Koronaavaayirasii: Gaazexessaan beekamaa Zimbaabuwee umrii 30'n koronaavayirasiin du'e

Madda suuraa, Zororo Makamba
Gaazexessaan beekamaa Zimbaabuwee Zororoo Makaambaa jedhamu umrii isaa 30'tti dhukkuba koronaavayirasiin qabamee lubbuun isaa dabarte.
Duuni isaa kuni naasuu guddaa dargaggoonnis dhukkuba addunyaa yaaddesse kanaan du'uu akka danda'an kan agarsiisuu akka ta'e fudhatameera.
Torban darbe Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dargaggoonni of dagachuu hin qaban jechuun akeekkachiisanii turan.
Zorooroo Makambaan baatii darbe gara Ameerikaa kan imale yoo ta'u dhukkubichi achitti isa qabu akka hin oolle gabaasaaleen agarsiisu.
Televijinii irratti sagantaalee dhiheessun biyya isaa keessatti kan beekamu Makaambaan jalqaba ji'a kana keessatti biyyatti erga deebi'e as mallattoon dhukkubichaa irratti mul'atee ture.
Sambata darbe qorannoo taasiseen koronaavaayirasiin kan irratti argame yoo ta'u guyyaa kaleessaa du'u isaa Ministeerri Fayyaa biyyattii ifa taasisaniiru.
Ministeerri Fayyaa ibsa baasen Makaambaan Kamisa darbe mallattoo dhukkubichaa agarsiisnaan hospitaala magaalaa Haraaree akka seenu taasifame.
Qorannoo gaafa Sambataan nama lammataa dhukkubichi irratti argame ta'us guyyaa lama caalaa lubbuun hin turre.
Nami jalqabaa biyyattiitti dhukkubichaan qabame garuu bayyanachaa akka jiru gabaafameera.
Makaambaan bakka itti tursiifamu yeroo seenus baay'ee dhukkubsachuu isaa bakkicharraa gaazexeesstuun BBC Shaangaayi Niyokaa gabaasteetti.
Makaambaan nama maqaa guddaa qabu yoo ta'u maatiin isaa dureessotadha. Nama jalqabaa Zimbaabuwee keessa dhukkuba kanaan du'edhas.
Ministeerri Odeeffannoo Zimbaabuwee Monikaa Mutsvaanguwaa du'uu isaa yeroo dhagahaan ''baay'ee rifachuu'' isaanii ibsaniiru.
Lakkoofsi namoota dhukkuba kanaan Zimbabauwee keessatti qabamanii xiqqoo ta'us ga'umsa biyyattiin dhukkubicha to'achuu qabdu garuu duruu gaaffii keessa jira.
Yeroo dhuma kaanuu Zimbaabuwee keessa hanqinni qorichi mataa, wanti harkatti aguuggataniifi maaskii ni jira.
Yaaddoo dhukkuba kanaan garuu biyyattiin namoonni baay'atanii akka walitti hin qabamne dhorkiteetti.
Manneen amantaa qullaa yeroo ta'an supparmaarkeetiiwwan baay'inni namoota gabaa dhufani akka xiqqaatu gochaa jiru.
Dhukkubni koronaavaayirasii jalqaba biyya Chaayinaatti erga mul'ate as biyyoota Afrikaa hedduu waliin gaheera.














