Koronaavaayiras: Naannoon Amaaraa seensa naannichaa irratti sakkatta'iinsa koronaa eegaluufi

Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraa

Naannoon Amaaraa magaalota kallattii gara garaan seensa naannichaarra jira akka Dajan, Dabrabirhaanifi Baatii dabalatee seensa 19 irratti Wiixata irraa eegalee ho'a qaamaa imaltootaa safaruu eegaluufi.

Naannoo Amaaraatti namoota mallatton koronaavaayirasii irratti mul'ate jaha keessaa afur vayirasicharraa bilisa ta'uu isaanii Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Namootni lama hafan ammoo bu'aan qorannoo isaanii eeggamaa jira, akkuma barameen ifa taasifama jedhe.

Koronaavaayirasii ilaalchisuun ibsa har'a magaalaa Baahirdaaritti kennaniin, ogeeyyii fayyaa 300 ta'aniif leenjiin kennamuu isaa hogganaan Biiroo Fayyaa naannichaa Dr Malkaamuu Abbitee himaniiru.

Buufataalee Xiyyaaraa afur naannicha keessa jiraniifi seensa daangaa Sudaan magaalaa Matammaatti namoota 1900 ta'an ho'a qaamaa isaanii qorachuus dubbataniiru.

Naannicha keessa amma dura namni vaayirasichaan qabame jiraachuu dhabuu akka carraa gaariitti fayyadamuun of eeggannoo cimsuun barbaachisaa ta'uu hogganaan Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Dr Mahiteme Haayilee dubbataniiru.

hawaasni odeeffannoo sirrii qaamolee dhimmichi ilaallatu irraa argatuun qulqullina isaa eeggachuu akka qabus dhaamaniiru.

Hogganoota Fayyaa Naannoo Amaaraa

Buufataalee Xiyyaaraa afur naannicha keessa jiraniifi daangaa Sudaanitti dabalataan Dajan, Dabrabirhaanifi Baatii dabalatee magaalota kallattii gara garaan seensa naannichaarra jira 19 keessatti Wiixata irraa eegalee ho'a qaamaa imaltootaa safaruun akka eegalamus dubbataniiru.

Ammatti qorannoon vaayirasichaa Finfinneetti ergamee raawwatama kan jiru yoo ta'u sadarkaa naannootti qorannoo gochuuf gaaffii dhiyeessuu isaanii himaniiru.

Meeshaaleen barbaachisoo kan argaman yoo ta'e laboraatooriin qophii ta'ee akka jiru himan.

Naannichi koree dhimma kanarratti hojjetu aanga'oota olaanoo mootummaafi qaamolee hawaasaa gara garaa irraa ijaaree sochiitti jira.

Hojii kanaafis mootummaan naannicha bajata birrii miliyoona 150 ramadeera.