Koronaavaayiras: Dargagoonnis dhibee kanaan akkuma nama kaanii miidhamu

Madda suuraa, Getty Images
Dargaggoonni koronaavaayirasii hindandamatan kanaaf walitti qabamuufi kanneen dulloomanitti dhihaachuurraa of eeggachuu qabu jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akeekkachiise.
Filannoon dargaggootaa kuni ''yookiin jireenya yookiin du'a,'' jedhan Daarektarri Olaanaa dhaabbichaa Dr Tedroos Adihaanom.
Rakkoo hargansuu vaayirasiin Covid - 19 qaqqabsiisuun akka addunyaatti hanga ammaa dhukkubsattoonni 11,000 ol du'aniiru.
Dhukkubsattoonni 250,000 ol ta'an immoo dhukkuba kanaan qabamaniiru.
Qondaalli olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa yaada kana kan kennan biyyoota garaa garaatti dhukkubichi ga'eessota malee dargaggota hin hubu jechuun of dagachuun mul'ataa gabaasni jedhu erga dhagaahamee boodadha.
Koronaavaayirasiin jalqaba baatii Muddee keessa Chaayinaatti mul'ate. Amma garuu bakki dhukkubni kuni itti hammaate Awurooppaa dha.
Dhukkubni kuni biyya kamuu caalaa biyya Xaaliyaaniittti namoota baay'ee ajjeese.
Kaleessa, gaafa Jimaataa, qofa namoonni 627 du'uun isaanii kan gabaafame yoo ta'u walumaagala biyyattiitti 4,032 ajjeeseera. Biyya tokko keessa namni hammanaa guyyaa tokkotti yeroo du'u kuni kan duraati.

Dr Teedroos maal jedhan?
Ibsa onlaayiniin waajjira muummee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa biyya Siwiitzarlaand Jenevaa argamurraa kennaniin ''kanneen dullooman haalaan hubamanis, dargaggoonni hin du'an jechuu miti,'' jedhaniiru.
''Dargaggootaaf ergaan qaba. Isin dandamattu jechuu miti. Vaayirasichi hospitaala isin galchuu mala, isin ajjeesullee mala. Osoollee dhukkubsachuu baatte filannoon kee du'aafi jireenya gidduudha,'' jechuun akeekkachiisan.

- Balalii dhorkuun alatti COVID19 to'achuuf Itoophiyaan maal murteessite?
- 'Koronaavaayirasiin Itoophiyaatti hammaachuu mala'
- Mala aadaatiin koronaavaayirasii ofirraa ittisuun ni danda'amaa?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Lammiileen Itoophiyaa lama dhukkuba Koronavaayirasiin Xaaliyaanitti du'an
- Wantoota shan Itoophiyaan koronaavaayirasiif qophii akka hin taane mul'isan
Qorannoon akka agarsiisutti namoonni umrii kamirrayyuu jiran vaayirasichaan hubamuu malu. Garuu, kanneen umriin dulloomaniifi dhukkuba qaban irratti hammaata.
Umriin gidudgaleessaa namoota Xaaliyaanitti du'anii 78.5 dha.
Akka Niwork Taayims gabaasetti kan dhukkubsatan keessaa kanneen umriin isaanii 50 gadi ta'eefi %1 ta'an dhukkuba kanaan Chaayinaatti du'aniiru.
Kanneen umriin isaanii 80 ol ta'an keessaa garuu 15% du'an.
Sababa kanaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka hawaasatti walirraa siquurra namuu walirraa siquu qaba jechuu isaa Rooyitarsitu gabaase.














