsaasuu’’ yoo ta’u hanga si’a sadii mana murtiitti dhihaateera.

Dhaddacha guyyaa har’aan qorataan poolisii guyyoonni qorannoo itti taasisu akka eeyyamamuf gaafatus manni murtii fudhachuu diduu Obbo Taaddalaan himaniiru.

Akkamiin hidhame?

Gaazexessaa Yaayyasaw Shimallis torban lama dura waa’ee koronaavaayirasii gabaasa tokko erga hojjetee booda to’annoo jala oole.

Sagantaa torbanitti guyyaa tokko Televijinii Naannoo Tigraay irratti dhihaatuufi ‘Itiyoo – Fooram’ jedhamu qopheessuun beekama.

Yeroo hedduus qondaaltota paartii Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay [TPLF] dhiheessuun gaafata.

Barruu ‘Fitih’ jedhamurrattis ni barreessa.

Mirga gaazexeessitootaaf kan falmu dhaabbanni ‘CPJ’ torban lama dura ibsa baaseen ‘haal dure tokko malee’ mootummaan Itoophiyaa gaazexessaa kana akka hiiku gaafatee ture.

Itoophiyaan keessumaa erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanii as dirree dimookiraasii bal'isuun maqaan isaanii gaariin ni ka'a.