Ministeera Fayyaa Itoophiyaa: 'Koronaavaayirasiin Itoophiyaatti hammaachuu mala'

Ministir Di'eetaa Ministeera Fayyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EBC/Screenshot

Torban tokkoofi lamaan dhufanitti qaamoleen garaa garaa gahee isaanii yoo gumaachuu baatan dhukkubni koronaavaayirasii kan amma jiru caalaa hammaachuu akka danda'u Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

''Qophii amma jiruufi haala waliigalaa jirurraa yoo ilaallu dhukkubni[tatamsa'inni] kuni dabaluu danda'a,'' jechuun Ministirri Di'eetaa Ministeera Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa EBC'tti himaniiru.

''Kana caalaa hammaachuu danda'a, kanaanis dhaabbachuu danda'a. Hojii keenyatu murteessa jechuudha."

''Torban tokkoofi lama dhufanitti hundi keenya xiyyeeffannoo keennine yoo hojjenne dhaabsisuu dandeenya. Kanaan achi kana caalaa tatamsa'u danda'a,'' jedhan.

Itoophiyaan vaayirasiin kuni biyya seenuu torban dura erga ibsitee booda hanga yoonaa namoonni sagal dhukkuba kanaan qabamamniiru.

Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adihaanom guyyaa kaleessa Afrikaan dammaquu qabdi jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Yaaddoo

Dr Darajjeen akkaataan jireenya hawaasa Itoophiyaa tatamsa'ina dhukkuba koronaaf 'gahee olaanaa gumaachuu danda'a jennee yaadna,' jedhaniiru.

Dabalataanis, 'guyyaa guyyaatti ergaan dabarsinu hangam ummata bira gahaa jira. Hangi ummanni miidiyaa hordofu xiqqaadha,' jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Ummanni hubannoo walfakkaataa qabaachuu dhabuun isaa immoo rakkoo akka ta'e ibsaniiru.

'Baay'inni siree wal'aanamtootaa hospitaalota mootummaafi dhuunfaa keessa jiranii xiqqaadha. Qophiin ogeessota fayyaafi kutaan 'IC' xiqqaadha,' jechuun yaaddoo qaban ibsan.

'Walgahiin dhaabachuu qaba'

Mootummaan Itoophiyaa namoonni shan dhukkuba kanaan qabamuu akka mirkaneessen Wiixata darbe barnoonniifi walgahiiwwan torban lamaan dhufuuf akka hin taasifamne ibsee ture.

Haa ta'u malee, walgahiiwwan gara garaa kan paartii biyya bulchuu dabalatee taasifamaa akka jiran gabaafama. Kana Dr Darajjee Dhugumaan ni mirkaneessu.

''Kan xalayaadhaan dhorkines ni jiru. Garuu, ammas bakkeewwan tokko tokkotti taasifamaa jira… Baay'ee dhorkaa jirra… Walgahiiwwan dhaabbachuu qabu,'' jedhaniiru.

Walgahiin dirqama yoo taasifamuu qaba ta'e baay'inni namootaa xiqqaachuu akka qabuufi meetira lama walirraa fagaachuu qabu jedhan.

Lammiin Itoophiyaa hundi gahee isaa gumaachuu qaba jedhan.